15
Wal gaʼii Yerusaalemitti Godhame
Namoonni tokko tokko Yihuudaa gara Anxookiiyaatti gad buʼanii, “Isin yoo akkuma seera Museetti dhagna qabachuu baattan fayyuu hin dandeessan” jedhanii obboloota barsiisaa turan. Kunis akka Phaawulosii fi Barnaabaas jara wajjin wal diddaa fi wal morkii cimaa keessa seenan isaan godhe; kanaaf Phaawulosii fi Barnaabaas waaʼee dubbii kanaatiif jedhanii akka Yerusaalemitti ol baʼanii ergamootaa fi maanguddoota bira dhaqaniif amantoota tokko tokko wajjin filataman. Waldaan kiristaanaas isaan ergite; isaanis akka Namoonni Ormaa Waaqatti deebiʼan odeessaa Finiiqee fi Samaariyaa keessa darban. Oduun kunis obboloota hunda akka malee gammachiise. Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanitti waldaan kiristaanaa, ergamoonnii fi maanguddoonni isaan simatan; isaanis waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hunda jaratti himan.
Amantoonni garee Fariisotaa tokko tokko garuu kaʼanii dhaabatanii, “Namoonni Ormaa dhagna qabachuu qaban; akka seera Musee eeganiifis itti himamuu qaba” jedhan.
Ergamoonnii fi maanguddoonni dubbii kana ilaaluuf walitti qabaman. Phexrosis falmii guddaan booddee kaʼee dhaabatee akkana isaaniin jedhe; “Yaa obboloota, isin akka Waaqni yeroo gabaabaan dura akka Namoonni Ormaa afaan koo irraa dubbii wangeelaa dhagaʼanii amananiif jedhee isinuma keessaa na filate beektu. Waaqni yaada garaa namaa beeku sun akkuma nuuf kenne sanatti isaaniifis Hafuura Qulqulluu kennuudhaan akka isaan simate mirkaneesse. Innis sababii garaa isaanii amantiin qulqulleesseef, nuu fi isaan gidduutti garaa garummaa tokko illee hin goone. 10 Yoos maaliif waanjoo nus abbootiin keenyas baachuu hin dandaʼin morma barattootaa irra kaaʼuudhaan Waaqa qortu ree? 11 Nu akka ayyaana Gooftaa keenya Yesuusiitiin fayyinu ni amanna; isaanis akkasuma ni fayyu.”
12 Yommuu Barnaabaasii fi Phaawulos waaʼee mallattoo fi dinqii Waaqni harka isaaniitiin Namoota Ormaa keessatti hojjete sanaa dubbatanitti yaaʼiin guutuun calʼisee isaan dhagaʼaa ture. 13 Erga isaan dubbatanii fixanii booddees Yaaqoob akkana jedhe; “Yaa obboloota, mee na dhaggeeffadhaa! 14 Simoonis akka Waaqni duraan dursee Namoota Ormaa keessaa saba tokko ofii isaatii filachuun jaalala isaa argisiise nutti himeera. 15 Dubbiin raajotaas waan kana wajjin walii gala; innis akkana jedhamee barreeffameera:
16 “ ‘Kana booddee ani nan deebiʼa;
dunkaana Daawit kan kufe sana deebisee nan ijaara;
diigamaa isaa immoo deebisee nan ijaara;
deebisees nan dhaaba;
17 kunis akka namoonni hafan jechuunis,
Namoonni Ormaa warri maqaa kootiin waamaman hundinuu
gooftaa barbaadaniif’*
18 jedha Gooftichi waan bara dheeraaf beekame hojjete sun.
19 “Kanaaf nu akka murtii kootiitti Namoota Ormaa kanneen Waaqatti deebiʼan rakkisuu hin qabnu. 20 Qooda kanaa akka isaan nyaata waaqonni tolfamoon xureessan, sagaagalummaa, foon horii hudhamee duʼeetii fi dhiiga lagataniif xalayaa barreessinee itti himuu qabna. 21 Seerri Musee dhaloota duriitii jalqabee magaalaa hunda keessatti lallabamaa ture; manneen sagadaa keessattis Sanbata Sanbata ni dubbifama.”
Xalayaa Namoota Ormaatti Ergame
22 Yommus ergamoonnii fi maanguddoonni miseensota waldaa kiristaanaa guutuu wajjin tokko taʼanii namoota isaanii keessaa tokko tokko filatanii Phaawulosii fi Barnaabaas wajjin gara Anxookiiyaatti erguu murteessan; isaanis namoota lama jechuunis Yihuudaa isa Barsiyaan jedhamuu fi Siilaas kanneen obboloota keessatti dura buʼoota turan sana filatan. 23 Xalayaa armaan gad jiru kanas isaanitti ergan:
Obboloota keessan, ergamootaa fi maanguddoota irraa;
Gara Namoota Ormaa kanneen amanan warra Anxookiiyaa, Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa jiraataniitti;
Nagaa isinii dhaamna.
24 Nu akka namoonni tokko tokko eeyyama keenya malee nu biraa baʼanii waan dubbataniin qalbii isin raasanii isin jeeqan dhageenyeerra. 25 Kanaafuu nu hundi namoota tokko tokko filannee obboloota keenya jaallatamoo Barnaabaasii fi Phaawulos jechuunis 26 namoota maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiif jedhanii jireenya isaanii kennan isinitti erguuf walii galle. 27 Kanaafuu akka isaan waanuma nu barreessine sana dubbii afaaniitiin isinii mirkaneessaniif jennee Yihuudaa fi Siilaasin ergineerra. 28 Waan barbaachisaa armaan gad jiru kana malee akka nu baʼaa tokko illee isin irra hin keenye Hafuurri Qulqulluun jaallateera; nus itti gammanneerra; 29 kunis akka isin nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagattanii dha. Isin yoo waan kana irraa of eegdan, waan qajeelaa hojjettan.
Nagaatti.
30 Jarri sunis ergamanii Anxookiiyaatti gad buʼan; achittis amantoota walitti qabanii xalayaa sana itti kennan. 31 Amantoonnis yommuu xalayaa sana dubbisanitti gorsa jajjabeessaa sanatti ni gammadan. 32 Yihuudaa fi Siilaas warri mataan isaanii iyyuu raajota turan sun dubbii baayʼeen obboloota gorsanii jajjabeessan. 33 Erga isaan yeroo gabaabaa achi turanii booddees, obboloonni akka isaan warra isaan erganitti deebiʼaniif nagaan isaan geggeessan. [ 34 Siilaas immoo achumatti hafuu murteesse.] 35 Phaawulosii fi Barnaabaas garuu Anxookiiyaatti hafanii namoota biraa hedduu wajjin dubbii Gooftaa barsiisan; ni lallabanis.
Wal dhabuu Phaawulosii fi Barnaabaas
36 Phaawulosis bultii gabaabduu booddee Barnaabaasiin, “Mee kottu, magaalaawwan itti dubbii Gooftaa lallabne hundatti deebinee obboloota dubbifnaa; haala isaan keessa jiranis ni ilaallaa!” jedhe. 37 Barnaabaasis Yohannis isa Maarqos jedhamu sana isaan wajjin fudhatee deemuu barbaade. 38 Phaawulos garuu sababii Maarqos isaan wajjin hojiitti fufuu didee Phamfiliyaatti isaan dhiisee deemeef akka inni isaan wajjin deemu hin jaallanne. 39 Kana irratti waldhabiisni guddaan gidduu isaaniitti uumamnaan gargar baʼan; Barnaabaasis Maarqosin fudhatee dooniidhaan Qophiroositti qajeele. 40 Phaawulos immoo Siilaasin filatee erga obboloonni dabarsanii ayyaana gooftaatti isa kennanii booddee kaʼee deeme. 41 Innis waldoota kiristaanaa jajjabeessaa Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa darbe.
* 15:17 15:17 Amo 9:11,12 15:34 15:34 Waraabbileen durii tokko tokko luqqisaa kana hin qaban.