10
Akkuma tisiisni duute tokko shittoo ajeessitu sana
gowwummaan xinnoon ogummaa fi ulfina balleessa.
Yaadni ogeessaa karaa mirgaa,
yaadni gowwaa immoo karaa bitaa jira.
Gowwaan yoo karaa deemu illee qalbii hin qabu;
akka gowwaa taʼes nama hundatti argisiisa.
Yoo dheekkamsi bulchaa tokkoo sitti hammaate,
ati iddoo kee gad hin dhiisin;
tasgabbaaʼuun dogoggora guddaa hambisuu dandaʼaatii.
 
Hamminni ani aduudhaa gaditti arge tokko jira;
kunis dogoggora bulchaan tokko uumuu dha.
Utuma badhaadhonni iddoo gad aanu qabatanii jiranuu,
gowwoonni iddoo ulfinaa qabatu.
Ani utuma ilmaan moototaa akka garbootaa miillaan deemanii
garboonni immoo fardaan utuu deemanii nan arge.
 
Namni boolla qotu kam iyyuu ofuma isaatii keessa buʼa;
nama dallaa cabsee keessaan baʼu kam iyyuu bofatu idda.
Namni dhagaa baasu kam iyyuu dhagaa sanaan miidhamuu dandaʼa;
namni jirma baqaqsu hundinuus jirmuma sanaan miidhama.
 
10 Qottoon doomee
afaan isaa yoo hin qaramin,
humna guddaa barbaachisa;
ogummaan garuu milkaaʼinna fida.
 
11 Bofti tokko utuu hin raateffamin yoo nama idde,
namichi bofa raatessu sun homaa hin argatu.
 
12 Dubbiin afaan ogeessaatii baʼu ulfina qaba;
namni gowwaan immoo hidhii ofii isaatiin bada.
13 Dubbiin isaa jalqabatti gowwummaa dha;
dhuma irratti garuu maraatummaa hamaa dha;
14 namni gowwaan dubbii baayʼisa.
 
Namni tokko iyyuu waan dhufuuf jiru hin beeku;
eenyutu waan isa duubaan taʼu isatti himuu dandaʼa?
 
15 Dadhabbiin gowwaa isuma butuchiti;
inni karaa gara magaalaatti geessu hin beeku.
 
16 Yaa biyya mootiin kee mucaa turee,
kan ilmaan moototaa kee ganamaan nyaatanii dhugan siif wayyoo.
17 Yaa biyya mootiin kee sanyii beekamaa irraa dhalate,
kan ilmaan moototaa utuu machaaʼuuf hin taʼin,
jabina argachuuf jedhanii yeroo malutti nyaatanii dhugan,
ati eebbifamtuu dha.
 
18 Dhibaaʼummaan, mana duuffisa;
harki hin hojjennes mana dhimmisiisa.
 
19 Cidhi kolfaaf qopheeffama;
daadhiin wayiniis jireenya gammachiisa;
maallaqni immoo deebii waan hundaa ti.
 
20 Sababii simbirri samii dubbii kee geessituuf,
yookaan simbirri barrisaa jirtu dhaqxee waan ati jettu himtuuf,
ati yaada kee keessatti mootii hin arrabsin;
yookaan kutaa hirribaa keessatti sooressa hin abaarin.