10
Uummanni Cubbuu Isaa Himate
Utuma Izraan mana Waaqaa duratti lafaan of dhaʼee booʼaa, cubbuu himachaa, kadhachaa jiruu Israaʼeloonni akka malee hedduun dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen naannoo isaatti walitti ni qabaman. Isaanis hiqqifatanii booʼan. Ergasiis sanyii Eelaam keessaa Shekaaniyaan ilmi Yehiiʼeel Izraadhaan akkana jedhe; “Nu waan saboota naannoo keenya jiraatan keessaa dubartoota ormaa fuuneef Waaqa keenyaaf hin amanamne. Wanni kun taʼu illee amma iyyuu Israaʼeliif abdiin jira. Kanaafuu kottaa akkuma gorsa gooftaa koo fi kan warra ajaja Waaqa keenyaa sodaatanitti dubartoota kanneenii fi ijoollee isaanii hunda of irraa geggeessuuf fuula Waaqa keenyaa duratti kakuu ni galla. Kunis akkuma Seeraatti haa raawwatamu. Kaʼi; wanni kun suma harka jira. Nu si deeggarra; egaa jabaadhuu hojjedhu.”
Kanaafuu Izraan kaʼee akka isaan waan jedhame sana raawwataniif luboota hangafoota, Lewwotaa fi Israaʼel hunda ni kakachiise; isaanis ni kakatan. Ergasii Izraan fuula mana Waaqaa duraa kaʼee kutaa manaa kan Yehohaanaan ilma Eliyaashiib seene. Inni yeroo achi turetti nyaata tokko illee hin nyaanne; bishaanis hin dhugne; sababii amanamummaa dhabiisa warra boojuudhaa deebiʼaniif gaddaa tureetii.
Ergasii akka warri boojuudhaa deebiʼan hundi Yerusaalem keessatti walitti qabamaniif Yihuudaa fi Yerusaalem guutuu keessatti labsiin ni labsame. Namni kam iyyuu bultii sadii keessatti yoo dhiʼaachuu baate akkuma murtii qondaaltotaa fi maanguddootaatti qabeenyi isaa hundi irraa ni fudhatama; inni mataan isaas waldaa warra boojuudhaa deebiʼee keessaa ni ariʼama.
 
Bultii sadan sana keessatti namoonni Yihuudaa fi Beniyaam hundi Yerusaalem keessatti walitti qabaman. Bultii digdammaffaa jiʼa saglaffaatti namoonni hundi sababii waan kanaa fi sababii rooba guddaatiif akka malee raafamanii oobdii mana Waaqaa dura jiru irra ni tataaʼan. 10 Izraan lubichi ol kaʼee akkana isaaniin jedhe; “Isin amanamoo hin turre; dubartoota ormaa fuudhuudhaanis Israaʼel irratti yakka dabaltaniirtu. 11 Egaa amma cubbuu keessan Waaqayyo Waaqa abbootii keessanitti himadhaatii fedhii isaa guutaa. Saboota naannoo keessan jiraatanii fi niitota warra ormaa keessaa fuutaniin gargar baʼaa.”
12 Guutummaan waldaa sanaa akkana jedhee sagalee guddaadhaan deebise: “Ati sirrii dha! Nu akkuma ati jette gochuu qabna. 13 Garuu nama hedduutu as jira; yeroon kunis yeroo roobaa ti; kanaafuu nu ala dhaabachuu hin dandeenyu. Sababii nu waan kana keessatti cubbuu guddaa hojjenneef wanni kun guyyaa tokkotti yookaan guyyaa lamatti fala argachuu hin dandaʼu. 14 Qondaaltonni keenya iddoo waldaa guutuu haa buʼan. Ergasii namni magaalaawwan keenyaa kan dubartii ormaa fuudhe kam iyyuu hamma dheekkamsi Waaqa keenyaa sodaachisaan sababii waan kanaatiif dhufe sun nurraa deebiʼutti maanguddootaa fi abbootii murtii tokkoo tokkoo magaalaa wajjin yeroo murteeffametti haa dhufu.” 15 Yoonaataan ilma Asaaheelii fi Yahizeyaa ilma Tiqwaa qofatu waan kana morme; Meshulaamii fi Shaabetaayi Lewwichi immoo isaan deeggaran.
16 Warri boojuudhaa deebiʼan sunis akkasuma godhan. Izraan lubichis namoota hangafoota maatii taʼan tokkoo tokkoo garee maatii keessaa nama tokko filatee hunduma isaanii maqaa maqaan ramade. Isaanis bultii tokkoffaa jiʼa kurnaffaatti dhimma sana qorachuudhaaf tataaʼanii 17 guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti waaʼee namoota dubartoota ormaa fuudhan hundaa qoratanii fixan.
Namoota Dubartoota Ormaa Fuudhan
18 Sanyii lubootaa keessaa namoonni dubartoonni ormaa fuudhan kanneenii dha:
Sanyii Iyyaasuu ilma Yoozaadaaqii fi obboloota isaa keessaa:
Maʼaseyaa, Eliiʼezer, Yaariibii fi Gedaaliyaas. 19 Isaan hundinuu niitota isaanii hiikuudhaaf waadaa ni galan; tokkoon tokkoon isaanii balleessaa ofii isaaniitiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif ni dhiʼeessan.
20 Sanyii Imeer keessaa:
Hanaanii fi Zebaadiyaa.
21 Sanyii Haariim keessaa:
Maʼaseyaa, Eeliyaas, Shemaaʼiyaa, Yehiiʼeelii fi Uziyaa.
22 Sanyii Phaashihuur keessaa:
Eliiyooʼeenayi, Maʼaseyaa, Ishmaaʼeel, Naatnaaʼel, Yoozaabaadii fi Eleʼaasaa.
 
23 Lewwota keessaa immoo:
Yoozaabaad, Shimeʼii, Qeelaayaa isa Qeliixaa jedhamu sana, Phetaayaa, Yihuudaa fi Eliiʼezer.
24 Faarfattoota keessaa:
Eliyaashiib.
Warra karra eegan keessaa:
Shaluum, Telemii fi Uuri.
 
25 Israaʼeloota kaan keessaa:
Sanyii Phaarosh keessaa:
Raamiyaa, Yeziyaa, Malkiyaa, Miyaamiin, Eleʼaazaar, Malkiyaa fi Benaayaa.
26 Sanyii Eelaam keessaa:
Mataaniyaa, Zakkaariyaas, Yehiiʼeel, Abdii, Yireemootii fi Eeliyaas.
27 Sanyii Zaatuu keessaa:
Eliiyooʼeenayi, Eliyaashiib, Mataaniyaa, Yireemooti, Zaabaadii fi Aziizaa.
28 Sanyii Beebay keessaa:
Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi.
29 Sanyii Baanii keessaa:
Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaasuub, Sheʼaalii fi Raamoot.
30 Sanyii Fahat Moʼaab keessaa:
Adinaa, Kelaal, Benaayaa, Maʼaseyaa, Mataaniyaa, Bezaliʼeel, Binuuyii fi Minaasee.
31 Sanyii Haariim keessaa:
Eliiʼezer, Yishiyaa, Malkiyaa, Shemaaʼiyaa, Simiʼoon, 32 Beniyaam, Maluukii fi Shemaariyaa.
33 Sanyii Haashum keessaa:
Matenaayi, Matataa, Zaabaadii, Eliiphelexi, Yereemaayi, Minaasee fi Shimeʼii.
34 Sanyii Baanii keessaa:
Maʼadaay, Amraam, Uuʼeel, 35 Benaayaa, Beediyaa, Keluuhii, 36 Waaneyaa, Mereemooti, Eliyaashiib, 37 Mataaniyaa, Matenaayii fi Yaʼasaawuu,
38 Baanii, Binuuyii,
Shimeʼii, 39 Shelemiyaa, Naataan, Adaayaa, 40 Maknaadebaayi, Shaashaayi, Shaaraayi, 41 Azariʼeel, Shelemiyaa, Shemaariyaa, 42 Shaluum, Amariyaa fi Yoosef.
43 Sanyii Neboo keessaa:
Yeʼiiʼeel, Matiitiyaa, Zaabaadii, Zebiinaa, Yaadaayi, Yooʼeelii fi Benaayaa.
 
44 Warri kunneen hundinuu dubartoota ormaa ni fuudhan; isaan keessaas tokko tokko niitota kanneen irraa ijoollee ni dhalchan.