4
Mormii Ijaarsa Mana Qulqullummaa Mudate
Diinonni Yihuudaa fi Beniyaam yeroo akka warri boojuudhaa deebiʼan sun Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaraa jiran dhagaʼanitti, gara Zarubaabelii fi gara hangafoonni maatiiwwanii dhufanii akkana jedhaniin; “Sababii nus akkuma keessan Waaqa keessan barbaannee bara Eesarhadoon mooticha Asoor kan as nu fide sanaatii jalqabnee aarsaa dhiʼeessafii turreef nus isin wajjin haa ijaarru.”
Zarubaabel, Yeeshuuʼaa fi hangafoonni maatii Israaʼel kaan garuu, “Isin mana Waaqa keenyaa nu wajjin ijaaruuf qooda hin qabdan. Numa qofatu akkuma Qiiros Mootichi Faares nu ajaje sanatti Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaara” jedhanii deebisan.
Namoonni naannoo isaanii akka isaan itti fufanii ijaaruu sodaataniif namoota Yihuudaa abdii kutachiisuuf kaʼan. Isaanis bara Qiiros mooticha Faaresiitii jalqabee hamma bara Daariyoos mooticha Faaresitti jiru hunda kaayyoo isaanii gufachiisuudhaaf qondaaltota isaaniin morman itti bitan.
Mormii Bara Ahashweroosii fi Arxeksis Keessa Ture
Isaanis jalqaba bara mootummaa Ahashweroositti saba Yihuudaa fi kan Yerusaalem himatan.
Bara Arxeksis mooticha Faares keessa Biishlaam, Mitredaat, Xaabiʼeelii fi michoota isaa biraa xalayaa tokko Arxeksisitti barreessan. Xalayaan sunis qubee Araamaayikii fi afaan Araamaayikiin barreeffame.
Rehuum ajajaan qondaaltichii fi Shiimshaayi barreessaan sun Yerusaalemiin mormuudhaan akkana jedhanii xalayaa tokko Arxeksis mootichatti barreessan:
Rehuum ajajaan qondaaltichi, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kaan wajjin jechuunis abbootii murtii fi qondaaltota namoota Tiripooliis, Faaresi, Arkii fi Baabilon dhufan, akkasumas warra Elaamota Suusaa dhufan bulchanii fi 10 namoota Osnaapher guddichii fi kabajamaan sun biyyaa baasee magaalaa Samaariyaa keessaa fi Laga Efraaxiis gama qubachiise kaan wajjin barreessan.
11 Kun garagalcha xalayaa jarri isaaf erganii ti.
Gara Arxeksis Mootichaa,
tajaajiltoota kee warra Laga Efraaxiisiin Gamaa irraa:
12 Mootichi akka Yihuudoonni si biraa gara keenya dhufan sun Yerusaalem dhaqanii magaalaa finciltuu fi hamtuu sana deebisanii ijaaraa jiran beekuu qaba. Isaan dallaa dhagaa deebisanii ijaaruudhaan hundeewwan ishee jajjabeessaa jiru.
13 Kana malee iyyuu mootichi akka yoo magaalaan kun ijaaramtee dallaan ishee jajjabeeffame akka siʼachi qaraxni, gibirri yookaan ashuuraan hin argamnee fi akka galiin mootummaas gad buʼu beekuu qaba. 14 Nu amma waan itti gaafatamummaa masaraa mootummaa qabnuu fi waan akka mootichi ulfina dhabu arguu hin feeneef akka mootichi beekuuf jennee ergaa kana itti ergineerra; 15 kunis akka manneen galmee abbootii keetii sakattaʼamaniif. Atis galmeewwan kana keessatti akka magaalaan kun durumaa jalqabdee magaalaa finciltuu, kan moototaa fi kutaalee biyyaa rakkiftu, iddoo finciltuu taate ni argita. Wanni magaalaan kun barbadeeffamteefis kanuma. 16 Yaa mooticha, yoo magaalaan kun ijaaramee dallaan isaas jajjabeeffame, akka ati Laga Efraaxiis Gamaa waan tokko illee hin qabaanne nu sitti himna.
17 Mootichis akkana jedhee deebii kana erge:
Gara Rehuum ajajaa qondaaltichaa, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kanneen Samaariyaa keessaa fi Efraaxiisiin gama jiraatan kaaniitti:
Nagaan keenya isin haa gaʼu.
18 Xalayaan isin nuuf ergitan sun dubbifamee fuuluma koo duratti hiikameera. 19 Anis ajaja kennee galmeen qoratameera; magaalaan kunis akka durumaa jalqabee moototatti fincilaa turte, akka isheen holqa finciltootaa fi mormitootaa taates beekameera. 20 Yerusaalem mootota ciccimoo guutummaa Gama Laga Efraaxiis bulchan qabdi turte; qaraxni, gibirrii fi ashuuraan isaaniif kennama ture. 21 Akka magaalaan kun deebifamtee hin ijaaramne hamma ani labsii baasutti akka isaan hojii dhaabaniif isin amma namoota kanneenitti ajaja dabarsaa. 22 Akka waan kana hin tuffanneef of eeggadhaa. Maaliif hamma rakkoon kun guddatee fedhii mootummaatti gufuu taʼutti ittuma dhiiftuu?
23 Akkuma garagalchi xalayaa Arxeksis Mootichaa sun fuula Rehuum, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii duratti dubbifameen isaan yoosuma gara Yihuudoota Yerusaalem keessa jiraatanii dhaqanii humnaan hojii isaan dhaabsisan.
 
24 Akkasiin hojiin mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sun hamma waggaa lammaffaa bara Daariyoos mooticha Faaresitti ni dhaabatte.