11
Gamoo Baabel
Bara sana addunyaan guutuun afaan tokkoo fi haasaa tokko qaba ture. Namoonni akkuma gara baʼa biiftuutti godaananiin, Shineʼaar keessatti lafa diriiraa argatanii achi qubatan.
Isaanis, “Kottaa mee xuubii hojjennee ibiddaan gubnaa” waliin jedhan. Isaanis qooda dhagaa, xuubiitti fayyadaman; hapheedhaaf immoo leeleetti fayyadaman. Ergasii, “Kottaa mee akka ofii keenyaa maqaa argannuu fi akka addunyaa guutuu irra hin bibittinnoofneef magaalaa gamoon isaa samii qaqqabu tokko ijaarrannaa” jedhan.
Waaqayyo garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe. Waaqayyos akkana jedhe; “Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu. Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!”
Kanaafuu Waaqayyo achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan. Waan Waaqayyo achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; Waaqayyo iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse.
Seemii Jalqabee Hamma Abraamitti
11:10‑27 kwf – Uma 10:21‑31; 1Sn 1:17‑27
10 Seenaan maatii Seem kana.
 
Bishaan badiisaa booddee waggaa lamatti Seem yeroo umuriin isaa waggaa 100 guutetti Arfaakshadin dhalche. 11 Seem erga Arfaakshadin dhalchee booddee waggaa 500 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
12 Arfaakshad waggaa 35 jiraatee Sheelaa dhalche. 13 Arfaakshad erga Sheelaa dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
14 Sheelaan waggaa 30 jiraatee Eeberin dhalche. 15 Sheelaan erga Eeberin dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
16 Eeber waggaa 34 jiraatee Felegin dhalche. 17 Eeber erga Felegin dhalchee booddee waggaa 430 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
18 Felegi waggaa 30 jiraatee Reʼuu dhalche. 19 Felegi erga Reʼuu dhalchee booddee waggaa 209 jiraatee ilmaanii fi intallan biraas dhalche.
20 Reʼuun waggaa 32 jiraatee Seruugin dhalche. 21 Reʼuun erga Seruugin dhalchee booddee waggaa 207 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
22 Seruugi waggaa 30 jiraatee Naahoorin dhalche. 23 Seruugi erga Naahoorin dhalchee booddee waggaa 200 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
24 Naahoor waggaa 29 jiraatee Taaraa dhalche. 25 Naahoor erga Taaraa dhalchee booddee waggaa 119 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
26 Taaraan waggaa 70 jiraatee Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche.
Maatii Abraam
27 Seenaan maatii Taaraa kana.
 
Taaraan Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche. Haaraan immoo Looxin dhalche. 28 Haaraan utuma abbaan isaa Taaraan jiruu Uuri biyya Kaldootaa keessatti lafuma itti dhalatetti duʼe. 29 Abraamii fi Naahoor niitii fuudhan. Maqaan niitii Abraam Saaraa, maqaan niitii Naahoor immoo Miilkaa ture. Miilkaan intala Haaraan. Haaraan kun immoo abbaa Miikaatii fi Yiskaa ture. 30 Saaraan dhabduu turte; ijoollees hin deenye.
31 Taaraan ilma isaa Abraamin, ilma ilma isaa jechuunis Loox ilma Haaraanii fi niitii ilma isaa jechuunis Saaraa niitii Abraam fudhatee Kanaʼaan dhaquuf, Uuri biyya Kaldootaatii walii wajjin baʼan; garuu yeroo Kaaraan gaʼanitti achuma qubatan.
32 Taaraan waggaa 205 jiraatee Kaaraanitti duʼe.