Raajii
Haagee
1
Waamicha Mana Waaqayyoo Ijaaruuf Godhame
Bara bulchiinsa Daariyoos Mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jaʼaffaatti, dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin gara ilma Sheʼaltiiʼeel gara Zarubaabel bulchaa Yihuudaatii fi gara Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa akkana jedhee dhufe:
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun, ‘Yeroon itti manni Waaqayyoo ijaaramu amma illee hin geenye’ jedha.”
Ergasii dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin akkana jedhee dhufe: “Yeroon kun yeroo isin utuu manni kun diigamee jiruu manneen keessan kanneen miidhagfaman keessa jiraattaniidhaa?”
Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaada keessan karaa keessan irra kaaʼadhaa. Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti.”
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Karaa keessan hubadhaa. Tulluutti ol baʼaa; muka fidaa; manicha ijaaraa; anis isatti nan gammada; nan kabajamas” jedha Waaqayyo. “Isin waan baayʼee abdattan; garuu ni xinnaate. Isin manatti galfattan ani immoo nan afuufe. Kun maaliif taʼee?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Kun sababii utuu manni koo diigamee jiruu tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti fiigdaniif. 10 Kanaafuu sababii keessaniif samiiwwan fixeensa isaanii dhowwatan; laftis midhaan ishee dhowwatte. 11 Anis lafa qotiisaa fi tulluuwwaniitti, midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, zayitii fi waan lafti kennitu hundatti, namaa fi loonitti, hojii dadhabbii harka keessaniittis hongee waameera.”
 
12 Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Iyyaasuun ilmi Yehoozaadaaq lubichi ol aanaanii fi hambaawwan uummataa hundi sagalee Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi ergaa Haagee raajichaatiif ajajaman; Waaqayyo Waaqni isaanii isa ergeeraatii. Uummannis Waaqayyoon sodaate.
13 Ergasii Haageen ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee ergaa Waaqayyoo kana sabatti hime: “Ani isin wajjinan jira” jedha Waaqayyo. 14 Akkasiin Waaqayyo hafuura Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaa, hafuura Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaatii fi hafuura hambaa uummata hundaa kakaase. Isaanis dhufanii mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, mana Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban; 15 kunis bara Daariyoos mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, bultii digdamii afuraffaa jiʼa jaʼaffaatti taʼe.