15
Faarfannaa Museetii fi Maariyaam
Yommus Musee fi Israaʼeloonni Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfatan:
“Ani Waaqayyoof nan faarfadha;
inni ol ol jedheeraatii.
Inni fardaa fi namicha farda yaabbate
galaanatti gad darbateera.
 
Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti;
inni fayyina koo taʼeera.
Inni Waaqa koo ti; anis isa nan jajadha;
inni Waaqa abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba.
Waaqayyo goota waraanaa ti;
maqaan isaa Waaqayyo.
Inni gaariiwwan Faraʼoonii fi loltoota isaa
galaanatti gad darbateera.
Qondaaltota Faraʼoon keessaa filatamtoonni,
Galaana Diimaa keessa dhidhimaniiru.
Tuujubni isaan irra gara gale;
isaanis akkuma dhagaa tuujubatti gad dhidhiman.
Yaa Waaqayyo,
harki kee mirgaa humnaan ulfina qabeessa.
Yaa Waaqayyo,
harki kee mirgaa diina ni hurreessa.
 
“Ati guddina ulfina keetiitiin
warra siin morman gad darbatte.
Aarii kee bobaʼaa ni ergite;
innis akkuma habaqiitti gubee isaan fixe.
Hafuura funyaan keetiitiin
bishaanonni tuulaman.
Bishaan yaaʼu akkuma keenyaniitti ol dhaabate;
tuujuboonnis walakkaa galaanaatti ititan.
Diinni, ‘Ani faana buʼee isaan qaqqaba.
Boojuu nan qoodadha;
ani isaan irratti fedhii koo nan guutadha.
Goraadee koo nan luqqifadha;
harki koo isaan barbadeessa’ jedhee nan dhaadate.
10 Ati garuu bubbee kee itti bubbifte;
galaanni immoo isaan irra gara gale.
Isaanis akkuma sibiilaa
bishaanota jajjaboodhaan liqimfaman.
11 Yaa Waaqayyo,
waaqota keessaa eenyutu si fakkaata?
Qulqullinaan simboo qabeessi,
ulfinaan sodaachisaan,
hojii dinqii hojjechuuttis
kan akka keetii eenyu?
 
12 “Ati harka kee mirgaa diriirfannaan,
lafti isaan liqimsite.
13 Ati saba furte sana,
jaalala kee hin geeddaramneen geggeessita.
Jabina keetiinis
gara iddoo jireenya keetii qulqulluutti isaan qajeelchita.
14 Saboonni dhagaʼanii hollatu;
muddamsuunis saba Filisxeem qabate.
15 Hangafoonni Edoom ni rifatu;
bulchitoota Moʼaabis naasuutu qabata;
warri Kanaʼaanis bishaanuma taʼu;
16 sodaa fi abdii kutachuun isaan irra buʼa.
Yaa Waaqayyo, hamma sabni kee darbutti,
hamma sabni ati bitatte sun darbutti
jabina harka keetiitiin
isaan akkuma dhagaa calʼisu.
17 Yaa Waaqayyo, ati gara tulluu dhaala keetiitti,
gara lafa iddoo jireenya keetii godhachuuf tolfatteetti,
yaa Gooftaa ati gara iddoo qulqulluu harki kee hundeesseetti
ol galchitee isaan dhaabda.
 
18 Waaqayyo,
bara baraa hamma bara baraatti moʼa.”
19 Yommuu fardeen, gaariiwwanii fi abbootiin fardaa kan Faraʼoon galaana seenanitti Waaqayyo bishaanota isaan irra garagalche; Israaʼeloonni garuu lafa gogaa irra deemanii galaana keessa darban. 20 Miiriyaam obboleettiin Aroon raajittiin sun dibbee harkatti qabattee kaate; dubartoonni hundinuus dibbee isaanii fudhatanii sirbaa ishee faana buʼan. 21 Miiriyaamis akkana jettee isaaniif faarfatte:
Waaqayyo faarfadhaa;
inni ulfinaan moʼateeraatii.
Inni fardaa fi namicha farda yaabbate
galaanatti gad darbateera.”
Bishaan Maaraatii fi Bishaan Eelim
22 Museenis saba Israaʼel Galaana Diimaa biraa fuudhee qajeelche; isaanis Gammoojjii Shuuri seenan. Israaʼeloonnis utuu bishaan hin argatin guyyaa sadii gammoojjii keessa deeman. 23 Isaanis yommuu Maaraa gaʼanitti bishaan isaa dhuguu hin dandeenye; bishaan sun hadhaaʼaa tureetii. Wanni iddoon sun Maaraa jedhameefis kanuma. 24 Jarri sunis, “Nu maal haa dhugnuu?” jedhanii Museetti guunguman.
25 Yommus Museen Waaqayyotti iyyinaan, Waaqayyo muka tokko isa argisiise. Innis muka sana bishaanitti gad darbate; bishaan sunis ni miʼaawe.
Waaqayyos iddoo sanatti sirnaa fi seera isaaniif baase; achittis isaan qore. 26 Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Waaqayyo si fayyisuudhaatii.”
27 Isaanis gara Eelim iddoo burqaan kudha lamaa fi mukkeen meexxii torbaatamni turan dhufanii achi bishaan bira qubatan.