Raajii
Anbaaqoom
1
Raajii Anbaaqoom raajichi arge.
 
Guungummii Anbaaqoom
Yaa Waaqayyo, ani hamma yoomiittin gargaarsaaf
sitti iyyadha?
Ati garuu na hin dhaggeeffattu;
yookaan ani hamma yoomiitti, “Goolii!”
jedhee sitti booʼee ati garuu na hin oolchitu?
Ati maaliif akka ani murtii dabe argu na goota?
Ati maaliif balleessaa namaa obsita?
Badiisnii fi gooliin fuula koo dura jiru;
lollii fi waldhabiinsi baayʼateera.
Kanaafuu seerri laamshaʼeera;
murtiin qajeelaan dabsameera.
Akka murtiin qajeelaan jalʼifamuuf;
namoonni hamoon qajeelota marsu.
Deebii Waaqayyoo
“Saboota hubadhaa ilaalaa;
akka malees dinqisiifadhaa.
Ani bara keessan keessa
waan isin yoo isinitti himame illee
hin amanne tokko nan hojjedha.
Ani warra Baabilon,
uummata gara jabeessaa fi ariifataa,
kan iddoo jireenya isaa hin taʼin qabachuuf
guutummaa lafaa keessa yaaʼu sana nan kaasa.
Isaan saba sodaatamuu fi naasisuu dha;
isaan ofii isaaniitiifuu seera;
ulfina isaaniis ni guddifatu.
Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu;
yeeyyii galgalaa caalaa sodaachisu.
Namoonni isaanii kanneen farda yaabbatan
ariitiidhaan gulufu;
abbootiin farda isaaniis fagoodhaa dhufu.
Isaan akkuma risaa waa nyaachuuf ariifatuu barrisu;
isaan hundinuu jeequmsaaf dhufu.
Tuunni isaanii akkuma bubbee gammoojjii gara fuula duraatti qajeela;
namoota hidhamanis akkuma cirrachaa walitti qaba.
10 Isaan mootota tuffatanii
bulchitootatti qoosu.
Daʼannoo hundatti ni kolfu;
biyyoos tuulanii isa qabatu.
11 Ergasii namoonni yakka hojjetan kanneen humna isaanii
waaqa isaanii godhatan,
akka bubbee lafa haxaaʼanii karaa isaanii itti fufu.”
Gungummii Anbaaqoom isa Lammaffaa
12 Yaa Waaqayyo, ati bara baraa jalqabdee jirta mitii?
Yaa Waaqa ko, yaa Qulqullicha ko, ati gonkumaa hin duutu.
Yaa Waaqayyo, ati akka isaan murtii kennaniif
isaan muuddeerta;
yaa Kattaa ko, ati akka isaan nama adabaniif isaan ramaddeerta.
13 Iji kee akka waan hamaa hin ilaalleef akka malee qulqulluu dha;
ati daba argitee obsaan dhiisuu hin dandeessu.
Yoos ati maaliif obsaan namoota hamoo ilaalta?
Ati maaliif yeroo namoonni hamoon
warra isaan caalaa qajeeloo taʼan liqimsanitti calʼistaa?
14 Ati namoota akka qurxummii galaana keessaa,
akka uumamawwan galaanaa kanneen bulchaa
hin qabnee gooteerta.
15 Diinni hokkoodhaan isaan hunda ol baasa;
kiyyoo isaatiinis isaan harkisa;
kiyyoo isaa keessatti walitti isaan qabata;
kanaafuu inni ni gammada; ni ililchas.
16 Inni sababii kiyyoo isaatiin bashannanee
nyaata isaa filatamaatti gammaduuf
kiyyoo isaatiif aarsaa dhiʼeessa;
kiyyoo isaatiif illee ixaana aarsa.
17 Inni kiyyoo isaa keessaa garagalchuudhaan,
gara laafina malee ittuma fufee saboota balleessuu qabaa?