23
Waldaa Irraa Dhowwamuu
Namni kolaafame yookaan dhagni saala isaa irraa murame kam iyyuu waldaa Waaqayyoo hin seenin.
Namni haraamuudhaan dhalate yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Waaqayyoo hin seenin.
Namni gosa Amoon yookaan gosa Moʼaab yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Waaqayyoo hin seenin. Isaan yeroo ati Gibxii baatetti karaa irratti buddeenaan yookaan bishaaniin si hin simanne; qooda kanaa akka inni si abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼoor namicha biyya Phetoor ishee Phaadaan Arraamitti argamtu sana keessa jiraatu sitti bitan. Taʼus Waaqayyo Waaqni kee abaarsa sana eebbatti siif geeddare malee Balaʼaamin hin dhageenye; Waaqayyo Waaqni kee si jaallataatii. Ati hamma lubbuudhaan jirtutti akka isaan nageenyaa fi badhaadhummaa qabaatan hin barbaadin.
Waan inni obboleessa kee taʼeef nama gosa Edoom hin tuffatin. Ati sababii akka alagaatti biyya isaa keessa jiraatteef nama Gibxi hin tuffatin. Ijoolleen dhaloota sadaffaa kanneen isaaniif dhalatan waldaa Waaqayyoo seenuu ni dandaʼu.
Qulqullina Qubataa Eeguu
Yommuu diinota kee loluuf baatutti xuraaʼummaa hunda irraa of eegi. 10 Namni tokko yoo halkan afeetaa dhangalaasuudhaan of xureesse inni qubata keessaa gad baʼee ala haa turu. 11 Gara galgalaa garuu dhiqatee yeroo aduun dhiitutti gara qubataatti haa deebiʼu.
12 Ati qubataan alatti lafa itti gad baatu qopheeffadhu. 13 Meeshaa kee keessaa waan ittiin lafa qottu qabaadhu; ati yommuu gad teessee kaatutti boolla qotiitii biyyoo itti deebisi. 14  Waaqayyo Waaqni kee si eeguu fi diinota kee dabarsee sitti kennuudhaaf qubata kee keessa deddeebiʼaatii; akka inni gidduu keetti waan xuraaʼaa argee sirraa hin deebineef qubanni kee qulqulluu taʼuu qaba.
Seerawwan Garaa garaa
15 Yoo garbichi tokko kooluu sitti gale, ati dabarsitee gooftaa isaatti isa hin kennin. 16 Inni gidduu kee lafa jaallatee fi magaalaa filate keessa haa jiraatu. Atis isa hin cunqursin.
17 Dhiirri yookaan dubartiin Israaʼel kam iyyuu sagaagaltuu mana waaqa tolfamaa hin taʼin. 18 Dubartii yookaan dhiira sagaagalu tokko irraa akka galchaatti kennaa fuutee mana Waaqayyo Waaqa keetiitti hin fidin; lachan isaanii iyyuu fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti jibbisiisoo dhaatii.
19 Ati maallaqa yookaan nyaata yookaan waan dhala argamsiisu kam iyyuu dhalaan obboleessa keetiif hin liqeessin. 20 Ati nama ormaa irraa dhala gaafachuu ni dandeessa; garuu akka Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtutti waan harki kee tuqe hundaan si eebbisuuf obboleessa kee irraa dhala hin fudhatin.
21 Ati yoo Waaqayyo Waaqa keetiif wareega tokko wareegde, sababii Waaqayyo Waaqni kee cimsee waan sana sirraa barbaaduuf akka cubbuu sitti hin taaneef dafiitii of irraa baasi malee lafa irra hin harkisin. 22 Yoo wareeguu baatte garuu ati cubbamaa hin taatu. 23 Waan arrabni kee dubbate gochuuf of eeggadhu; afaanuma keetiin jaallattee Waaqayyo Waaqa keetiif wareegdeertaatii.
24 Ati yoo iddoo dhaabaa wayinii ollaa keetii keessa seente, ija feete hunda nyaadhu; garuu tokko illee guuboo kee keessa hin kaaʼatin. 25 Yoo lafa qotiisaa midhaan ollaa keetii keessa seente, asheetii cirachuu ni dandeessa; garuu midhaan isaa kan dhaabatutti haamtuu kee hin buusin.