11
Anis bara Daariyoos namicha Meedon keessaa waggaa tokkoffaatti isa jajjabeessuu fi eeguuf isa bira dhaabadheen ture.
Mootota Kibbaatii fi Kaabaa
“Egaa ani dhugaan sitti hima: Mootonni biraa sadii Faares keessatti ni kaʼu; ergasiis mootiin afuraffaan warra kaan hunda irra sooressa taʼe tokko ni kaʼa. Innis erga qabeenya isaatiin jabina argatee booddee tokkoo tokkoo namaa mootummaa Giriik irratti ni kakaasa. Ergasii mootiin jabaan tokko ni kaʼa; innis humna guddaadhaan ni bulcha; waan fedhes ni hojjeta. Erga inni dhufee booddee mootummaan isaa diigamee gara qilleensota samii afraniitti gargar qoqqoodama. Mootummaan isaa buqqaʼee mootota biraatiif waan kennamuuf sanyii isaatti hin darbu yookaan humna inni argatee ture sana hin qabaatu.
“Mootiin Kibbaa ni jabaata; ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko garuu isa caalaa iyyuu jabaatee humna guddaadhaan mootummaa sana bulcha. Waggoota muraasaan booddee isaan tokko taʼu; walii galtee godhachuufis intalli mooticha Kibbaa gara mootii Kaabaa ni dhaqxi; garuu humna ishee qabattee turuu hin dandeessu; innii fi humni isaa jabaatee hin jiraatu. Bara sana keessa isheen, qondaaltota ishee, abbaa isheetii fi nama ishee gargaare wajjin dabarfamtee ni kennamti.
“Hidda sanyii ishee keessaas namni tokko iddoo ishee qabachuuf ni kaʼa. Innis humnoota mootii Kaabaa dhaʼee daʼannoowwan isaas cabsee ni seena; lolees isaan moʼata. Inni waaqota isaanii, fakkiiwwan isaanii kan sibiilaatii fi miʼoota isaanii gati jabeeyyii meetii fi warqee boojiʼee gara Gibxitti ni geessa. Waggoota muraasaafis mootii Kaabaa waraanuu ni dhiisa. Ergasii mootiin Kaabaa daangaa mootii Kibbaa ni qabata; garuu of irra garagalee biyya isaatti deebiʼa. 10 Ilmaan isaa waraanaaf qophaaʼanii humna waraanaa guddaa tokko walitti qabatu; humni kunis akkuma lolaa namni of irraa deebisuu hin dandeenye tokkootti hamma daʼannoo isaatti duulee lola.
11 “Ergasiis mootiin Kibbaa aariidhaan duulee mootii Kaabaa kan loltoota hedduu walitti qabate sana ni waraana; loltoonni hedduun sun garuu ni moʼamu. 12 Mootiin Kibbaa sun yommuu loltoota baayʼee boojiʼutti garaan isaa of tuulummaadhaan guutamee kuma baayʼees ni gogorraʼa; garuu moʼichi isaa itti hin fufu. 13 Mootiin kaabaa humna waraanaa kan isa duraa sana caalaa guddaa walitti qabataatii; waggoota baayʼee booddees humna waraanaa guddaa kan guutummaatti hidhate qabatee ni dhufa.
14 “Yeroo sanatti namoonni baayʼeen mootii Kibbaatti ni kaʼu. Mulʼata sana raawwachuuf uummata kee keessaa finciltoonni ni kaʼu; garuu ni kufu. 15 Ergasii mootiin Kaabaa dhufee tuulaa biyyoo hojjetee magaalaa dallaadhaan marfamte ni qabata. Humnoonni waraana Kibbaas of irraa deebisuuf humna ni dhabu; loltoonni isaanii jajjaboon iyyuu isaan dura dhaabachuuf humna dhabu. 16 Inni itti duule sun waanuma fedhe hojjeta; namni tokko iyyuu of irraa isa deebisuu hin dandaʼu. Inni Biyya Bareedduu sana keessa jabaatee dhaabata; ishee balleessuufis humna qabaata. 17 Inni jabina mootummaa isaa guutuudhaan dhufuu murteessa; mootii Kibbaa wajjinis walii galtee godhata. Inni mootummaa sana kuffisuuf intala isaa itti heerumsiisa; karoorri isaa kun garuu hin milkaaʼu yookaan isa hin fayyadu. 18 Ergasii inni gara biyyoota qarqara galaanaa jiraniitti yaada isaa deebifatee baayʼee isaanii qabata; garuu ajajaan tokko of tuulummaa isaa ni fashaleessa; of tuulummaa isaas matuma isaatti deebisa. 19 Kana irratti inni fuula isaa gara daʼannoowwan biyya isaatti deebifata; garuu gufatee kufa; deebiʼees hin argamu.
20 “Namni iddoo isaa buʼu ulfina mootummaa eegsisuuf warra gibira walitti qaban ni erga. Taʼus inni utuu aariidhaan yookaan waraanaan hin taʼin yeroo gabaabaa keessatti bada.
21 “Iddoo isaas nama tuffatamaa ulfinni mootummaa hin kennaminiifitu qabata. Inni utuu sabni nagaadhaan jiraatuu mootummaatti duulee dabaan qabata. 22 Ergasii raayyaan guddaan tokko fuula isaa duraa ni haxaaʼama; innii fi hangafni kakuus ni balleeffamu. 23 Inni erga isa wajjin walii galtee godhatee booddee hojii gowwoomsaa hojjeta; namoota muraasa wajjinis aangoo qabata. 24 Yeroo kutaawwan biyya sooreyyiin nagaadhaan jiraatanitti isaanitti duulee waan abbootiin isaa yookaan akaakileen isaa hin hojjetin hojjeta. Innis waan boojiʼame, waan saamamee fi qabeenya duuka buʼoota isaatiif ni qoqqooda. Inni daʼannoowwan jigsuuf ni malata; garuu yeroo muraasaaf waan kana godha.
25 “Inni raayyaa loltootaa guddaadhaan ciminaa fi jabina isaa mootii Kibbaa irratti ni kakaasa. Mootiin Kibbaas loltoota akka malee baayʼee fi humna qabaniin waraana labsa; garuu sababii mariin isa irratti mariʼatamuuf of irraa ittisuu hin dandaʼu. 26 Warri maaddii mootichaa irraa nyaachaa turan isa balleessuu yaalu; loltoonni isaa ni barbadaaʼu; baayʼeen isaaniis waraana keessatti dhumu. 27 Mootonni garaan isaanii hammina yaadu lamaan minjaala tokkotti naannaʼanii tataaʼanii wal sobu; garuu sababii barri dhumaa yeroo murteeffametti dhufuuf wanni kun isaaniif hin milkaaʼu. 28 Mootiin Kaabaa qabeenya guddaadhaan gara biyya isaatti deebiʼa; garaan isaa garuu kakuu qulqulluu morma. Waanuma fedhe itti hojjetee gara biyya isaatti deebiʼa.
29 “Yeroo murteeffamettis deebiʼee Kibba weerara; yeroo kanatti garuu haalli isaa kan duraa sanaan adda taʼa. 30 Dooniiwwan Kitiim isa mormu; innis abdii kutata. Ergasii duubatti deebiʼee kakuu qulqulluutti dheekkamsa isaa buusa. Deebiʼees warra kakuu qulqulluu dhiisan jaallata.
31 “Humni loltoota isaas dallaa mana qulqullummaa jabaa sana xureessuuf ni kaʼa; aarsaa guyyaa guyyaas ni hambisa. Ergasiis isaan xuraaʼummaa badiisa fidu tokko dhaabu. 32 Inni warra kakuu sana dhiisan gowwoomsee ni dogoggorsa; warri Waaqa isaanii beekan garuu jabaatanii dhaabachuudhaan isa mormu.
33 “Ogeeyyiin yoo yeroodhaaf goraadeedhaan dhuman illee yookaan gubaman illee yookaan boojiʼaman illee yookaan saamaman illee namoota hedduu ni barsiisu. 34 Isaan yeroo dhumuu gaʼanitti gargaarsa xinnaa argatu; fakkeessitoonni hedduunis isaan deeggaru. 35 Ogeeyyii keessaa tokko tokko akka hamma dhumaatti calalamaniif, akka qulqulleeffamanii warra hirʼina hin qabne taʼaniif ni gufatu; wanni kun amma iyyuu yeroo murteeffametti ni dhufaatii.
Mootii Ol Ol Of Qabu
36 “Mootiin waan jaallate hojjeta. Inni Waaqa kam iyyuu caalaa ol ol of qabee Waaqa waaqotaa mormuudhaan waan dhagaʼamee hin beekne dubbata. Inni hamma yeroon dheekkamsaa guutamutti ni milkaaʼa; wanni murteeffame sun guutamuu qabaatii. 37 Inni waaqota abbootii isaatiif yookaan kan dubartoonni isa jaallataniif yookaan Waaqa kamiif iyyuu ulfina hin kennu; garuu hunda isaanii caalaa ol ol of qaba. 38 Qooda isaanii waaqa daʼannoowwaniitiif ulfina kenna; inni waaqa abbootiin isaa hin beekin warqee fi meetiidhaan, dhagaawwan gati jabeeyyii fi kennaawwan gati jabeeyyiidhaan ulfeessa. 39 Inni gargaarsa waaqa ormaatiin daʼannoowwan jajjaboo waraana; warra isa jalatti bulanis akka malee kabaja. Namoota baayʼee irrattis bulchitoota isaan godhee gatiidhaan lafa qoodaaf.
40 “Bara dhumaa keessa mootiin Kibbaa waraana itti bana; mootiin Kaabaas fardeen, gaariiwwanii fi dooniiwwan hedduudhaan akkuma dambalii isa irra garagala. Biyyoota baayʼee weeraree akkuma lolaa isaan keessa baʼee darba. 41 Akkasumas Biyya Bareedduu weerara. Biyyoonni baayʼeen harka isaa jala galu; Edoom, Moʼaabii fi hooggantoonni Amoon garuu isa jalaa ni baʼu. 42 Innis biyyoota baayʼee irratti aangoo isaa ni babalʼifata; Gibxis hin miliqxu. 43 Qabeenya warqeetii fi meetii, akkasumas badhaadhummaa Gibxi hunda toʼannaa ofii isaa jala galfata; namoonni Liibiyaatii fi Itoophiyaas isa jalatti bulu. 44 Garuu oduun baʼaa fi kaabaa dhufu isa sodaachisa; inni namoota baayʼee balleessuu fi fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa. 45 Dunkaana mootummaa isaas galaanotaa fi tulluu bareedaa qulqulluu gidduu ni dhaabbata. Taʼu illee inni dhuma ofii isaatti ni dhufa; namni tokko iyyuu isa hin gargaaru.