9
Saaʼol Jijjiirame
9:1‑19 kwf – Hoj 22:3‑16; 26:9‑18
Gidduudhuma sana Saaʼol barattoota Gooftaa ajjeesuuf dhaadachaa gara luba ol aanaa dhaqee, nama karaa kana irra jiru kam iyyuu dhiiras dubartiis yoo argate akka hidhee Yerusaalemitti geessuuf akka lubni sun gara manneen sagadaa kanneen Damaasqoo jiraniitti xalayaawwan isaaf barreessuuf isa kadhate. Utuu inni deemaa jiruu akkuma Damaasqootti dhiʼaateen akkuma tasaa ifni tokko samii irraa naannoo isaatti balaqqise. Innis lafatti kufee sagalee, “Yaa Saaʼol, Yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta?” isaan jedhu tokko dhagaʼe.
Saaʼolis, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhee gaafate.
Innis akkana jedhee deebiseef; “Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha. Arfii wayii dhiituun suma miidha. Amma kaʼii magaalaa seeni; wanni ati gootu sitti himamaatii” jedheen.
Namoonni Saaʼol wajjin deemaa turanis waan dubbatan dhabanii dhadhaabatan; isaanis sagalee dhagaʼan malee nama tokko illee hin argine. Saaʼolis lafaa kaʼe; innis yommuu iji isaa banametti homaa arguu hin dandeenye; isaanis harka isaa qabanii Damaasqootti isa geessan. Iji isaas Guyyaa sadii guutuu arguu hin dandeenye; innis homaa hin nyaanne; homaas hin dhugne.
10 Damaasqoo keessa barataa Anaaniyaas jedhamu tokkotu ture. Gooftaanis mulʼataan, “Yaa Anaaniyaas!” jedhee isa waame.
Innis, “Yaa Gooftaa, kunoo ani asin jira” jedhee deebise.
11 Gooftaanis akkana jedheen; “Kaʼii gara daandii ‘Qajeelaa’ jedhamu sanaa mana Yihuudaa dhaqiitii nama Saaʼol jedhamu kan Xarseesii dhufe tokko iyyaafadhu; inni kadhannaa irra jiraatii. 12  Saaʼolis nama Anaaniyaas jedhamu tokko isaa dhufee akka agartuun isaa deebiʼuufiif harka isa irra kaaʼu mulʼataan arge.”
13 Anaaniyaasis deebisee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ani waaʼee namicha kanaa, miidhaa inni qulqulloota kee warra Yerusaalem jiraatan irratti hojjete hundumaa dhagaʼeera. 14 Ammas warra maqaa kee waammatan hunda hidhuuf jedhee luboota hangafoota irraa aangoo fudhatee dhufeera.”
15 Gooftaan garuu Anaaniyaasiin akkana jedhe; “Namichi kun miʼa koo kan ani akka inni namoota Ormaatii fi mootota isaanii duratti, saba Israaʼel durattis maqaa koo baatuuf jedhee filadhe waan taʼeef kaʼii dhaqi! 16  Ani akka inni maqaa kootiif jedhee rakkachuu qabu isattin argisiisa.”
17 Anaaniyaasis dhaqee mana sana seene. Harka isaas Saaʼol irra kaaʼee, “Yaa obboleessa koo Saaʼol, Gooftaa Yesuus inni utuu ati as dhuftuu karaa irratti sitti mulʼate sun akka ati argituu fi akka ati Hafuura Qulqulluun guutamtuuf na ergeera” jedhe. 18 Yommusuma wanni akka qolaa ija Saaʼol irraa harcaʼe; inni ammas arguu dandaʼe. Kaʼees cuuphame. 19 Nyaatas nyaatee jajjabaate.
Saaʼol Damaasqoo fi Yerusaalemitti Lallabe
Saaʼol bultii gabaabduudhaaf barattoota Damaasqoo jiran bira bubbule. 20 Innis akka Yesuus ilma Waaqaa taʼe yeruma sana manneen sagadaa keessatti lallabuu jalqabe. 21 Warri isa dhagaʼan hundinuus dinqifatanii akkana jedhan; “Namichi kun isuma Yerusaalem keessatti warra maqaa kana waammatan balleesse sana mitii? Ammas hidhee luboota hangafootatti isaan geessuuf dhufe mitii?” 22 Saaʼol garuu ittuma jabaachaa deeme; innis akka Yesuus kun Kiristoos* taʼe mirkaneessuudhaan Yihuudoota Damaasqoo keessa jiraatan afaan qabachiise.
23 Erga guyyaan hedduun darbee booddees Yihuudoonni isa ajjeesuuf mariʼatan. 24 Saaʼol garuu marii isaanii kana beeke; isaanis isa ajjeesuuf jedhanii halkanii guyyaa balbala magaalaa sanaa jabeessanii eegaa turan. 25 Barattoonni isaa garuu halkaniin fuudhanii guuboodhaan dallaa irraan dabarsanii gad isa buusan.
26 Innis yommuu gara Yerusaalem dhufetti barattootatti dabalamuu yaale; isaanis waan barataa taʼuu isaa hin amaniniif hundi isaanii isa sodaatan. 27 Barnaabaas immoo fuudhee ergamootatti isa geesse; akka Saaʼol itti karaatti gooftaa arge, akka itti gooftaan isatti dubbatee fi akka inni sodaa malee Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin lallabe isaanitti hime. 28 Saaʼolis isaan wajjin jiraatee Yerusaalem keessa sodaa malee baʼee galaa ture; maqaa Gooftaatiinis ija jabinaan lallabe. 29 Yihuudoota Giriikota keessa jiraatan wajjinis dubbachaa isaaniinis morkachaa ture; isaan garuu isa ajjeesuu barbaadan. 30 Obboloonnis yommuu waan kana beekanitti fuudhanii Qiisaariyaatti gad isa buusan; gara Xarsees isa ergan.
31 Kanaafis waldaan kiristaanaa Yihuudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessa jirtu guutummaatti nagaa argatte; ni cimtes. Isheenis Hafuura Qulqulluudhaan jajjabaatee sodaa Gooftaatiin jiraachuudhaan baayʼinaan guddachaa deemte.
Eeniyaa fi Doorqaa
32 Phexros utuu biyya sana keessa naannaʼaa jiruu qulqulloota Liidaa keessa jiraatan ilaaluuf gad buʼe. 33 Achittis namicha laamshaʼaa Eeniyaa jedhamu kan waggaa saddeeti siree irratti hafee ture tokko arge. 34 Phexrosis, “Yaa Eeniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyisa; kaʼiitii siree kee afadhu” jedheen. Eeniyaanis yommusuma kaʼe. 35 Namoonni Liidaa fi Shaaroon keessa jiraatan hundinuu isa arganii Gooftaatti deebiʼan.
36 Yoophee keessas barattuu Xaabiitaa jedhamtu tokkotu ture; Xaabiitaa jechuun Doorqaa jechuu dha. Isheenis yeroo hunda waan gaarii hojjetti; hiyyeeyyiis ni gargaarti turte. 37 Isheenis baruma sana keessa dhukkubsattee duute; reeffa ishees dhiqanii kutaa darbii tokko keessa kaaʼan. 38 Liidaan kun Yoopheetti dhiʼoo turte; barattoonnis yommuu akka Phexros Liidaa jiru dhagaʼanitti nama lama isatti erganii, “Maaloo dafii nu bira gaʼi!” jedhanii isa kadhatan.
39 Phexrosis kaʼee isaan wajjin deeme; akkuma inni achi gaʼeenis gara kutaa darbii sanaatti isa geessan. Haadhonni hiyyeessaa hundinuu isa bira dhaabatanii kootii fi wayyaa biraa kan Doorqaan yeroo isaan wajjin turte hojjette sana isatti argisiisanii booʼaa turan.
40 Phexrosis hunda isaanii gad baasee jilbeenfatee Waaqa kadhate; reeffa sanattis garagalee, “Xaabiitaa kaʼi!” jedhe. Isheenis ija ishee banattee Phexrosin argite; kaatees ni teesse. 41 Innis harka qabee ishee kaase; amantootaa fi haadhota hiyyeessaa waamee jiraattuu taatee isaan fuuldura dhaabe. 42 Kunis Yoophee hunda keessatti beekame; namoonni baayʼeenis Gooftaatti amanan. 43 Phexrosis Yoophee keessa gogaa duugduu Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu ture.
* 9:22 9:22 yookaan Masiihii