8
Arjummaa Qulqullootaaf Taasifame
Yaa obboloota, waaʼee ayyaana Waaqni waldoota kiristaanaa Maqedooniyaatiif kennee isin akka beektan ni barbaanna. Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera. Ani akka isaan hamma dandeettii isaanii, dandeettii isaaniitii olis fedhii isaaniitiin kennan dhugaa nan baʼaatii. Isaan guutumaan guutuutti ofuma isaaniitiin carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan. Isaan garuu duraan dursanii Gooftaaf, ergasii immoo fedhii Waaqaatiin nuuf of kennan malee akka nu eegne hin goone. Kanaafuu Tiitoon akkuma duraan jalqabe sana hojii arjummaa kana gama keessaniin akka fiixaan baasuuf isa kadhanne. Isin garuu akkuma waan hundaan jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsaan, tattaaffii guutuu fi jaalala nuuf qabdaniin caaltan sana, kennaa arjummaa kaaniinis akka caaltan mirkaneessaa.
Ani tattaaffii namoota kaaniitiin wal bira qabee jaalalli keessan dhugaa taʼuu isaa qoruu barbaadeeti malee isin ajajaa hin jiru. Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.
10 Waan kana irratti gorsi ani waaʼee waan hunda caalaa isiniif wayyuu irratti kennu kanaa dha. Isin waggaa darbe kennuu qofaan utuu hin taʼin fedhii kennuuf qabdaniinis kanneen jalqabaa turtan. 11 Ammas fedhiin cimaan isin hojii sanaaf qabdan isa fiixa baasuu keessaniin akka mirkanaaʼuuf waanuma qabdaniin hojii sana fiixaan baasaa. 12 Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti.
13 Fedhiin keenya akka isin rakkattanii warra kaanitti immoo toluuf utuu hin taʼin akka wal qixxummaan jiraatuuf. 14 Akka wanti isaan irraa hafu hirʼina keessan guutuuf, yeroo ammaa wanti isin irraa hafu hirʼina isaanii ni guuta. Yoos wal qixxummaan ni jiraata; 15 kunis akkuma, “Isa baayʼee walitti qabateef baayʼeen hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis wanni tokko iyyuu hin hirʼanne”* jedhamee barreeffamee dha.
Tiitoon Qorontositti Ergame
16 Waaqa yaaduma ani isiniif qabu garaa Tiitoo keessa kaaʼe sana nan galateeffadha. 17 Tiitoon gorsa keenya fudhachuu qofaan utuu hin taʼin fedhii guddaan ofuma isaatiin kaʼee gara keessan dhufaa jiraatii. 18 Nus obboleessa tajaajila wangeelaatiin waldoota kiristaanaa hundaan jajame sana isa wajjin ni ergina. 19 Kana malees inni hojii nu ulfina Gooftaatii fi fedhii gaarii qabnu mulʼisuuf hojjennu keessatti akka nu wajjin deemuuf waldoota kiristaanaatiin filatameera. 20 Nu kennaa arjummaa kana hojii irra oolchuu keessatti akka namni kam iyyuu maqaa nu hin balleessine of eegganna. 21 Nu utuu fuula Gooftaa qofa duratti hin taʼin fuula namootaa durattis waan qajeelaa hojjechuuf tattaaffanna.
22 Kana malees obboleessa keenya isa nu yeroo baayʼee waan hedduun qorree nama hisataa taʼuu isaa mirkaneeffanne sana isaan wajjin ergineerra; innis waan amantii guddaa isin irraa qabuuf kan duraa caalaa ni yaada. 23 Waaʼee Tiitoo irratti, inni garee koo kan na wajjin isin gidduu hojjetuu dha; waaʼee obboloota keenyaa immoo isaan bakka buʼoota waldoota kiristaanaatii fi ulfina Kiristoos. 24 Kanaafuu akka waldoonni kiristaanaa arguu dandaʼaniif dhugaa jaalala keessaniitii fi sababii nu isiniin of jajnuuf namoota kanneenitti argisiisaa.
* 8:15 8:15 Bau 16:18