3
Kadhannaa Anbaaqoom
Kadhannaa Anbaaqoom raajichaa shigiyonootiidhaan.*
Yaa Waaqayyo, ani oduu kee dhagaʼeera;
yaa Waaqayyo, ani gochawwan kee nan sodaadha.
Bara keenya keessa isaan haaromsi;
jabana keenya keessa isaan beekkamsiisi;
yeroo dheekamtutti araara yaadadhu.
 
Waaqni Teemaan irraa,
Inni Qulqullichi Tulluu Phaaraaniitii dhufe.
Ulfinni isaa samiiwwan haguuge;
galanni isaas lafa guute.
Miidhaginni isaa akkuma baʼiisa aduu ti;
gaanfawwan lama harka isaatii baʼu;
humni isaas achi dhokateera.
Fuula isaa dura dhaʼichatu deeme;
golfaanis isa duukaa buʼe.
Inni dhaabatee lafa raase;
ilaalee akka saboonni hollatan godhe.
Tulluuwwan durii ni burkutaaʼan;
gaarran bara hedduu jiraatanis ni diigaman.
Karaan isaa kan bara baraa ti.
Ani utuu dunkaanonni Itoophiyaa dhiphatanuu nan arge;
golgaawwan Midiyaaniis ni hollatu.
 
Yaa Waaqayyo, ati lageenitti aartee turtee?
Burqaawwanittis dheekkamtee?
Ati yeroo fardeen keetiin guluftetti,
yeroo gaariiwwan moʼannaa kee yaabbatetti
galaanatti dheekkamtee turtee?
Ati iddaa kee luqqifattee
xiyya itti dhaabbatte.
Lafas lageeniin gargar baqaqsite;
10 tulluuwwan si arganii hollattan.
Dhaʼaawwan bishaanii achiin darban;
tuujubni ni huurse;
dambalii isaas ol kaase.
 
11 Sababii xiyya kee calaqqisaa fiigu sanaatii fi
sababii ifa eeboo keetii sanaatiif aduu fi
jiʼi samii keessa dhaabatanii hafan.
12 Ati dheekkamsaan lafa irra marmaarte;
aariidhaanis saboota lafatti dhidhiitte.
13 Ati saba kee furuuf,
dibamaa kee oolchuuf dhufte.
Hoogganaa biyya hamootaa ni daakte;
mataadhaa hamma miillaatti qullaa isa hambifte.
14 Yeroo loltoonni isaa nu bittinneessuuf kaʼanii,
akkuma waan rakkattoota dhokatanii jiran
fixuu gaʼaniitti gammadanitti,
ati eeboo ofii isaatiin mataa isaa waraante.
15 Ati fardeen keetiin bishaanota gurguddaa
hoomacheessaa galaana irra deemte.
 
16 Ani dhagaʼeen garaan koo raafame;
hidhiin koo sagalee sanaan hollate;
tortorri lafee koo seene;
miilli koos ni hollate.
Taʼus ani hamma guyyaan badiisaa
saboota nu weeraranitti dhufutti obsaan nan eeggadha.
17 Yoo mukni harbuu daraaruu baatee
iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu,
yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee
lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu,
yoo hoolonni gola keessaa,
loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,
18 ani garuu Waaqayyotti nan gammada;
Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.
 
19  Waaqayyo Gooftaan jabina koo ti;
inni miilla koo akka miilla borofaa godha;
lafa ol kaʼaa irras na deemsisa.
Dura buʼaa faarfannaatiif. Meeshaa koo kan ribuutiin kan faarfatame.
* 3:1 3:1 Shigiyootiin gosa muuziiqaa ti.