7
Ogummaa
Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya;
guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya.
Mana cidhaa dhaquu mannaa
mana booʼichaa dhaquu wayya;
galgalli nama hundaa duʼumaatii;
namni lubbuun jiraatu waan kana garaatti haa qabatu.
Fuulli gaddu waan garaa gammachiisuuf
kolfa irra gadda wayya.
Qalbiin ogeessaa mana booʼichaa jira,
qalbiin gowwaa garuu mana gammachuu jira.
Sirba gowwootaa dhagaʼuu mannaa
ifannaa ogeessaa dhaggeeffachuu wayya.
Kolfi gowwaa akkuma qoraattii
xuwwee jalaa xaaxaʼuu ti.
Kunis faayidaa hin qabu.
 
Cunqursaan ogeessa gowwaa godha;
mattaʼaanis sammuu nama xureessa.
 
Jalqaba waan tokkoo irra dhuma isaa wayya;
of tuuluu irras obsa wayya.
Hafuura keetiin aaruuf hin ariifatin;
aariin bobaa gowwootaa keessa jiraatii.
 
10 Ati, “Barri durii maaliif bara kana caale?” hin jedhin;
waan kana gaafachuun ogummaa miti.
 
11 Ogummaan akkuma dhaalaa waan gaarii dha;
warra aduu arganiifis buʼaa qaba.
12 Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sana
ogummaanis daʼoo dha;
faayidaan beekumsaa garuu kana:
innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti.
13 Waan Waaqni hojjete mee ilaali:
Waan inni jalʼise
eenyutu qajeelchuu dandaʼa?
14 Yommuu yeroon gaarii taʼutti gammadi;
yommuu yeroon hammaatu garuu itti yaadi:
Waaqni isa tokko hojjete isa kaanis hojjeteera.
Kanaafuu namni egeree isaa beekuu hin dandaʼu.
15 Ani jireenya koo kan faayidaa hin qabne kana keessatti waan kana lachuu argeera; kunis:
Qajeelaan qajeelummaa isaatiin baduu isaatii fi
hamaan immoo hammina isaatiin bara dheeraa jiraachuu isaa ti.
16 Ati akka malee qajeelaa hin taʼin;
yookaan akka malee ogeessa hin taʼin;
maaliif of galaafatta?
17 Ati akka malee hamaa hin taʼin;
gowwaas hin taʼin;
maaliif utuu yeroon kee hin gaʼin duuta?
18 Utuu isa kaan gad hin dhiisin
waan tokko qabaachuun gaarii dha.
Namni Waaqa sodaatu waan hundaan ni milkaaʼa.
 
19 Ogummaan, bulchitoota magaalaa tokko keessa jiran kudhan caalaa
nama ogeessa tokko humna qabeessa gooti.
 
20 Namni qajeelaan waan qajeelaa malee
cubbuu tokko illee hin hojjenne lafa irra hin jiru.
 
21 Waan namni jedhu hunda hin dhaggeeffatin;
yoo kana goote utuu hojjetaan kee si abaaruu dhageessaa;
22 ati mataan kee iyyuu yeroo baayʼee
namoota kaan akka abaarte garaan kee beekaatii.
23 Ani waan kana hunda ogummaadhaanan qoradhee,
“Ani ogeessan taʼa” nan jedhe.
Wanni kun garuu narraa fagoo ture.
24 Wanti jiru hundi fagoo dha; gad fagoo dha;
eenyutu qoratee bira gaʼuu dandaʼa?
25 Kanaafuu ani gara ogummaa fi
maalummaa wantootaa hubachuutti, sakattaʼuutti, qorachuutti
akkasumas hammina gowwummaatii fi
maraatummaa gowwummaa hubachuutti qalbii koo nan deebifadhe.
 
26 Ani waan duʼa caalaa hadhaaʼuu nan arge; kunis:
dubartii kiyyoo taate,
kan yaadni ishee kiyyoo,
harki ishee immoo foncaa taʼee dha.
Namni Waaqa gammachiisu ishee jalaa ni baʼa;
cubbamaan garuu isheedhaan qabama.
27 Lallabaan akkana jedha; “Kunoo wanni ani qoradhee bira gaʼe kanaa dha:
“Mala isaa beekuuf waan tokko fuudhanii waan kaanitti dabaluu dha;
28 ani ammas nan sakattaʼe;
garuu hin arganne.
Ani kuma keessaa dhiira qajeelaa tokko nan argadhe;
hunduma isaanii keessaa garuu dubartii qajeeltuu tokko iyyuu hin arganne.
29 Kunoo ani waan kana qofa nan argadhe:
Waaqni qajeeltota godhee ilmaan namaa uume;
namoonni garuu mala baayʼee barbaacha deeman.”