2
Phaawulos Fudhatama Argachuu Isaa
Ani waggaa kudha afur booddee deebiʼee Yerusaalemitti ol baʼe; ani yeroo kana Barnaabaas wajjinin ture. Tiitoo illee of duukaa fudhadhee dhaqe. Ani mulʼataanin ol baʼe; wangeela Namoota Ormaa gidduutti lallabus isaaniif nan ibse. Kanas akka fiigichi koo kan duraa, kan ammaas akkasumaan hin hafne waan sodaadheef kophaatti warra dura buʼoota fakkaatanittin hime. Garuu Tiitoon inni ana wajjin ture iyyuu utuma nama Giriik taʼee jiruu akka dhagna qabatu hin dirqisiifamne. Kunis sababii obboloota sobaa tokko tokko bilisummaa nu karaa Kiristoos Yesuusiin arganne basaasuu fi nu garboomfachuuf dhokatanii nu gidduu galaniif taʼe. Nus akka dhugaan wangeelaa isin bira jiraatuuf jennee battala tokkoof illee isaaniif hin ajajamne.
Waaʼeen warra gurguddaa fakkaatan sanaa yoo isaan waanuma fedhan taʼan iyyuu anaaf homaa miti; Waaqni fuula namaa ilaalee nama wal hin caalchisu; namoonni kunneen ergaa koo irratti waan tokko hin daballe. Karaa kaaniin immoo isaan akkuma Phexros warra dhagna qabatanitti wangeela lallabuuf imaanaan itti kenname sana, anis akka warra dhagna hin qabannetti wangeela lallabuuf imaanaan natti kenname argan. Waaqni akka Phexros ergamaa taʼee warra dhagna qabatan tajaajilu hojjete sun akka anis ergamaa taʼee Namoota Ormaa tajaajilu hojjeteeraatii. Yaaqoob, Keefaa fi Yohannis warri akka “Utubaatti” ilaalaman sun yommuu ayyaana naa kenname hubatanitti anaa fi Barnaabaasiif harka mirgaa kan tokkummaa kennanii akka nu gara Namoota Ormaa deemnu, isaan immoo akka gara warra dhagna qabatanii dhaqan walii galan. 10 Wanni isaan nu kadhatanis akka nu hiyyeeyyii yaadannu qofa ture; kun immoo waanuma ani gochuuf hawwaa turee dha.
Phaawulos Phexrosiin Mormuu Isaa
11 Keefaan waan dogoggoree tureef yeroo inni Anxookiiyaa dhufetti ani ifaan ifattin isaan morme. 12 Utuu jarri tokko Yaaqoob biraa hin dhufin dura inni Namoota Ormaa wajjin nyaachaa ture. Yommuu isaan achi gaʼanitti garuu waan garee warra dhagna qabatanii sodaateef dugda duubatti deebiʼee Namoota Ormaa irraa gargar baʼe. 13 Yihuudoonni kaanis itti fakkeessummaa isaa duukaa buʼan; Barnaabaas iyyuu itti fakkeessummaa isaaniitiin dogoggorfamee ture.
14 Anis yommuu akka isaan daandii dhugaa wangeelaa irra hin deemne argetti hunda isaanii duratti Keefaan akkana jedhe; “Ati Yihuudii dha; garuu utuu akka Yihuudiitti hin taʼin akka Nama Ormaatti jiraatta; yoos ati akkamitti akka Namoonni Ormaa bartee Yihuudootaa duukaa buʼan dirqisiifta ree?
15 “Nu dhalootaan Yihuudoota malee Namoota Ormaa cubbamoota miti; 16 namni Yesuus Kiristoositti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Kiristoos irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.
17 “Egaa nu utuu karaa Kiristoosiin qajeeltota taasifamuu barbaannuu nu mataan keenya iyyuu cubbamoota taanee yoo argamnee Kiristoos tajaajilaa cubbuuti jechuudhaa ree? Kun gonkumaa akkas miti! 18 Ani yoon waanan diige deebisee ijaare akkan seera cabsituu taʼen mirkaneessa.
19 “Ani akkan Waaqaaf jiraadhuuf, karaa seeraatiin seeraaf duʼeeraatii. 20 Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha. 21 Ani ayyaana Waaqaa gatii hin dhabsiisu; utuu qajeelummaan karaa seeraatiin argamee Kiristoos akkanumaan duʼe jechuu dha kaa!”