7
Saboota Ormaa Ariʼanii Baasuu
Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galaa jirtu kanatti si fidee saboota hedduu jechuunis Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jechuunis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo torba fuula kee duraa ariʼee baasutti, yommuu Waaqayyo Waaqni kee dabarsee isaan siif kennee atis isaan moʼattutti, guutumaan guutuutti isaan barbadeessi. Isaan wajjin kakuu tokko illee hin seenin; garaas isaanii hin laafin. Isaanitti hin soddoomin; ilmaan isaaniitiif intallan kee hin kennin yookaan intallan isaanii ilmaan keetiif hin fidin; sababiin isaas isaan ilmaan kee na duukaa buʼuu irraa deebisanii akka isaan waaqota biraa tajaajilan godhu; dheekkamsi Waaqayyoos sitti bobaʼee dafee si balleessa. Wanni isin isaan gochuu qabdan kana: iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa; waaqota isaaniis ibiddaan gubbaa. Ati saba Waaqayyo Waaqa keetiif qulqulluu taatee dha. Waaqayyo Waaqni kee akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filate.
Wanni Waaqayyo isin jaallatee isin filateef waan isin saboota kaan caalaa baayʼee taataniif miti; isin saboota hunda caalaa xinnoo turtan. Garuu wanni Waaqayyo harka jabaadhaan isin baasee biyya garbummaatii fi irree Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isin fureef sababii isin jaallatee kakuu abbootii keessan wajjin gale sana eegeef. Kanaafuu akka Waaqayyo Waaqni kee Waaqa taʼe beeki; inni Waaqa amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha. 10 Warra isa jibban garuu,
balleessuuf gatii isaanii mataa isaaniitti deebisa;
nama isa jibbus gatii isaa mataa isaatti deebisuudhaaf
lafa irra hin harkifatu.
11 Kanaafuu ati ajajawwan, qajeelchawwanii fi seerawwan ani harʼa siif kennu kanneen eegi.
12 Yoo ati seerawwan kanneeniif xiyyeeffannaa kennitee of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakate sana kakuu fi araara isaa siifis ni eega. 13 Inni si jaallata; si eebbisa; si baayʼisas. Biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakuu gale keessatti ija garaa keetii, oomisha lafa keetii jechuunis midhaan, wayinii haaraa fi zayitii, jabbiiwwan loon keetii, xobbaallaawwan bushaayee keetii siif eebbisa. 14 Ati saboota kam iyyuu caalaa ni eebbifamta; dhiira yookaan dubartii kee keessaa tokko illee ijoollee hin dhabu yookaan loon kee keessaa tokko illee hin maseenu. 15  Waaqayyo dhukkuba hunda sirraa fuudha. Inni dhukkuboota suukaneessaa ati biyya Gibxitti argite sana warra si jibbanitti fida malee sitti hin fidu. 16 Ati saboota Waaqayyo Waaqni kee dabarsee sitti kennu hunda balleessuu qabda. Ati isaaniif garaa hin laafin; kuni kiyyoo sitti taʼaatii waaqota isaanii hin waaqeffatin.
17 Ati, “Saboonni kunneen nu caalaa jajjaboo dha; nu akkamitti isaan baafna?” jettee yaadda taʼa. 18 Garuu ati isaan hin sodaatin; waan Waaqayyo Waaqni kee Faraʼoonii fi guutummaa Gibxitti hojjete sana yaadadhu. 19 Ati qormaatawwan gurguddaa, mallattoowwanii fi dinqiiwwan, harka jabaa fi irree diriirfame kan Waaqayyo Waaqni kee ittiin si baase sana ijuma keetiin argiteerta. Waaqayyo Waaqni kee saboota ati amma sodaattu hundas akkasuma godha. 20 Kana caalaa iyyuu Waaqayyo Waaqni kee hamma warri lubbuudhaan hafanii si duraa dhokatan iyyuu barbadaaʼanitti gidduu isaaniitti sonsa ni erga. 21 Sababii Waaqayyo Waaqni kee inni gidduu kee jiru sun Waaqa guddaa fi sodaachisaa taʼeef isaan hin sodaatin. 22  Waaqayyo Waaqni kee saboota sana xinnoo xinnoodhaan fuula kee duraa ni baasa; akka bineensonni bosonaa naannoo keetti hin baayʼanneef yeruma tokkotti isaan balleesuun siif hin eeyyamamu. 23  Waaqayyo Waaqni kee garuu hamma isaan badanitti isaan raatessuudhaan dabarsee harka keetti isaan kenna. 24 Mootota isaaniis dabarsee sitti kenna; atis maqaa isaanii samii jalaa ni balleessita. Hamma ati isaan balleessitutti namni fuula kee dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. 25 Fakkii waaqota isaanii ibiddaan gubi; meetii fi warqee isaan irra jiru hin hawwin; ofii keetiifis hin fudhatin; yoo kanaa achii inni sababii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti jibbisiisaa taʼeef kiyyoo sitti taʼa. 26 Waan jibbisiisaa gara mana keetiitti hin galchin; yoo kanaa achii atis akkuma isaa badiisaaf addaan baafamta. Waan inni badiisaaf addaan baafameef ati guutumaan guutuutti isa jibbi; balfis.