9
Sababii Qajeelummaa Israaʼeliif Miti
Yaa Israaʼel dhagaʼi. Ati Saboota si caalaa gurguddaa fi humna qabeeyyii, magaalaawwan dallaa samii gaʼuun marfaman qaban achii baaftee dhaaluuf Yordaanos ceʼuuf jirta. Namoonni sun ilmaan Anaaq warra jajjaboo fi dhedheeroo dha! Atis waaʼee isaanii ni beekta; akka, “Eenyutu Anaaqota dura dhaabachuu dandaʼa?” jedhamu illee dhageesseerta. Taʼus kan akkuma ibidda waa gubee fixuu si dura ceʼu Waaqayyo Waaqa kee taʼuu isaa harʼa beeki. Inni isaan balleessa; fuula kee durattis gad isaan deebisa. Atis akkuma Waaqayyo si abdachiise sanatti ariitee isaan baafta; daftees isaan fixxa.
Erga Waaqayyo Waaqni kee fuula kee duraa ariʼee isaan baasee booddee ati garaa keetti, “Waaqayyo sababii qajeelummaa kootiif akka ani biyya kana dhaalu as na fide” hin jedhin. Waaqayyo sababii hammina isaaniitiif saboota kanneen fuula kee duraa ariʼee baasa. Ati biyya isaaniitti galtee kan dhaaltu qajeelummaa keetiin yookaan gaarummaa garaa keetiitiin utuu hin taʼin Waaqayyo kakuu abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif gale sana guutuudhaaf jedhee Waaqayyo Waaqni kee saboota kanneen sababii hammina isaaniitiif fuula kee duraa ariʼee baasa. Egaa Waaqayyo Waaqni kee kan biyya gaarii kana akka dhaaltuuf siif kennu sababii qajeelummaa keetiitiif akka hin taʼin hubadhu; ati saba mata jabeessaatii.
Jabbii Warqee
Ati akkamitti akka gammoojjii keessatti Waaqayyo Waaqa kee dheekkamsaaf kakaafte yaadadhu; hin dagatinis. Ati gaafa biyya Gibxii baatee jalqabdee hamma as geessutti Waaqayyotti fincilaa turte. Isin Kooreebitti iyyuu Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasnaan Waaqayyo isin barbadeessuuf isinitti aare. Ani yeroo gabateewwan dhagaa jechuunis gabateewwan kakuu Waaqayyo isin wajjin gale sanaa fuudhuuf tulluutti ol baʼetti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; ani buddeena tokko illee hin nyaanne; bishaan illee hin dhugne. 10  Waaqayyos gabateewwan dhagaa lama kanneen quba Waaqayyootiin irratti barreeffame natti kenne. Ajajawwan Waaqayyo yeroo isin walitti qabamtanitti tulluu irratti ibidda keessaa isinitti labse hundi gabateewwan sana irra turan.
11 Dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaatti Waaqayyo gabateewwan dhagaa lama jechuunis gabateewwan kakuu natti kenne. 12 Gaafas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Kaʼii dafii gad buʼi; sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii. Isaan waan ani isaan ajaje irraa dafanii garagalanii ofii isaaniitiif Waaqa baqfamee hojjetame tolfataniiruutii.”
13  Waaqayyo ammas akkana naan jedhe; “Ani saba kana argeera; kunoo inni saba mata jabeessa! 14 Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii illee samii gadii haquuf na dhiisi; siʼi immoo isaan caalaa saba guddaa fi jabaa nan godha.”
15 Anis of irra garagalee utuma tulluun sun bobaʼaa jiruu tulluu irraa gad nan buʼe. Gabateewwan kakuu lamaan sunis na harka turan. 16 Anis nan arge; kunoo isin Waaqayyo Waaqa keessanitti cubbuu hojjettanii turtan; isin bifa jabbiitiin Waaqa baqfamee hojjetame ofii keessaniif tolfattanii turtan. Isin daftanii karaa Waaqayyo isin ajaje irraa jalʼattan. 17 Kanaafuu ani gabateewwan lamaan sana harka koo irraa darbadhee ijuma keessan duratti nan caccabse.
18 Sababii cubbuu isin hojjettan hundaa kan isin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf isa kakaaftan sanaatiif ani ammas fuula Waaqayyoo duratti gombifamee utuun buddeena hin nyaatinii fi bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman ture. 19 Sababii inni isin balleessuuf aaree tureef, ani aarii fi dheekkamsa Waaqayyoo nan sodaadhe. Waaqayyo garuu amma illee na dhagaʼe. 20  Waaqayyo Aroonin balleessuuf akka malee itti aaree ture; ani garuu yeroo sana Arooniifis nan kadhadhe. 21 Akkasumas ani cubbuu keessan bifa jabbii isin tolfattan sanaa fuudhee ibiddaan nan gube. Caccabsees hamma inni bullaaʼaa akka awwaaraa taʼutti bulleessee burqaa tulluu irraa gad yaaʼuttan firfirse.
22 Isinis Tabeeraatti, Maasaahii fi Qiibrooti Hataawaatti Waaqayyo dheekkamsiiftan.
23  Waaqayyo yommuu Qaadesh Barneetii isin baasetti, “Ol baʼaatii biyya ani isiniif kenne sana dhaalaa” isiniin jedhe. Isin garuu ajaja Waaqayyo Waaqa keessaniitti finciltan. Isas hin amananne; hin ajajamneefis. 24 Isin erga ani isin beekee jalqabdanii Waaqayyotti finciltaniirtu.
25 Sababii Waaqayyo akka isin balleessu dubbatee tureef ani guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman sana fuula Waaqayyoo duratti lafatti nan gombifame. 26 Anis akkana jedheen Waaqayyoon kadhadhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati saba kee, dhaala kee kan humna kee guddichaa fi harka kee jabaadhaan furtee biyya Gibxii baafte kana hin balleessin. 27 Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobin yaadadhu. Mata jabina saba kanaa, hammina isaatii fi cubbuu isaa hin ilaalin. 28 Yoo kanaa achii biyyi ati keessaa nu baafte sun, ‘Waaqayyo waan biyya waadaa isaaniif gale sanatti isaan galchuu hin dandeenyee fi waan isaan jibbeef gammoojjii keessatti isaan fixuuf isaan baase’ jedha. 29 Isaan garuu saba keetii fi dhaala kee kan ati humna jabaa fi irree diriirfameen baaftee fiddee dha.”