12
Efreem bubbee nyaata;
inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga;
sobaa fi gooliis ni baayʼisa.
Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee
biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.
Waaqayyo waan Yihuudaa himatu qaba;
inni akkuma amala isaatti Yaaqoobin adaba;
akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.
Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe;
erga guddatee immoo Waaqa wajjin walʼaansoo qabe.
Inni ergamaa Waaqaa wajjin walʼaansoo qabee moʼate;
booʼees surraa kadhate.
Inni Beetʼeelitti isa argatee
achitti isa wajjin haasaʼe.
Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu,
maqaan isaa Waaqayyo!
Ati garuu Waaqa keetti deebiʼi;
jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii
yeroo hunda Waaqa kee eeggadhu.
 
Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu
nama gowwoomsuu jaallata.
Efreem akkana jedhee boona;
“Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera.
Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu
balleessaa yookaan cubbuu tokko illee
narratti argachuu hin dandaʼan.”
 
“Ani Waaqayyo Waaqa kee
kan biyya Gibxii si baasee dha;
ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee
kanneen murteeffaman sanaatti
deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.
10 Ani raajotatti dubbadhee
mulʼata hedduu kenneefii
karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.”
 
11 Giliʼaad hamaadhaa?
Sabni ishee faayidaa hin qabu!
Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu?
Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa
kan qotame irra jiruu ni taʼa.
12 Yaaqoob gara Sooriyaatti baqate;
Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile;
gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.
13  Waaqayyo biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf
raajiitti fayyadame;
inni karuma raajii sanaatiin isa kunuunse.
14 Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase;
Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana
isumatti deebisa;
arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.