21
“Seerawwan ati isaan dura keessu kanneenii dha:
Seera Waaʼee Garbootaa
21:2‑6 kwf – KeD 15:12‑18
21:2‑11 kwi – Lew 25:39‑55
“Ati yoo Ibroota keessaa garbicha bitatte inni waggaa jaʼa siif haa hojjetu. Waggaa torbaffaatti garuu inni kaffaltii malee bilisa haa baʼu. Inni yoo kophaa isaa dhufee jiraate kophaa isaa bilisoomee haa deemu; yeroo dhufutti inni yoo niitii qabaate isheenis isa wajjin haa deemtu. Yoo gooftaan isaa niitii isa fuusisee isheenis ilmaan yookaan intallan deesseefii jiraatte, ishee fi ijoolleen ishee kan gooftaa ishee taʼu; namichi qofti bilisa taʼee haa deemu.
“Garuu garbichi sun, ‘Ani gooftaa koo fi niitii koo, ijoollee koos nan jaalladha; ani bilisa baʼee deemuu hin barbaadu’ yoo jedhe, gooftaan isaa fuula abbootii murtii duratti isa haa dhiʼeessu; gara balbalaatti yookaan gara michichila balbalaatti geessees mutaadhaan gurra isaa haa uru. Ergasii inni bara jireenya isaa guutuu isa tajaajila.
“Namni yoo intala isaa akka garbittiitti gurgurate, isheen akka garbichi tokko itti bilisa baʼutti bilisa hin baʼin. Yoo isheen goofticha ofii isaatiif ishee filate sanatti toluu baatte inni akka isheen furamtuu haa godhu. Inni waan isheef amanamuu dhabeef dabarsee ormatti ishee gurguruuf mirga hin qabu. Yoo ilma isaatiif ishee filate immoo mirga intala ofii isaatiif kennu isheefis haa kennu. 10 Yoo niitii biraa fuudhe immoo niitii isaa kan jalqabaa sana nyaata, uffataa fi mirga niitiif malu itti hin hirʼisin. 11 Yoo inni wantoota sadan kanneen isheef gochuu dide garuu isheen kaffaltii maallaqaa tokko malee bilisa baʼuu qabdi.
Miidhaa Nama Irraan Gaʼuu
12 “Namni nama rukutee ajjeesu innis haa ajjeefamu. 13 Inni riphee utuu hin eeggatin Waaqatu harka isaa buuse yoo taʼe garuu iddoo ani ramadutti haa baqatu. 14 Garuu yoo namni tokko ittuma yaadee dabaan nama ajjeese iddoo aarsaa koo biraa fuudhaatii ajjeesaa.
15 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa rukutu haa ajjeefamu.
16 “Namni nama hatee yoo gurgurate yookaan namichi hatame sun harka isaatti yoo argame hattichi haa ajjeefamu.
17 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu haa ajjeefamu.
18 “Yoo namoonni wal lolanii inni tokko isa kaan dhagaadhaan yookaan abootteedhaan rukutee namichi rukutame sun duʼuu baatee garuu siree irratti hafe, 19 ergasii immoo yoo inni kaʼee ulee isaa dhadhaabachaa asii fi achi ala keessa deddeeme namichi isa dhaʼe sun itti hin gaafatamu; sababii yeroo namicha miidhame sanaa jalaa balleesseef garuu gatii haa baasu; hamma inni guutumaan guutuutti fayyuttis isa haa walʼaanu.
20 “Yoo namni tokko uleedhaan garbicha isaa yookaan garbittii isaa dhaʼee garbichi sunis harka isaatti duʼe namichi haa adabamu; 21 garuu sababii garbichi sun qabeenya isaa taʼeef yoo garbichi sun bultii tokko yookaan bultii lama booddee kaʼe, namichi hin adabamu.
22 “Yoo namoonni wal lolaa jiran dubartii ulfoofte tokkotti buʼanii ulfii garaadhaa baʼee garuu miidhamni hamaan ishee hin qaqqabin, namichi ishee miidhe sun waan dhirsi dubartittii isa gaafatee fi waan abbootiin murtii murteessan baasuu qaba. 23 Yoo miidhamni hamaan jiraate garuu, qooda lubbuu, lubbuu; 24 qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii, ilkaan; qooda harkaa, harka; qooda miillaa, miilla; 25 qooda gubuu, gubuu; qooda madaa, madaa; qooda buruqsuu, buruqsuu baafta.
26 “Namni tokko yoo ija garbicha isaa yookaan ija garbittii isaa rukutee jaamse, inni qooda ija sanaa garba sana bilisa haa baasu. 27 Inni yoo ilkaan garbicha isaa yookaan ilkaan garbittii isaa rukutee cabse, qooda ilkaan sanaa garba sana bilisa haa baasu.
28 “Qotiyyoon tokko yoo dhiira yookaan dubartii waraanee ajjeese qotiyyoon sun dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu; foon isaas hin nyaatamin. Garuu abbaan qotiyyoo sanaa itti hin gaafatamu. 29 Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee garuu waan inni isa eeggachuu dideef qotiyyoon sun dhiira yookaan dubartii ajjeese, qotiyyoon sun dhagaadhaan rukutamee haa ajjeefamu; abbaan qotiyyoo sanaas haa ajjeefamu. 30 Taʼus inni yoo gumaa gaafatame waan gaafatame hunda kaffalee lubbuu isaa haa oolfatu. 31 Yoo qotiyyoon sun ilma yookaan intala tokko waraane illee seeruma kanatu hojjeta. 32 Yoo qotiyyoon sun garbicha yookaan garbittii waraane abbaan qotiyyoo sanaa gooftaa garba sanaatiif meetii saqilii* soddoma haa kaffalu; qotiyyoon sunis dhagaan rukutamee haa ajjeefamu.
33 “Namni tokko yoo boolla afaan banaa dhiise yookaan yoo boolla qotee utuu hin duuchin dhiisee sangaan yookaan harreen boolla sana keessa buʼe, 34 abbaan boolla sanaa abbaa horii sanaatiif maallaqa haa baasu; horiin duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.
35 “Yoo qotiyyoon nama tokkoo qotiyyoo nama biraa miidhee duʼaan gaʼe jarri qotiyyoo fayyaa sana haa gurgurani; gatii qotiyyoo sanaatii fi qotiyyoo duʼe sana qixxeetti haa qooddatani. 36 Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala horii waraanuu qabaachuun isaa beekamee garuu waan abbaan isaa isa eeggachuu dideef abbaan qotiyyoo sanaa qooda qotiyyoo, qotiyyoo haa baasu; qotiyyoon duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.
* 21:32 21:32 Saqiliin tokko giraamii 345.