21
Aarsaa Ajjeechaa Hin Beekamneef Dhiʼeeffamu
Yoo namni tokko biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti duʼee argamee namni isa ajjeese hin beekamin, maanguddoonni keetii fi abbootiin murtii kee dhaqanii fageenya iddoo inni itti duʼee fi magaalaawwan itti dhiʼaatan gidduu jiru haa safaran. Ergasiis maanguddoonni magaalaa reeffichatti aantu keessa jiraatan goromsa takkumaa hin hojjetin kan waanjoo hin baatin fuudhanii goromsa sana gara sulula hin qotamin yookaan wanni tokko iyyuu irra hin facaafamin kan bishaan yaaʼu qabuutti haa geessan. Sulula sana keessattis morma goromsa sanaa haa cabsan. Luboonni jechuunis ilmaan Lewwii sababii akka tajaajilanii fi akka maqaa Waaqayyootiin eebbisaniif, akka dubbii wal dhabiisaatii fi miidhaa dhagnaa kami irratti iyyuu murtii kennaniif Waaqayyo Waaqa keetiin filatamaniif isaan fuulduraatti haa dhiʼaatan. Ergasii maanguddoonni magaalaa reeffichatti baayʼee dhiʼaatuu hundi goromsa sulula keessatti mormi cabsame sana irratti harka isaanii haa dhiqatan. Isaanis akkana haa jedhan: “Harki keenya dhiiga kana hin dhangalaafne yookaan yommuu wanni kun hojjetame iji keenya hin argine. Yaa Waaqayyo, aarsaa araaraa kana saba kee Israaʼel kan furte sanaaf fudhadhu; dhiiga nama qulqulluu kanaas saba keetti hin herregin. Yakkii dhiiga dhangalaafamees isaanii haa dhiifamu. Atis sababii waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjetteef yakka dhangalaafamuu dhiiga nama qajeelaa akkasiin gidduu keetii ni balleessita.”
Dubartii Boojiʼamte Fuudhuu
10 Ati yommuu diinota kee loluuf duultee Waaqayyo Waaqni kee dabarsee harka keetti isaan siif kennee boojuu fudhattutti, 11 yoo warra boojiʼaman keessatti dubartii bareedduu tokko argitee ishee jaallatte niitii ofii keetii godhattee ishee fuudhuu dandeessa. 12 Mana keetti ishee galchi; isheenis mataa ishee haa haaddattu; qeensa ishees haa qorattu; 13 uffata isheen yeroo boojiʼamtetti uffachaa turtes irraa baasi. Erga isheen mana kee keessa jiraattee jiʼa tokko guutuu abbaa fi haadha isheetiif boossee booddee ati ishee wajjin ciiftee dhirsa ishee taʼuu dandeessa; isheenis niitii kee ni taati. 14 Ati yoo isheetti gammaduu baatte akka isheen gara feete deemtu gad dhiisi. Ati waan ishee salphifteef ishee gurguruu yookaan akka garbittiitti ishee ilaaluu hin qabdu.
Mirga Hangafaa
15 Namni tokko yoo niitota lama qabaatee ishee tokko jaallatee garuu lamaan isaanii iyyuu ilmaan daʼaniif, yoo ilmi hangafni niitii inni hin jaallanne sana irraa dhalate, 16 namichi yommuu qabeenya isaa ilmaan isaatiif qoodutti mirga hangafummaa ilma niitii jibbe sanaa ilma niitii jaallatuutiif dabarsee kennuu hin qabu. 17 Garuu ilma hangafticha niitii hin jaallanne sana irraa dhalcheef qooda dhaala isaa keessaa harka lama kennuufiidhaan isa beeksisuu qaba. Ilmi sun mallattoo jalqabaa kan jabina abbaa isaa ti. Mirgi hangafummaa kan isaa ti.
Ilma Hin Ajajamne
18 Namni tokko yoo ilma mata jabeessaa fi fincilaa abbaa fi haadha isaatiif hin ajajamnee fi kan yommuu isa adaban hin dhageenye qabaate, 19 abbaa fi haati isaa qabanii balbala magaalaa isaa duratti maanguddootatti isa haa fidan. 20 Isaanis, “Gurbaan keenya kun mata jabeessaa fi fincilaa dha; nuuf hin ajajamu; inni albaadhessaa fi machooftuu dha” jedhanii maanguddootatti haa himan. 21 Ergasiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa ajjeesu. Ati hamaa of gidduudhaa baasuu qabda. Israaʼeloonni hundi waan kana dhagaʼanii ni sodaatu.
Seerawwan Garaa garaa
22 Yoo namni tokko cubbuu adabbii duʼa isatti mursiisu hojjetee ajjeefamee reeffi isaa mukatti fannifame, 23 ati reeffa isaa muka irra bulchuu hin qabdu. Waan namni muka irratti fannifamu abaarsa Waaqaa jala jiruuf isa gaafuma sana awwaali. Ati biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu hin xureessin.