3
Fakkii Warqeetii fi Boolla Ibiddaa
Nebukadnezar Mootichi fakkii warqee kan dheerinni isaa dhundhuma jaatamaa fi balʼinni isaa dhundhuma jaʼaa hojjetee kutaa biyyaa Baabilon keessa dirree Duuraa jedhamu irra dhaabe. Ergasii mootichi akka isaan eebba fakkii inni dhaabe sanaa irratti argamaniif ilmaan mootota, muudamoota, bulchitoota gorsitoota, itti gaafatamtoota mankuusa qabeenyaa, abbootii murtii, hayyoota seeraatii fi qondaaltota biyya hundaa waame. Kanaafuu eebba fakkii Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaa irratti argamuuf ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonni, gorsitoonni, itti gaafatamtoonni mankuusa qabeenyaa, abbootiin murtii hayyoonni seeraa biraatii fi qondaaltonni biyyaa hundi walitti qabamanii fuula fakkii sanaa dura dhadhaabatan.
Kana irratti labsituun tokko akkana jedhee sagalee guddaadhaan labse; “Yaa namoota, sabootaa fi namoonni afaan garaa garaa dubbattan hundi, wanni isin akka gootan ajajamtan kanaa dha: Isin akkuma sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirbaa dhageessaniin addaan lafatti gombifamtanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabeef sagaduu qabdu. Namni addaan lafatti gombifamee hin sagadne kam iyyuu yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatama.”
Kanaafuu namoonni, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatan hundi yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa fi sirbaa hunda dhagaʼanitti addaan lafatti gombifamanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaaf sagadan.
Yeroo kanatti Kaldoonni tokko tokko gara fuula duraatti dhufanii dabaan Yihuudoota himatan. Isaanis Nebukadnezar Mootichaan akkana jedhan; “Yaa mootii, ati bara baraan jiraadhu! 10 Yaa mootii, ati akka namni kam iyyuu yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa kan faaggaatii fi kan sirbaa dhagaʼu kam iyyuu addaan lafatti gombifamee fakkii warqee sanaaf sagaduu qabu seera baafteerta; 11 akka namni lafatti gombifamee sagaduu didu kam iyyuus boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamu seera baafteerta. 12 Garuu yaa Mooticha, Yihuudoonni ati dhimma biyya Baabilon irratti muudde tokko tokko ajaja kee didaniiru; isaanis Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo dha. Isaan waaqota kee hin tajaajilan yookaan fakkii warqee ati dhaabdeef hin sagadan.”
13 Nebukadnezaris akka malee aaree Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo waamsise. Kanaafuu namoonni kunneen mooticha duratti dhiʼeeffaman; 14 Nebukadnezaris akkana isaaniin jedhe; “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, isin dhugumaan waaqota koo hin tajaajiltanii? Yookaan fakkii warqee ani dhaabeef hin sagaddanii? 15 Amma isin yeroo sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirba kam iyyuu dhageessanitti kuftanii fakkii ani dhaabeef yoo sagaddan gaarii dha. Garuu yoo isin sagaduu baattan, yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamtu. Egaa waaqa kamitu harka kootii isin baasuu dandaʼa?”
16 Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon deebisanii mootichaan akkana jedhan; “Yaa Nebukadnezar, nu fuula kee duratti waan kana falmachuu hin barbaannu. 17 Yaa Mootii, nu yoo boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamne, Waaqni nu isa tajaajillu sun nu oolchuu dandaʼa; harka keetii illee nu baasuu dandaʼa. 18 Yaa Mootii, yoo inni nu baasuu baate iyyuu nu waaqota kee akka hin tajaajille yookaan fakkii warqee ati dhaabde sanaaf akka hin sagadne akka beektu barbaanna.”
19 Kana irratti Nebukadnezar akka malee aaree fuulli isaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagootti geeddarame. Akka ibiddi boollaa sunis hamma durii caalaa harka torba hoʼee finiinu ajaje; 20 akka isaan Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo hidhanii boolla ibiddi keessaa bobaʼu sanatti darbataniif loltoota isaa keessaa jajjaboo tokko tokko ajaje. 21 Kanaafuu namoonni kunneen akkuma wandaboo isaanii, fiddoo isaanii, marata isaanii kan mataatii fi uffata biraas uffatanitti hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sanatti darbataman. 22 Ajajni mootichaa akka malee ariifachiisaa ture; sababii ibiddi boollaa sun akka malee bobaʼaa tureef arrabni ibidda sanaa loltoota Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo geessan sana fixe; 23 namoonni sadan kunneenis jabeeffamanii hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sana keessatti kufan.
24 Nebukadnezar Mootichi dinqisiifachuudhaan utaalee kaʼee, “Namoonni nu hiinee ibiddatti darbanne sadii hin turree?” jedhee gorsitoota isaa gaafate.
Isaanis, “Yaa Mootii, kun dhuguma” jedhanii deebisan.
25 Innis, “Ilaa! Ani namoota ibidda keessa deddeebiʼan afur nan arga; isaanis hin hidhamne; hin miidhamnes; inni afuraffaan immoo ilma waaqotaa fakkaata” jedheen.
26 Nebukadnezaris gara afaan boolla ibiddi keessaa bobaʼutti dhiʼaatee sagalee guddaadhaan, “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii, kottaa baʼaa! As kottaa” jedhe.
Akkasiin Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon ibidda keessaa baʼan; 27 ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonnii fi gorsitoonni mootii naannoo isaaniitti walitti qabaman. Isaanis akka ibiddi sun dhagna jaraa hin miidhin yookaan akka rifeensa mataa isaanii keessaa tokko iyyuu hin gubatin ni argan; wandaboon isaanii iyyuu homaa hin taane; fooliin ibiddaas isaan irra hin turre.
28 Kana irratti Nebukadnezar akkana jedhe; “Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo isa ergamaa isaa ergee tajaajiltoota isaa baraareef galanni haa taʼu! Isaan isa amanatanii ajaja mootii didanii akka Waaqa isaanii malee waaqota biraa hin tajaajille yookaan hin waaqeffanne lubbuu isaanii dabarsanii kennaniiru. 29 Kanaafuu Waaqni akkasitti nama oolchu kan biraa Waaqa hin jirreef, ani akka uummanni saba kamii iyyuu yookaan afaan kamii iyyuu yoo Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo irratti waan hamaa dubbate kukkutamu, akka manni isaas tuullaa waan diigamee taʼu labseera.”
30 Ergasii mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo kutaa biyyaa Baabilon irratti muude.