17
Phaawulosii fi Siilaas Tasaloniiqee Keessatti
Isaanis Amfiipholiisii fi Apholooniyaa keessa darbanii Tasaloniiqee iddoo manni sagadaa Yihuudootaa ture dhufan. Phaawulosis akkuma amala isaa mana sagadaa seenee guyyaa Sanbataa sadii dubbii kitaabaa irratti isaan wajjin dudubbachaa, akka Kiristoos* dhiphachuu fi warra duʼan keessaa kaʼuu qabu addeessaa, mirkaneessaas ture. Innis, “Yesuus ani amma isinitti himu kun Kiristoosii dha” jedhe. Yihuudoota keessaa tokko tokko, Giriikota Waaqa sodaatan keessaas namoonni akka malee baayʼatanii fi dubartoonni bebeekamoon hedduun amananii Phaawulosii fi Siilaasitti dabalaman.
Yihuudoonni garuu hinaaffaan guutaman; isaanis iddoo gabaatii kashlabboota tokko tokko walitti qabatanii, uummatas kakaasanii magaalaa keessatti goolii uuman; Phaawulosii fi Siilaasinis fuula uummataa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isaan barbaacha mana Yaasonitti fiigan. Yommuu jara dhabanitti immoo Yaasonii fi obboloota tokko tokko harkisaa fuula qondaaltota magaalaa duratti dhiʼeessanii akkana jedhanii iyyan; “Namoonni addunyaa hunda rakkisaa turan kunneen amma kunoo as dhufaniiru; Yaasonis mana isaatti isaan simateera. Hundi isaaniis, ‘Mootiin biraa kan Yesuus jedhamu tokko jira’ jedhanii labsii Qeesaariin mormu.” Uummannii fi qondaaltonni magaalaa sanaas yommuu waan kana dhagaʼanitti ni raafaman. Isaanis Yaasonii fi warra kaan irraa qabsiisa fuudhanii gad isaan dhiisan.
Phaawulosii fi Siilaas Beeriyaa Keessatti
10 Obboloonnis yeruma sana Phaawulosii fi Siilaasin halkaniin Beeriyaatti ergan; isaanis yommuu achi gaʼanitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan. 11 Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii. 12 Kanaaf Yihuudoota keessaa baayʼeen ni amanan; akkasumas dubartoonni Giriik beekamoon hedduunii fi dhiironni Giriik hedduun ni amanan.
13 Yihuudoonni Tasaloniiqee yommuu akka Phaawulos Beeriyaa keessattis dubbii Waaqaa lallabaa ture dhagaʼanitti achis dhaqanii rakkoo uumanii uummata kakaasan. 14 Obboloonni immoo yommusuma Phaawulosin gara qarqara galaanaatti ergan; Siilaasii fi Xiimotewos garuu Beeriyaatti hafan. 15 Namoonni Phaawulosin geggeessanis Ateenaan isa gaʼanii akka Siilaasii fi Xiimotewos hamma isaanii dandaʼametti dafanii Phaawulos bira dhaqaniif ajaja fuudhaniifii deebiʼan.
Phaawulosii fi Siilaas Ateenaa Keessatti
16 Phaawulos utuu Ateenaa keessatti isaan eegaa jiruu akka magaalaan sun waaqota tolfamoodhaan guutamte argee akka malee gadde. 17 Kanaaf mana sagadaa keessatti Yihuudootaa fi Giriikota Waaqa sodaatan wajjin, iddoo gabaatti immoo guyyuma guyyaan warra achitti argaman wajjin falmaa ture. 18 Gareen falaasamtoota Efiiqoroosiitii fi Istoʼiki tokkos isaan falmaa ture; isaan keessaa tokko tokko, “Namichi legellegaan kun maal jedha?” jedhan. Warri kaan immoo, “Inni waaʼee waaqota ormaa labsa fakkaata” jedhan. Phaawulos waaʼee Yesuusii fi waaʼee duʼaa kaʼuu lallabaa tureetii. 19 Isaanis isa qabanii gara wal gaʼii Ariyoosphaagositti geessan; achittis akkana jedhaniin; “Barsiisni haaraan ati fidde kun maal akka taʼe beekuu dandeenyaa? 20 Ati waan nu takkumaa hin dhagaʼin nutti himaa jirta; kanaaf nu akka wanni kun maal jechuu taʼe beekuu feena.” 21 Warri Ateenaa hundii fi namoonni biyya ormaa kanneen achi jiraatan yeroo isaanii waan haaraa dhagaʼuu fi odeessuu irratti malee waan biraa irratti hin balleessan ture.
22 Phaawulosis wal gaʼii Ariyoosphaagos walakkaa dhaabatee akkana jedhe; “Yaa namoota Ateenaa! Ani akka isin karaa hundaanuu warra amantaa taatan nan hubadha. 23 Ani yommuun nanaannaʼee waan isin waaqeffattan ilaaletti iddoo aarsaa kan katabbii,
Waaqa hin Beekamneef,
jedhu of irraa qabu argeeraatii. Egaa amma waan isin utuu hin beekin waaqeffattan kana isinittin hima.
24 “Waaqni addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda uume sun Gooftaa samiitii fi lafaa ti; inni mana qulqullummaa kan harka namaatiin hojjetame keessa hin jiraatu. 25 Inni mataan isaa sababii jireenya hafuura baafatamuu fi waan biraa hunda nama hundaaf kennuuf akka waan waa dhabeetti harka namaatiin hin tajaajilamu. 26 Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse. 27 Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe. 28 Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’
29 “Kanaafuu nu waan ilmaan Waaqaa taaneef Waaqni waan akka warqee yookaan meetii yookaan dhagaa jechuunis waan ogummaa fi beekumsa namaatiin hojjetame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu. 30 Waaqni bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja. 31 Innis guyyaa itti harka namicha filate sanaatiin qajeelummaadhaan addunyaatti muru murteesseeraatii; kanas warra duʼan keessaa isa kaasuun nama hundumaaf mirkaneesseera.”
32 Isaan keessaa namoonni tokko tokko yommuu waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii dhagaʼanitti ni qoosan; warri kaan immoo, “Nu ammas dubbii kana sirraa dhagaʼuu barbaanna” jedhan. 33 Kana irratti Phaawulos isaan keessaa baʼee deeme. 34 Namoonni tokko tokko garuu gama Phaawulos goranii amanan; isaan keessaas namichi Diiyonaasiyoos jedhamu kan miseensa Ariyoosphaagos ture tokko, dubartiin Damaariis jedhamtuu fi namoonni biraas isaan wajjin turan.
* 17:3 17:3 yookaan Masiihichi 17:18 17:18 Efiiqoroosiitii – Falaasamaan Giriik kan Efiiqoroos jedhamu tokko dhaloota Gooftaatiin dura (Bara 341–270 keessa) akka gammachuun jireenya namaa keessatti waan hundumaa caalaa gaarii taʼe barsiisee ture. Gareen Efiiqoroos akka waan waaqonni hin jirreetti yookaan akka waan waaqonni waan addunyaa keessatti taʼu irratti humna hin qabneetti amanan. 17:18 17:18 Istoʼiki – isaan barumsa falaastuu Zeenoo jedhamu kan Dhaloota Kiristoosiitiin Dura (Bara 340–265 keessa) akka gammachuun jireenya tolaan yookaan dhukkubsachaan yookaan moʼachuun yookaan moʼatamuun tuqamuu dhabuu keessa jiru addeessanii ibsan.