8
Mulʼata Daaniʼel Arge
Bara Beelshaazaar mootichaa keessa waggaa sadaffaatti, ani Daaniʼel, mulʼata duraan natti mulʼate sana booddee mulʼata tokko nan arge. Anis mulʼata koo keessatti gamoo Suusaa kan kutaa biyyaa Eelaam keessattan of arge. Ani mulʼata sana keessatti Laga Uulayi biran ture. Anis ija ol fudhadhee korbeessa hoolaa gaanfa lama qabu utuu laga cina dhaabatu nan arge; gaanfi isaas dheeraa ture. Gaanfa isaa keessaa inni tokko isa kaan irra dheerata; ergasii garuu ni guddate. Ani utuu korbeessi hoolaa sun gara lixa biiftuutti, gara kaabaa fi gara kibbaatti jifatuu nan arge; horiin fuula isaa dura dhaabachuu dandaʼe tokko iyyuu hin turre; kan humna isaa jalaa baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Inni waanuma barbaade hojjetee guddaa taʼe.
Utuma ani waan kana yaadaa jiruu korbeessi reʼee kan ija isaa lamaan gidduudhaa gaanfa qabu tokko utuu lafa hin tuqin guutummaa lafaa qaxxaamuraa akkuma tasaa lixa biiftuutii dhufe. Innis gara korbeessa hoolaa kan gaanfa lama qabu kan ani utuu inni laga cina dhaabatuu arge sanaa dhufee aarii guddaadhaan isa jifate. Ani utuu inni akka malee aaree isa dhaʼee gaanfa isaa lamaanis isa irraa caccabsuu nan arge. Hoolaan sun of irraa isa dhowwuuf humna hin qabu ture; reʼeen sun lafaan isa dhaʼee of jalatti dhidhiite; hoolaa sanas humna isaa jalaa baasuu kan dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Reʼeen sunis akka malee guddate; garuu yeroo humni isaa jabaatetti gaanfi isaa guddichi isa irraa cabe; qooda isaas gaanfawwan afur guddatanii gara bubbeewwan samii afraniitti baʼan.
Afran isaanii keessaa isa tokko keessaa gaanfi biraa baʼe; innis xinnaa fakkaatee ergasii garuu humnaan jabaatee gara kibbaa, gara lixa biiftuutii fi Biyya Bareedduu sanaatti guddate. 10 Gaafni sunis hamma raayyaa samiiwwanii qaqqabee raayyaa urjiiwwanii keessaa tokko tokko lafatti gad darbatee of jalatti dhidhiitutti guddate. 11 Akka waan ajajaa loltoota Waaqaatiin wal qixxaateettis mataa ol qabate; aarsaa guyyaa guyyaa illee isa irraa fudhate; iddoon isaa qulqulluunis gad darbatame. 12 Sababii cubbuutiif raayyaan qulqullootaatii fi aarsaan guyyaa guyyaan dhiʼeeffamu dabarfamanii isaaf kennaman. Inni waan hojjetu hunda keessatti ni milkaaʼe; dhugaanis lafatti gatame.
13 Anis utuu qulqullichi dubbatuu nan dhagaʼe; qulqulluun kaan, “Mulʼanni waaʼee aarsaa guyyaa guyyaa, kan cubbuu badiisa fiduu, kan iddoo qulqulluutii fi raayyaawwan akka miilla jalatti dhidhiitamaniif dabarfamanii kennaman sanaa yoomi raawwata?” jedheen.
14 Innis, “Wanni sun galgalaa fi ganama 2,300 fudhata; ergasii iddoon qulqulluun deebiʼee ni qulqulleeffama” naan jedhe.
Hiikkaa Mulʼata sanaa
15 Utuma ani Daaniʼel mulʼata sana argee hiikkaa isaa hubachuuf yaalaa jiruu inni nama fakkaatu tokko fuula koo dura dhaabate. 16 Anis sagalee nama tokkoo kan “Yaa Gabriʼeel, hiikkaa mulʼata sanaa nama kanatti himi” jedhu tokko Uulayi nan dhagaʼe.
17 Akkuma inni iddoo ani dhaabachaa ture dhufeen ani rifadheen addaan lafatti gombifame. Innis, “Yaa ilma namaa, akka mulʼanni sun waaʼee bara dhumaa argisiisu hubadhu” naan jedhe.
18 Yeroo inni natti dubbachaa turettis, ani addaan lafatti gombifamee hirriba cimaa keessan ture. Inni garuu na tuqee ol na qabee miilla kootiin na dhaabe.
19 Innis akkana jedhe; “Ani waan booddee yeroo dheekkamsaatti dhufuuf jiru sitti nan hima; mulʼanni sun waan bara dhumaa kan murtaaʼe sana keessatti taʼu argisiisaatii. 20 Korbeessi hoolaa kan gaafa lamaa ati argite sun, mootota Meedee fi Faares argisiisa. 21 Reʼeen rifeensa qabu sun mootii Giriik; gaanfi guddaan ija isaa lamaan gidduu immoo mootii jalqabaa ti. 22 Gaanfawwan afran gaanfa cabe tokko iddoo buʼan mootummoota saba isaa keessaa baʼan afran argisiisan; isaan garuu humna akka isaa hin qaban.
23 “Dhuma bulchiinsa isaaniitti, yeroo finciltoonni akka malee hammaachaa deemanitti mootiin adda jabeessi hibboo hubatu tokko ni kaʼa. 24 Innis akka malee jabaa taʼa; garuu humna isaatiin miti. Inni badiisa suukaneessaa fida; waan hojjetu hundaan ni milkaaʼa. Namoota jajjaboo fi qulqulloota ni balleessa. 25 Inni badhaadhuuf jedhee gowwoomsaa hojjeta; akka nama guddaattis of ilaala. Inni yommuu isaan waan nagaa qaban seʼanitti baayʼee isaanii balleessee Mootii moototaattis ni kaʼa. Taʼu illee inni ni bada; garuu humna namaatiin miti.
26 “Mulʼanni galgalaa fi ganama sitti mulʼifame sunis dhugaa dha; garuu sababii inni waan bara dheeraa booddee taʼuuf jiru argisiisuuf isa cufi.”
27 Ani Daaniʼelis akka malee dadhabee guyyoota baayʼee dhukkubsadheen ciise. Ergasiis kaʼee gara hojii mootichaa nan dhaqe. Anis mulʼatan argee sanaan rifadheen ture; dubbiin isaas naaf hin galle.