29
Magaalaa Daawitiif Wayyoo
Yaa Ariiʼeel, yaa Ariiʼeel,
magaalaa Daawit keessa jiraate, siif wayyoo!
Waggaa irratti waggaa dabalaa;
ayyaanonni waggaas ittuma haa fufan.
Taʼus ani Ariiʼeelin marsee nan qaba;
isheen boossee ni wawwaatti;
isheen anaaf akka Ariiʼeel taati.
Ani karaa hundaan naannoo kee nan qubadha;
gamoowwaniinis sin marsa;
tuullaa biyyoos sitti naannessee nan dhaaba.
Ati gad deebifamtee lafa irraa ni dubbatta;
haasaan kee biyyoo keessaa guunguma.
Sagaleen kee akka sagalee ekeraa lafa keessaa baʼa;
haasaan kees biyyoo keessaa hasaasa.
 
Diinonni kee hedduun garuu akka awwaara bullaaʼee,
gara jabeeyyiin baayʼeenis akka habaqii bubbeen fudhatee taʼu.
Akkuma tasaa utuu hin beekaminis,
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
bakakkaadhaan, sochii lafaatii fi waca guddaadhaan,
bubbeedhaan, bubbee hamaa fi arraba ibidda waa fixuutiin ni dhufa.
Ergasii tuunni saboota hundaa kan Ariiʼeeliin lolu,
kan ishee fi daʼoo ishee jajjaboo dhaʼee marsee qabu,
akkuma abjuu,
akkuma mulʼata halkan keessaa taʼa;
kunis akkuma namni beelaʼe tokko akka waa nyaachaa jiru abjuudhaan argee
yeroo dammaqutti garuu amma illee beela qabu sana,
yookaan akkuma namni dheebote tokko akka waa dhugaa jiru abjuudhaan argee
yeroo dammaqutti garuu amma illee dheebuudhaan gaggabu sana taʼa.
Tuuta saboota hundaa
kan Tulluu Xiyoon lolu irrattis akkasuma taʼa.
 
Rifadhaa; dinqisiifadhaas;
of jaamsaatii nama waa hin argine taʼaa;
machaaʼaa; garuu daadhii wayiniitiin hin taʼin;
gatantaraa; garuu dhugaatii jabaadhaan hin taʼin.
10  Waaqayyo hirriba cimaa isinitti buuseera;
ija keessan raajota, cufeera;
mataa keessan ilaaltootas, haguugeera.
11 Mulʼanni kun hundi isiniif dubbii kitaaba maramaa irratti chaappeffame malee homaa miti. Yoo isin kitaaba kana nama dubbisuu dandaʼu tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Sababii kitaabichi chaappeffameef ani dubbisuu hin dandaʼu” jedhee deebisa. 12 Yookaan yoo isin kitaaba maramaa kana nama dubbisuu hin dandeenye tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Ani akkamitti akkan dubbisu hin beeku” jedhee deebisa.
13 Gooftaan akkana jedha:
“Uummanni kun afaan isaatiin natti dhiʼaata;
hidhii isaatiinis na kabaja;
garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
Waaqeffannaan isaan na waaqeffatanis
seera namni barsiisu qofaan tolfame.
14 Kanaafuu ani amma illee dinqii irratti dinqii dabalee
uummata kana nan dinqisiisa;
ogummaan nama ogeessaa ni bada;
hubannaan hubattootaas ni dhokata.”
15 Warra karoora isaanii
Waaqayyo duraa dhokfachuuf jedhanii
qileetti gad buʼaniif,
warra hojii isaanii dukkana keessatti hojjetanii,
“Eenyutu nu arga? Eenyutu beeka?”
jedhanii yaadaniif wayyoo!
16 Kun jalʼina keessan,
suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu!
Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen
“Inni na hin tolchine” jedhaa?
Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan,
“Inni homaa hin beeku” jechuu dandaʼaa?
 
17 Libaanoon yeroo gabaabaa keessatti
lafa qotiisaa gabbatte hin taatuu?
Lafti qonnaa gabbataan sunis bosona hin fakkaattuu?
18 Gaafas duudaan dubbii kitaaba maramaa ni dhagaʼa;
iji nama jaamaa dimimmisaa fi dukkana keessatti ni arga.
19 Namni gad of qabu ammas Waaqayyotti ni gammada;
rakkattoonnis Qulqullicha Israaʼel sanaan ni gammadu.
20 Gara jabeeyyiin ni badu;
warri namatti qoosan ni barbadaaʼu;
warri hammina hojjechuu jaallatan hundinuu ni balleeffamu;
21 warri dubbiin yakkamaa nama godhan,
warri namicha mana murtiitti namaaf falmu dura kiyyoo kaaʼanii
sobaan dhugaa baʼuudhaan
murtii qajeelaa nama yakka hin qabnee jalʼisan ni balleeffamu.
22 Kanaafuu Waaqayyo inni Abrahaamin fure sun mana Yaaqoobiin akkana jedha:
“Yaaqoob siʼachi deebiʼee hin qaanaʼu;
fuulli isaas siʼachi hin dukkanaaʼu.
23 Isaan yeroo gidduu isaaniitti ijoollee isaanii
hojii harka kootii sana arganitti,
maqaa koo ni qulqulleessu;
isaan qulqullummaa Qulqullicha Yaaqoob ni beeku;
Waaqa Israaʼelis sodaachuudhaan ni jiraatu.
24 Warri dogoggoran hubannaa ni argatu;
warri guungumanis qajeelfama ni fudhatu.”