8
Waaqni garuu Nohin, bineensotaa fi horii isa wajjin doonii keessa turan hunda yaadate. Innis bubbee lafatti erge; bishaanichis gad gale. Burqaawwan tuujubawwaniitii fi foddaawwan samiiwwanii ni cufaman; bokkaan samii keessaa gad roobus ni caame. Bishaan sunis suutuma suuta lafa irraa hirʼachaa deemee dhuma bultii dhibba tokkoo fi shantamaatti gad buʼe. Dooniin sunis guyyaa kudha torbaffaa jiʼa torbaffaatti tulluu Araaraati gubbaa qubate. Bishaanichi hamma jiʼa kurnaffaatti gaduma galaa deeme. Guyyaa jalqaba jiʼa kurnaffaattis mataawwan tulluuwwanii mulʼatan.
Guyyaa afurtama booddee Nohi foddaa dooniitti baasee ture sana bane; innis arraagessa tokko gad dhiise; arraagessi sunis hamma bishaanichi lafa irraa gogutti asii fi achi deddeebiʼaa ture. Ergasii immoo akka bishaanichi lafa irraa hirʼate hubachuuf gugee tokko erge. Garuu sababii bishaan lafa hunda irra guutee jiruuf gugeen sun iddoo qubatu dhabdee gara Nohi dooniitti deebite. Innis harka isaa gad hiixatee gugee sana gara dooniitti iddoo ofii jirutti ol galche. 10 Ammas guyyaa torba turee gugee sana doonii keessaa gad baasee erge. 11 Gugeen sunis galgala yommuu gara isaatti deebitetti kunoo, baala ejersaa kan amma kutame afaanitti qabattee turte. Kanaanis Nohi akka bishaanichi gad hirʼate beeke. 12 Ammas guyyaa biraa torba turee gugee sana deebisee erge; gugeen sun garuu lammata gara isaatti hin deebine.
13 Umurii Nohii waggaa dhibba jaʼaa fi tokkoffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti, bishaanichi lafa irraa goge. Nohis qadaada doonii sanaa irraa fuudhee ilaalee kunoo akka lafti gogde arge. 14 Guyyaa digdamii torbaffaa jiʼa lammaffaatti lafti guutummaan guutuutti gogde.
15 Waaqnis Nohiin akkana jedhe; 16 “Atii fi niitiin kee, ilmaan keetii fi niitonni ilmaan keetii kottaa doonii keessaa baʼaa. 17 Akka isaan lafa irratti baayʼataniif, akka isaan horanii lafa irratti baayʼataniif, gosa uumamawwan lubbu qabeeyyii si wajjin jiran hunda jechuunis simbirroota, bineensotaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hunda gad baasi.”
18 Kanaafuu Nohi ilmaan isaatii fi niitii isaa, niitota ilmaan isaa wajjin gad baʼe. 19 Bineensonni hundii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundinuu, simbirroonni hundi jechuunis wanni lafa irra jiraatu hundi gosuma gosaan doonii sana keessaa gad baʼan.
20 Nohis Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaare; horii fi simbirroota qulqulluu hunda keessaa fuudhee iddoo aarsaa sana irratti aarsaa gubamu dhiʼeesse. 21  Waaqayyos foolii tolaa sana urgeeffatee garaa isaa keessatti akkana jedhe; “Yoo wanni namni ijoollummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hammina taʼe illee ani sababii namaatiif jedhee lammata lafa hin abaaru. Ani akkan kanaan dura godhe sana deebiʼee uumamawwan jiraatoo hunda hin balleessu.
22 “Hamma lafti jirtutti,
midhaan facaasuu fi walitti qabuun,
dhaamochii fi hoʼi,
bonnii fi ganni,
halkanii fi guyyaan
gonkumaa hin hafan.”