10
Guddina Mordekaayi
Ahashweroos Mootichi hamma qarqara galaanaatti bulchiinsa isaa guutuu irratti gibira buuse. Hojiin humnaa fi jabina isaa hundinuu, seenaa guddina Mordekaayi kan mootichi itti ol isa guddise guutuu wajjin kitaaba seenaa mootota Meedee fi Faares keessatti barreeffameera mitii? Mordekaayi Yihuudichi sadarkaadhaan nama Ahashweroos Mootichatti aanu ture; inni sababii uummata isaatiif waan gaarii hojjetee fi sababii nageenya Yihuudoota hundaatiif falmeef obboloota isaa Yihuudoota hedduu biratti ulfina guddaa qaba ture.