25
Waaqayyoof Galata Galchuu
Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti;
waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen
wantoota dinqisiisoo
bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef,
ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.
Ati magaalaa sana tuullaa dhagaa,
magaalaa dallaa jajjabaa qabdu immoo diigamaa goote;
magaalaan daʼannoo Namoota Ormaa turte sun
siʼachi hin jiraattu;
isheen gonkumaa deebitee hin ijaaramtu.
Kanaafuu namoonni jajjaboon si kabaju;
magaalaawwan saboota gara jabeeyyii si sodaatu.
Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan,
rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo,
bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu,
hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte.
Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan,
akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi
akkuma hoʼa gammoojjii ti.
Ati waca alagootaa ni calʼisiifta;
akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼu sana,
sirbi gara jabeeyyiis ni qabbanaaʼa.
 
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
tulluu kana irratti uummata hundaaf cidha nyaata gaarii,
affeerraa daadhii wayinii gogee,
foon coomaa fi daadhii wayinii filatamaa ni qopheessa.
Inni tulluu kana irratti,
haguuggii uummata hundatti haguugame,
golgaa saba hundatti golgame ni balleessa;
inni bara baraan duʼa ni liqimsa.
Waaqayyo Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa;
inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa.
Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
Isaan gaafas akkana jedhu;
“Dhugumaan kun Waaqa keenya;
nu isa amananne; innis nu oolche.
Kun Waaqayyoo dha; nu isa amananne;
kottaa fayyisuu isaatti gammannaa; ni ililchinas.”
 
10 Harki Waaqayyoo tulluu kana irra ni boqota;
Moʼaab garuu akkuma cidiin dikee keessatti dhidhiitamu sana
isa jalatti dhidhiitama.
11 Innis akkuma namni bishaan daaku tokko daakuuf harka balʼifatu sana,
gaara sana irratti harka isaa ni balʼifata.
Waaqnis of tuulummaa isaanii,
ogummaa harka isaanii wajjin gad deebisa.
12 Inni dallaa kee ol dheeraa dhagaan ijaarame sana,
akka inni duufu godha;
lafatti gad jigsees biyyootti dabala.