29
Kakuun Haaromfamuu Isaa
Dubbiin kakuu kan Waaqayyo kakuu Kooreebitti isaan wajjin gale sana irratti dabalee akka inni Moʼaab keessatti Israaʼeloota wajjin galuuf Musee ajaje kanaa dha.
Museen Israaʼeloota hunda walitti waamee akkana jedheen:
 
Waan Waaqayyo Gibxi keessatti Faraʼoon irratti, qondaaltota isaa hundaa fi guutummaa biyya isaa irratti hojjete hunda iji keessan argeera. Isin qorumsawwan gurguddaa sana, mallattoowwanii fi dinqiiwwan gurguddaa sana ijuma keessaniin argitaniirtu. Waaqayyo garuu hamma harʼaatti qalbii hubatu yookaan ija argitu yookaan gurra dhagaʼu isinii hin kennine. Yeroo waggoota afurtamman ani gammoojjii keessa isin geggeesse sanatti uffanni keessan isin irratti hin dhumne yookaan kopheen miilla keessan irratti hin ciccinne. Isin buddeena hin nyaanne; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. Ani akka isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe beektaniifan waan kana godhe.
Yommuu isin as geessanitti Sihoon mootiin Heshboonii fi Oogi mootiin Baashaan nu loluuf nutti baʼan; nu garuu isaan moʼanne. Biyya isaaniis fudhannee gosa Ruubeeniif, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala goonee kennine.
Isin akka waan hojjettan hundaan milkooftaniif dubbiiwwan kakuu kanaa of eeggannaadhaan duukaa buʼaa. 10 Hundi keessan jechuunis qajeelchitoonnii fi hooggantoonni keessan, maanguddoonnii fi qondaaltonni keessan akkasumas namoonni Israaʼel kanneen biraa hundinuu harʼa fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattaniirtu; 11 ijoolleen keessanii fi niitonni keessan akkasumas alagoonni muka kee ciraa, bishaan kees waraabaa qubata kee keessa jiraatan si wajjin dhaabataniiru. 12 Atis kakuu Waaqayyo harʼa si wajjin galee kakaadhaan siif mirkaneessu kana Waaqayyo Waaqa kee wajjin galuuf as dhaabatteerta; 13 innis akkuma si abdachiisee abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sanatti akka ati saba isaa taatee innis Waaqa kee taʼuuf jabeessee si dhaabuuf waan kana godhe. 14 Anis kakuu kakaadhaan mirkanaaʼe kana isin qofa wajjin utuu hin taʼin, 15 warra nu wajjin as fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa dura dhaabatan warra harʼa as hin jirre wajjinis nan gala.
16 Akka nu itti Gibxi keessa jiraannee fi yommuu as dhufnus akka nu itti biyyoota keessa dabarre isin mataan keessanuu ni beektu. 17 Isinis gidduu isaaniitti fakkiiwwan isaanii jibbisiisoo, waaqota isaanii tolfamoo kanneen muka, dhagaa, meetii fi warqee irraa hojjetaman argitaniirtu. 18 Akka dhiirri yookaan dubartiin balballi yookaan gosti garaan isaa Waaqayyo Waaqa keenya irraa garagalee waaqota saboota sanaa faana buʼe isin gidduu hin jiraanne mirkaneeffadhaa; akka hiddi summii hadhaaʼaa akkasii baasu tokko iyyuu isin gidduu hin jiraanne qulqulleeffadhaa.
19 Namni akkasii yommuu dubbii kakuu kanaa dhagaʼutti, garaa isaatti of eebbisee, “Ani yoon akka fedhii kootti deeme illee nagaa qaba” jedhee yaada. Kun immoo lafa jiidhaa irrattis taʼu lafa goggogaa irratti badiisa fida. 20  Waaqayyo nama sanaaf gonkumaa dhiifama hin godhu; dheekkamsi isaatii fi hinaaffaan isaa namicha sana irratti bobaʼa. Abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame hundi isa qaqqaba; Waaqayyos samii jalaa maqaa isaa ni dhabamsiisa. 21 Akkuma kakuu abaarsa Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffame hundaatti, Waaqayyo gosoota Israaʼel hunda keessaa badiisaaf kophaatti isa baasa.
22 Dhaloonni itti aanu jechuunis ijoolleen keessan warri isiniin duuba dhufan akkasumas keessummoonni biyyoota fagootii dhufan dhaʼicha guddaa biyyattii irra gaʼee fi dhukkuba Waaqayyo ittiin ishee dhaʼe ni argu. 23 Guutummaan biyyattii gammoojjii gubduu kan soogiddaa fi dinyiin guutamte kan wanni tokko iyyuu irra hin dhaabamne, kan wanni tokko iyyuu irratti hin biqille, kan biqiltuun tokko iyyuu irratti hin guddanne taati. Badiisni ishee irra gaʼus akka badiisa Sodoomiitii fi Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiim kanneen Waaqayyo dheekkamsa guddaadhaan isaan barbadeesse sanaa ni taʼa. 24 Sabni hundinuu, “Waaqayyo maaliif waan akkasii biyya kanatti fide? Dheekkamsi sodaachisaan bobaʼu kunis maaliif dhufe?” jedhanii gaafatu.
25 Deebiin isaas kana taʼa; “Kun sababii sabni kun kakuu Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii yeroo Gibxii isaan baasetti isaan wajjin gale sana dhiisaniif. 26 Isaanis dhaqanii waaqota biraa, kanneen hin beekiniif waaqota inni isaaniif hin kennin waaqeffatan; gad jedhaniis sagadaniif. 27 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo biyya kanatti bobaʼee akka inni abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame hunda itti fidu godhe. 28  Waaqayyos aarii sodaachisaa fi dheekkamsa guddaadhaan biyya isaaniitii isaan buqqise; akkuma amma jiru kanattis biyya biraatti isaan darbate.”
29 Wanti dhoksaan kan Waaqayyo Waaqa keenyaa ti; kan mulʼifame garuu akka nu dubbii seera kanaa hunda eegnuuf bara baraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti.