3
Amantoonni Qorontos Xalayaa Kiristoos Taʼuu Isaanii
Nu ammas of galateeffachuu jalqabnaa ree? Yookaan akka namoota tokko tokkoo xalayaa deeggarsaa gara keessanitti fiduu yookaan isin biraa argachuu nu barbaachisaa ree? Xalayaan keenya kan namni hundinuu beekuu fi dubbisu kan garaa keenya keessatti barreeffame isinuma. Isin akka xalayaa Kiristoos, buʼaa tajaajila keenyaa taatan ifa; xalayaan kunis qalamiidhaan utuu hin taʼin Hafuura Waaqa jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin gabatee garaa namaa irratti kan barreeffamee dha.
Amantiin nu karaa Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti qabnus kan akkanaa ti. Nu waan tokko illee ofii keenyaan hojjechuuf dandeettii qabna jennee miti; dandeettiin keenya garuu Waaqa irraa dhufa. Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.
Ulfina Kakuu Haaraa
Erga tajaajilli duʼa fide kan qubeedhaan dhagaa irratti qirixame sun hamma Israaʼeloonni sababii ulfina isaa kan irraa badaa deemu sanaatiif xiyyeeffatanii fuula Musee ilaaluu hin dandeenyetti ulfinaan dhufee, tajaajilli Hafuuraa immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatuu ree? Erga tajaajilli murtii namatti fidu ulfina qabaatee, tajaajilli qajeelummaa fidu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree! 10 Wanni ulfina qabeessa ture sun yommuu ulfina caalu biratti ilaalamu amma ulfina hin qabuutii. 11 Erga wanni yeroodhaaf jiraatu sun ulfinaan dhufee, ulfinni isa bara baraan jiraatuu immoo hammam caalaa guddaa haa taʼu ree!
Fuula Hin Haguuggaminiin Ulfina Waaqaa Arguu
12 Kanaafuu nu abdii akkasii waan qabnuuf baayʼee ija jabaanna. 13 Nu warra akka Musee isa akka sabni Israaʼel dhuma waan badaa deemu sanaa hin argineef jedhee haguuggiidhaan fuula isaa haguuggatee miti. 14 Yaadni isaanii garuu hadoodeera; isaan hamma harʼaatti iyyuu yommuu kakuu moofaa dubbisanitti haguuggiin sun isaan irraa hin fuudhamne. Inni Kiristoos qofaan irraa fuudhamaatii. 15 Hamma harʼaatti illee yeroo isaan seera Musee dubbisanitti haguuggiin yaada garaa isaanii ni haguuga. 16 Yeroo namni kam iyyuu gara Gooftaatti deebiʼutti garuu haguuggiin sun irraa fuudhama. 17 Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira. 18 Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.