2
Maqaa Namoota Boojuudhaa Deebiʼanii
2:1‑70 kwf – Nah 7:6‑73
Egaa isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee Baabilonitti isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan; isaanis: Zarubaabel, Yeeshuuʼaa, Nahimiyaa, Seraayaa, Reʼelaayaa, Mordekaayi, Bilshaan, Misphaar, Baguwaayi, Rehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan.
 
Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii:
sanyiin Phaarosh 2,172,
sanyiin Shefaaxiyaa 372,
sanyiin Aaraa 775,
sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,812,
sanyiin Eelaam 1,254,
sanyiin Zaatuu 945,
sanyiin Zakaayi 760,
10 sanyiin Baanii 642,
11 sanyiin Beebay 623,
12 sanyiin Azgaad 1,222,
13 sanyiin Adooniiqaam 666,
14 sanyiin Baguwaay 2,056,
15 sanyiin Aadiin 454,
16 sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98,
17 sanyiin Beesaay 323,
18 sanyiin Yooraa 112,
19 sanyiin Haashum 223,
20 sanyiin Gibaar 95,
21 namoonni Beetlihem 123,
22 namoonni Netoofaa 56,
23 namoonni Anaatoot 128,
24 namoonni Azmaawet 42,
25 namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743,
26 namoonni Raamaa fi Gebaa 621,
27 namoonni Mikmaas 122,
28 Namoonni Beetʼeelii fi Aayi 223,
29 namoonni Neboo 52,
30 namoonni Magbiish 156,
31 namoonni Eelaam kaan 1,254,
32 namoonni Haariim 320,
33 namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 725,
34 namoonni Yerikoo 345,
35 namoonni Senaaʼaa 3,630.
 
36 Luboota:
Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaan dhufan 973,
37 sanyiin Imeer 1,052,
38 sanyiin Phaashihuur 1,247,
39 sanyiin Haariim 1,017.
 
40 Lewwota:
Sanyiin Yeeshuuʼaa fi Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.
 
41 Faarfattoota:
sanyiin Asaaf 128.
 
42 Eegdota karra mana qulqullummaa:
sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer,
sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub,
sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 139.
 
43 Tajaajiltoota mana qulqullummaa:
sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa fi sanyii Xabaaʼoot,
44 sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon;
45 sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa fi sanyii Aquub;
46 sanyii Haagaab, sanyii Shalmaayi, sanyii Haanaan;
47 sanyii Gideel, sanyii Gahar, sanyii Reʼaayaa;
48 sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa, sanyii Gazaam;
49 sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa, sanyii Beesaay;
50 sanyii Asinaa, sanyii Meʼuunimii fi sanyii Nefuusiim;
51 sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,
52 sanyii Bazluut, sanyii Mihiidaa fi sanyii Harshaa;
53 sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa fi sanyii Teemahi;
54 sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa
55 Sanyii tajaajiltoota Solomoon:
Sanyii Soxaayi,
sanyii Sofereetii fi sanyii Firuudaa;
56 sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoonii fi sanyii Gideel;
57 sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil,
sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamii;
58 tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392.
 
59 Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adaanii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis:
60 sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 652.
 
61 Luboota keessaa immoo:
Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.
62 Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman. 63 Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko argamutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.
 
64 Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan; 65 kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 200 qabu ture. 66 Isaan farda 736, gaangolii 245, 67 gaala 435 fi harree 6,720 qabu ture.
 
68 Yommuu isaan mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessa jiru sana gaʼanitti hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko akka manni Waaqaa iddoo isaatti deebiʼee ijaaramuuf kennaa fedhiidhaan kennamu ni gumaachan. 69 Isaanis akkuma dandeettii isaaniitti warqee daariikii* 61,000, meetii minnaanii 5,000 fi uffata lubootaa 100 horii hojii kanaaf walitti qabametti ni dabalan.
70 Luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokko wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan; Israaʼeloonni kaan magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.
* 2:69 2:69 Daariikiin tokko giraamii 8. 2:69 2:69 Minnaaniin tokko giraamii 600.