28
Phaawulos Malaaxiyaa Gaʼuu Isaa
Nus nagumaan qarqara galaanaatti baanee akka biyyi bishaaniin marfamte sun Malaaxiyaa jedhamtu beekne. Namoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatanis gara laafina dinqisiisaa nu argisiisan. Isaanis sababii roobnii fi dhaamochi tureef ibidda bobeessanii hunda keenya simatan. Utuu Phaawulos hanxaxii qoraanii walitti qabee ibiddatti naqaa jiruu buutiin sababii hoʼaatiin gad baate tokko harka isaatti maxxantee gad dhiisuu didde. Warri biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan sunis buutii harka isaatti rarraatu arganii, “Namichi kun nama nama ajjeese taʼuu hin oolu; inni yoo balaa galaanaa jalaa baʼe illee Murtiin Qajeelaan akka inni jiraatu hin eeyyamneef” waliin jedhan. Phaawulos buutii sana ibidda keessa of irraa buuse; miidhaa tokko malees hafe. Namoonni sunis, “Inni ni dhiitaʼa yookaan akkuma tasaa kufee duʼa” jedhanii eegan; garuu yommuu yeroo dheeraa eeganii akka inni waa tokko illee hin taʼin arganitti yaada geeddaratanii, “Inni waaqa” jedhan.
Bulchaan biyya bishaaniin marfamtee kan Phubiliyoos jedhamu tokkos naannoo sanaa lafa qotiisaa qaba ture; innis mana isaatti nu simatee guyyaa sadii jaalalaan nu keessumsiise. Abbaan Phubiliyoos dhukkuba dhagna nama gubuu fi garaa nama kaasuun qabamee ciisaa ture; Phaawulosis isa gaafachuuf ol seenee erga kadhatee booddee harka irra kaaʼee isa fayyise. Yommuu wanni kun taʼetti dhukkubsattoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan biraa hundi dhufanii fayyan. 10 Isaanis karaa baayʼeedhaan ulfina nuu kennan; yommuu nu dooniin deemuuf kaanettis waan nu barbaachisu hunda nuuf kennan.
Phaawulos Roomaa Gaʼe
11 Nus jiʼa sadii booddee doonii Iskindiriyaa kan biyya bishaaniin marfamte sana irratti yeroo gannaa dabarse tokkoon kaanee deemsa jalqabne; dooniin sunis asxaa waaqota lakkuu Kastoorii fi Paaluksi adda isaa irraa qaba ture. 12 Seraakuus geenyees bultii sadii achi turre. 13 Achiis kaanee Reegiyuumitti galle; guyyaa tokko booddees waan bubbeen kibbaa bubbiseef guyyaa itti aanutti Putiyooluus geenye. 14 Achitti obboloota tokko tokko arganne; isaanis akka nu bultii torba isaan bira turru nu kadhatan. Nus akkasiin Roomaatti galle. 15 Obboloonni achi turanis yommuu dhufaatii keenya dhagaʼanitti hamma iddoo gabaa Aphiyuusiittii fi iddoo “Lafa Bultoo Sadii” jedhamuutti nu simachuu dhufan; Phaawulosis isaan argee Waaqa galateeffate; ofii isaatiis ni jajjabaate. 16 Yommuu nu Roomaa geenyetti Phaawulos akka loltuu isa eegu tokko wajjin kophaa isaa jiraatu eeyyamameef.
Phaawulos Eegumsa Jalatti Roomaatti Lallabuu Isaa
17 Phaawulosis guyyaa sadii booddee dura buʼoota Yihuudootaa walitti waame; yommuu isaan walitti qabamanittis akkana jedheen; “Yaa obboloota ko, ani utuu waan saba keenyaan yookaan duudhaa abbootii keenyaatiin mormu tokko illee hin hojjetin Yerusaalem keessatti qabamee dabarfamee harka warra Roomaatti kennameera. 18 Isaanis erga na qoranii booddee sababii ani yakka duʼa namatti mursiisu tokko illee hin qabaatiniif gad na dhiisuu barbaadan. 19 Ani garuu yoo waan ittiin saba koo himadhu tokko iyyuu hin qabaatin illee yommuu Yihuudoonni mormanitti akka Qeesaaritti ol iyyadhu nan dirqame. 20 Wanni ani isin arguu fi isin wajjin haasaʼuu kadhadheefis kanuma. Ani sababuma abdii Israaʼeliif jedhee foncaa kanaan hidhameera.”
21 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu xalayaa waaʼee kee dubbatu tokko illee biyya Yihuudaatii hin arganne; obboloota achii dhufan keessaas namni tokko iyyuu waaʼee kee waan hamaa hin dubbanne; nuttis hin himne. 22 Nu garuu yaadni kee maal akka taʼe sirraa dhagaʼuu barbaanna; nu akka namoonni iddoo hunda jiran garee kanaan morman ni beeknaatii.”
23 Isaanis guyyaa itti Phaawulos wajjin wal argan qabatanii, akka malee baayʼatanii lafa inni jiraachaa ture dhaqan; innis ganamaa jalqabee hamma galgalaatti waaʼee mootummaa Waaqaa isaanii ibsaa, lallabaas ture; waaʼee Yesuusiis Seera Museetii fi Kitaabota Raajotaa keessaa eeree isaan amansiisuu yaalaa ture. 24 Isaan keessaa warri tokko tokko waan inni jedhe ni fudhatan; warri kaan immoo amanuu didan. 25 Isaan gidduutti waldhabiisni uumamnaan kaʼanii deemuu jalqaban; kunis erga Phaawulos akkana jedhee dubbii dhumaa dubbatee booddee; “Hafuurri Qulqulluun yeroo karaa Isaayyaas raajichaatiin abbootii keessanitti dubbate sana dhugaa isaa dubbate; innis akkana jedhe:
26 “ ‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi;
“Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan;
ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.”
27 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii;
gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu;
ija isaaniis dunuunfataniiru;
utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii,
gurra isaaniitiin dhagaʼanii,
qalbii isaaniitiinis hubatanii,
ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’*
28 “Kanaafuu ani akka fayyisuun Waaqaa gara Namoota Ormaatti ergame akka isin beektan nan barbaada! Isaanis ni dhagaʼu.” [ 29 Yihuudoonnis erga inni waan kana dubbatee booddee jabeessanii waliin mormaa achii deeman.]
30 Phaawulosis waggaa lama guutuu mana ofii isaatii kireeffate keessa jiraachaa, warra isa dubbisuu dhufan hundas simachaa ture. 31 Innis ija jabinaan, gufuu tokko malees mootummaa Waaqaa lallabaa, waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoosis barsiisaa ture.
* 28:27 28:27 Isa 6:9,10 28:29 28:29 Hiikkaawwan durii tokko tokko luqqisaa kana hin qaban.