3
Yesuus Musee Caala
Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa. Akkuma Museen mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture sana innis isa isa muudeef amanamaa ture. Akkuma namni mana ijaaru tokko mana sana caalaa kabaja guddaa qabu, innis Musee caalaa kabaja guddaa qaba. Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa. Museen waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture.* Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.
Akeekkachiisa Amantii Dhabuu Irratti Kenname
Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu:
“Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
akka yeroo qorumsaa gammoojjii
keessatti finciluun gootan sana,
mataa hin jabaatinaa;
abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan;
waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan.
10 Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree,
‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru;
isaan karaa koo hin beekne’ jedhe.
11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,
‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe.”
12 Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa. 13 Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa. 14 Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Kiristoos wajjin hirmaattota ni taanaatii. 15 Kunis akkuma,
“Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
akka yeroo fincilaa sana,
mataa hin jabaatinaa”
jedhamee barreeffamee dha.
16 Warri dhagaʼanii fincilan sun eenyu? Warra Museen qajeelchee Gibxii baase sana hunda mitii? 17 Waaqni waggaa afurtama eenyu faatti aare? Warruma cubbuu hojjetanii reeffi isaanii gammoojjii keessatti kukkufe sanatti mitii? 18 Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Waaqni akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree? 19 Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina.
* 3:5 3:5 Lak 12:7 3:11 3:11 Far 95:7‑11 3:15 3:15 Far 95:7,8