6
Israaʼel Qalbii Jijjiirrachuu Didde
“Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa.
Inni nu ciccireera;
garuu nu fayyisa;
inni nu madeesseera;
garuu madaa keenya ni waldhaana.
Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf,
guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa;
guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.
Kottaa Waaqayyoon haa beeknu;
isa beekuufis haa tattaaffannu.
Akkuma aduun dhugumaan baatu sana
inni dhugumaan ni dhufa;
inni akkuma bokkaa gannaa,
akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti
gara keenya ni dhufa.
 
“Yaa Efreem, ani maalan si godha?
Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha?
Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa,
akkuma fixeensa barii baduu ti.
Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree
dubbii afaan kootiin isin fixe;
murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.
Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii;
aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.
Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru;
achittis anaaf hin amanamne.
Giliʼaad magaalaa hamootaa
kan dhiigaan faalamtee dha.
Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana,
gareen lubootaas akkasuma godhu;
isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan
karaa Sheekem irratti nama ajjeesu.
10 Ani mana Israaʼel keessatti
waan suukaneessaa tokko argeera.
Achitti Efreem ni sagaagale;
Israaʼelis ni xuraaʼe.
 
11 “Yaa Yihuudaa sittis
haamamuun murteeffameera.
 
“Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,