8
Labsii Yihuudoota Baraaruuf Labsame
Gaafuma sana Ahashweroos Mootichi qabeenya Haamaan isa diina Yihuudootaa ture sanaa Asteer Mootittiif kenne. Asteer akka inni fira ishee taʼe waan mootichatti himtee turteef Mordekaayi fuula mootichaa duratti dhiʼaate. Mootichis qubeelaa chaappaa isaa kan Haamaan irraa deebisee fudhate sana ofi irraa baasee Mordekaayiif kenne. Asteeris qabeenya Haamaan irratti Mordekaayiin muudde.
Asteer miilla isaa irratti kuftee booʼaa ammas mooticha kadhatte. Isheenis akka inni karoora jalʼaa kan Haamaan namichi biyya Agaag sun Yihuudootatti baase sana fashaleessuuf isa kadhatte. Mootichis bokkuu warqee Asteeriif diriirsinaan isheen kaatee fuula isaa dura dhaabatte.
Isheen akkana jette; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee jiraadhe, yoo wanni kun qajeelaa isatti fakkaatee fi yoo inni natti gammade, xalayaa Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag sun Yihuudoota kutaalee biyyaa mootichaa hunda keessa jiraatan balleessuudhaaf barreesse sana fashaleessuuf ajajni haa barreeffamu. Ani utuun balaa saba koo irra gaʼu arguu akkamittin obsuu dandaʼa? Akkamittis badiisa maatii koo argee obsuu dandaʼa?”
Ahashweroos Mootichis akkana jedhee Asteer Mootittii fi Mordekaayi Yihuudichaaf deebii kenne; “Sababii Haamaan Yihuudoota miidheef ani qabeenya isaa Asteeriif kenneera; isaanis muka irratti isa fannisaniiru. Sababii labsiin maqaa mootichaatiin barreeffamee chaappaan qubeelaa mootichaa itti godhame diigamuu hin dandeenyeef isin akkuma jaallattanitti waan Yihuudoota ilaalu maqaa mootichaatiin barreessaatii chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappessaa.”
Barreessitoonni mootichaas yommusuma bultii digdamii sadaffaa jiʼa sadaffaatti jiʼa Siiwaan jedhamu keessa walitti waamaman. Isaanis ajaja Mordekaayi hunda gara Yihuudoota, ergamoota, bulchitootaa fi namoota bebeekamoo kutaalee biyyaa 127 kanneen biyya Hindiitii hamma Itoophiyaatti jiraatanitti barreessanii ergan. Ajajni kunis arfii tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatiin, afaan tokkoo tokkoo sabaatiin akkasumas Yihuudootatti arfii fi afaanuma ofii isaaniitiin barreeffame. 10 Mordekaayis maqaa Ahashweroos Mootichaatiin xalayoota barreessee chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappesse; xalayoota sanas abbootii fardaa kanneen fardeen mootichaaf leenjifaman keessaa collee taʼan yaabbatanitti erge.
11 Labsiin mootichaa akka Yihuudoonni magaalaawwan hunda keessa jiraatan walitti qabaman, akka of eeganii fi akka isaan humna waraana saba kamii iyyuu yookaan biyya kamii iyyuu kan isaan, dubartoota isaaniitii fi ijoollee isaanii miidhu akka ajjeesan, akka barbadeessanii fi lafa irraa balleessan akkasumas akka qabeenya diinota isaanii saaman mirga kenneef. 12 Guyyaan akka Yihuudoonni kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa hunda keessatti waan kana godhan murtaaʼeefis bultii kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaa, jiʼa Adaar jedhamu keessa ture. 13 Garagalchi labsii sanaas kutaalee biyyaa hunda keessatti akka seeraatti raabsamee sabni hundi beekuu qaba ture; kunis akka Yihuudoonnis diinota isaanii haaloo baʼuuf gaafasitti qophaaʼaniif.
14 Ergamoonni fardeen mootichaa yaabbatan sunis ajaja mootichaatiin ariifatanii gulufaa deeman. Labsiin sunis gamoo Suusaa keessatti labsame.
15 Mordekaayis uffata mootii kan bifa cuquliisaatii fi adii uffatee, gonfoo warqee guddaa isaa kaaʼatee wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame dhiilgee irraan uffatee fuula mootichaa duraa baʼe. Magaalaan Suusaas gammaddee ililchite. 16 Yeroon sun Yihuudootaaf ifa, gammachuu, ilillee fi yeroo ulfinaa ture. 17 Kutaalee biyyaatii fi magaalaawwan hunda keessatti, lafa labsiin mootichaa gaʼe hundatti Yihuudoonni ilillee fi gammachuudhaan, nyaataa fi dhugaatiidhaan ni ayyaaneffatan. Namoonni gosa kaanii hedduun sababii Yihuudoota sodaataniif Yihuudoota taʼan.