36
Senaaheriib Yerusaalemin Doorsise
36:1‑22 kwf – 2Mt 18:13,17‑37; 2Sn 32:9‑19
Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate. Ergasii mootichi Asoor, Raafaasqiis ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalem, Hisqiyaas mootichatti erge. Ajajaan sunis jalʼisii Haroo Ol aanu kan karra Lafa Qotiisaa Namicha Wayyaa Miicuutti geessu bira gaʼee dhaabate; Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan gara isaatti gad baʼan.
Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa:
“ ‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte? Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta? Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon Mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma. Yoo ati, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jette, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kanaa duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii?
“ ‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna! Yoos ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu, akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa? 10 Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee biyya kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’ ”
11 Kana irratti Eliiyaaqiim, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan.
12 Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?”
13 Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa! 14 Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni isin baasuu hin dandaʼu! 15 Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin.
16 “Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin nagaa buusaatii gara koo kottaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu; 17 kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti isin geessutti taʼa.
18 “Hisqiyaas, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin hin dogoggorsin; Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa? 19 Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu? 20 Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu biyyoota isaanii harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?”
21 Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine.
22 Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan, uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.