5
Addaamii Jalqabee Hamma Nohiitti
Kun galmee sanyii Addaam.
 
Waaqni yeroo nama uumetti akka fakkeenya Waaqaatti isa tolche. Innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume; isaan eebbises. Yeroo uumamanis “Nama” jedhee isaan waame.
 
Addaam waggaa 130 jiraate; innis akka fakkaattii isaatti, akka bifa isaattis ilma dhalchee Seeti jedhee maqaa baaseef. Addaam erga Seeti dhalatee booddee waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. Walumatti Addaam waggaa 930 jiraatee duʼe.
Seeti waggaa 105 jiraatee Enooshin dhalche. Erga Enooshin dhalchee booddees Seeti waggaa 807 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. Walumatti Seeti waggaa 912 jiraatee duʼe.
Enoosh waggaa 90 jiraatee Qeenaanin dhalche. 10 Erga Qeenaanin dhalchee booddees Enoosh waggaa 815 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. 11 Walumatti Enoosh waggaa 905 jiraatee duʼe.
12 Qeenaan waggaa 70 jiraatee Mahalaleelin dhalche. 13 Erga Mahalaleeliin dhalchee booddee Qeenaan waggaa 840 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. 14 Walumatti Qeenaan waggaa 910 jiraatee duʼe.
15 Mahalaleel waggaa 65 jiraatee Yaaredin dhalche. 16 Erga Yaaredin dhalchee booddee Mahalaleel waggaa 830 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. 17 Walumatti Mahalaleel waggaa 895 jiraatee duʼe.
18 Yaared waggaa 162 jiraatee Henookin dhalche. 19 Erga Henookin dhalchee booddee Yaared waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa qaba ture. 20 Walumatti Yaared waggaa 962 jiraatee duʼe.
21 Henook waggaa 65 jiraatee Matuuselaa dhalche. 22 Henook erga Matuuselaa dhalchee booddee waggaa 300 Waaqa wajjin deddeebiʼe; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. 23 Walumatti Henook waggaa 365 jiraate. 24 Henook Waaqa wajjin deddeebiʼe; waan Waaqni isa fudhateef inni deebiʼee hin argamne.
25 Matuuselaan waggaa 187 jiraatee Laamehin dhalche. 26 Erga Laamehin dhalchee booddee Matuuselaan waggaa 782 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. 27 Walumatti Matuuselaan waggaa 969 jiraatee duʼe.
28 Laameh waggaa 182 jiraatee ilma dhalche. 29 Innis, “Hojii nu lafa Waaqayyo abaare kana irratti hojjennuu fi dadhabbii harka keenyaa kana keessatti nu jajjabeessa” jechuudhaan maqaa isaa Nohi jedhee moggaase. 30 Laameh erga Nohin dhalchee booddee waggaa 595 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche. 31 Walumatti Laameh 777 jiraatee duʼe.
32 Nohi erga waggaa 500 jiraatee booddee Seem, Haamii fi Yaafetin dhalche.