47
Yoosefis gara Faraʼoon dhaqee, “Abbaan kootii fi obboloonni koo bushaayee isaanii, loon isaaniitii fi waan qaban hunda fudhatanii biyya Kanaʼaan dhufanii kunoo biyya Gooshen jiru” jedhee itti hime. Innis obboloota isaa keessaa nama shan filatee Faraʼoonitti dhiʼeesse.
Faraʼoonis, “Hojiin keessan maali?” jedhee obboloota Yoosef gaafate.
Isaanis, “Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa tiksoota” jedhanii deebisaniif. Akkanas jedhaniin; “Sababii beelli biyya Kanaʼaanitti cimee bushaayeen garboota keetii waan dheedan dhabaniif nu yeroo gabaabaa as jiraachuu dhufne. Akka nu garboonni kee biyya Gooshen keessa jiraannuuf maaloo nuu eeyyami.”
Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Abbaan keetii fi obboloonni kee siif dhufaniiru; lafti Gibxi fuuluma kee dura jira; abbaa keetii fi obboloota kee iddoo lafa hundumaa caalu irra qubachiisi. Isaan biyya Gooshen keessa haa jiraatan. Ati yoo namoota isaan keessaa dandeettii qaban beekte loon koo irratti itti gaafatamtoota isaan godhi.”
Ergasii Yoosef abbaa isaa Yaaqoobin fidee fuula Faraʼoon duratti dhiʼeesse. Erga Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee booddee, Faraʼoon, “Umuriin kee hammam?” jedhee isa gaafate.
Yaaqoobis Faraʼooniin akkana jedhe; “Barri ani keessummummaan jiraadhe waggaa dhibbaa tokkoo fi soddoma. Baroonni koos muraasa; hamaadhas; innis bara abbootiin koo keessummummaan jiraatan sanaan wal qixxee miti.” 10 Kana booddee, Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee fuula isaa duraa gad baʼe.
11 Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti abbaa isaatii fi obboloota isaa Gibxi keessa qubachiise; lafa lafa hunda caalu, aanaa Raamsee handhuuraa godhee isaanii kenne. 12 Akkasumas Yoosef abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiran hundaaf akkuma baayʼina ijoollee isaaniitti midhaan kenne.
Yoosefii fi Beela
13 Waan beelli akka malee cimeef biyyattii guutuu keessa wanni nyaatamu hin jiru ture; sababii beela sanaatiinis Gibxii fi Kanaʼaan akka malee miidhaman. 14 Yoosefis kaffaltii midhaan namoonni bitachaa turan sanaa maallaqa biyya Gibxii fi Kanaʼaan keessatti argamu hunda walitti qabee masaraa Faraʼoonitti galche. 15 Maallaqni warra Gibxii fi warra Kanaʼaan dhumnaan warri Gibxi hundi gara Yoosef dhufanii, “Midhaan nuu kenni. Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Maallaqni keenya dhumeera” jedhan.
16 Yoosef immoo, “Erga maallaqni keessan dhumee horii keessan fidaa; qooda horii keessanii ani midhaan isiniif nan kenna” jedhe. 17 Isaanis horii isaanii Yoosefitti fidan; Yoosefis qooda fardeen isaanii, qooda bushaayee isaanii, qooda loowwan isaaniitii fi qooda harroota isaanii midhaan kenneef. Innis bara sana geeddaraa horii isaanii hundaa midhaan isaan soore.
18 Waggaan sun dhumnaan jarri waggaa itti aanutti gara isaa dhufanii akkana jedhan; “Erga maallaqni keenya dhumee horiin keenya kan kee taʼee as, yaa gooftaa keenya akka dhagna keenyaa fi lafa keenya malee wanni tokko iyyuu nuuf hin hafin nu gooftaa keenya jalaa hin dhoksinu. 19 Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Nuu fi lafti keenyas maaliif badna? Nuu fi lafa keenya fudhadhuutii qooda isaa midhaan nuuf kenni. Nu lafa keenya wajjin Faraʼooniif ni garboomna. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf, akka laftis duwwaa hin hafneef sanyii nuuf kenni.”
20 Yoosefis lafa biyya Gibxi hundumaa Faraʼooniif bite. Warri Gibxi hundi waan beelli isaanitti cimeef lafa isaanii gurguran; laftis kan Faraʼoon taʼe; 21 Yoosefis daangaa biyya Gibxi tokko irraa hamma daangaa kaaniitti saba garbummaa jala galche. 22 Lafti inni hin bitin lafa lubootaa qofa ture; kunis sababii isaan Faraʼoon irraa qooda argatanii fi sababii qooda Faraʼoon isaaniif kennu sanaan jiraataniif. Kanaafuu isaan lafa isaanii hin gurgurre.
23 Yoosefis saba sanaan akkana jedhe; “Kunoo ani harʼa isinii fi lafa keessan Faraʼooniif biteera. Kunoo lafatti sanyii facaafadhaa. 24 Yommuu midhaan galfamutti harka shan keessaa harka tokko Faraʼooniif ni kennitu. Harka afran hafe immoo sanyii facaafattan, nyaata ofii keessanii, nyaata warra mana keessan jiraataniitii fi nyaata ijoollee keessanii godhattu.”
25 Jarris, “Ati duʼa nu oolchiteerta; nu fuula gooftaa keenyaa duratti fudhatama haa argannuu malee Faraʼooniif garboota ni taana” jedhan.
26 Yoosefis akkasiin akka harka shan keessaa harki tokko kan Faraʼoon taʼuuf Gibxi keessatti seera lafaa dhaabe; seerri sun hamma harʼaatti illee ittiin hojjetamaa jira. Lafa lubootaa qofattu utuu kan Faraʼoon hin taʼin hafe.
27 Israaʼeloonnis Gibxi keessa kutaa biyya Gooshen keessa qubatan. Achittis qabeenya argatan; horaniis guddaa baayʼatan.
28 Yaaqoob waggaa kudha torba biyya Gibxi keessa jiraate; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo afurtamii torba ture. 29 Israaʼelis yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Yoosefin ofitti waamee akkana jedheen; “Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhe, mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼiitii akka gaarummaa na argisiiftuu fi akka naaf amanamtu waadaa naaf seeni. Gibxitti na hin awwaalin; 30 yeroo ani abbootii koo wajjin boqodhutti biyya Gibxii na baasii iddoo isaan itti awwaalamanitti na awwaali.”
Innis, “Akkuma ati jette nan godha” jedhe.
31 Israaʼelis, “Naa kakadhu” jedheen. Yoosefis ni kakateef. Israaʼel immoo mataa ulee isaatti irkatee sagade.