38
Hisqiyaas Dhukkubsachuu Isaa
38:1‑8 kwf – 2Mt 20:1‑11; 2Sn 32:24‑26
Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha: Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii” jedheen.
Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe: “Dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaasitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani magaalaa kana nan eega.
“ ‘Kun mallattoo Waaqayyoo kan akka inni waan waadaa gale sana guutu mirkaneessuuf Waaqayyo biraa siif kennamee dha: Ani akka gaaddidduun aduu tarkaanfii kurnan gulantaa Aahaaz irraan gad buʼe sana dugda duubatti deebiʼu nan godha.’ ” Kanaafuu gaaddidduun tarkaanfii kurnan gad buʼee ture sun dugda duubatti deebiʼe.
Barreeffama Hisqiyaas mootichi Yihuudaa erga dhukkubsatee fayyee booddee barreesse:
10 Anis, “Walakkaa umurii kootiitti,
ani siiʼool seenuun qabaa?
Bara jireenya koo kan hafes dhabuun qabaa?” nan jedhe.
11 Ani akkanan jedhe; “Ani biyya jiraattotaa keessatti,
lammata Waaqayyoon hin argu;
ani siʼachi sanyii namaa hin ilaalu,
yookaan warra addunyaa kana irra jiraatan wajjin hin jiraadhu.
12 Manni koo akkuma dunkaana tiksootaa
buqqifamee narraa fudhatameera.
Ani akkuma wayyaa dhooftuu jireenya koo marmareera;
inni miʼa wayyaa dhooftuu irraa na kuteera;
ati halkanii guyyaa na balleessita.
13 Ani hamma bariitti obsaan nan eeggadhe;
inni garuu akka leencaa lafee koo hunda caccabse;
ati halkanii guyyaas na balleessita.
14 Ani akka simbirroo yookaan akkuma daalotee nan wace;
akka gugee boossuus nan aade;
iji koo gara samii ilaaluudhaan dadhabe;
yaa Gooftaa ani rakkadheeraa kottuu na gargaari!”
 
15 Ani garuu maal jechuun dandaʼa?
Inni natti dubbate; inni mataan isaas waan kana godhe.
Ani waaʼee dhiphinaa lubbuu kootiif
umurii koo guutuu gad of qabee nan jiraadha.
16 Yaa Gooftaa, namoonni
waanuma akkasiitiin jiraatu;
hafuurri koos isaanumaan jireenya argata.
Ati na fayyiftee lubbuudhaanis na jiraachifte.
17 Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif.
Ati jaalala keetiin boolla badiisaa irraa na eegde;
cubbuu koo hundas, dugda kee duubatti gatte.
18 Siiʼool si galateeffachuu hin dandaʼutii;
duutis si jajachuu hin dandaʼu.
Warri qileetti gad buʼan,
amanamummaa kee abdachuu hin dandaʼan.
19 Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa,
yaa jiraataa jedhanii si jajatu;
abbootiin waaʼee amanamummaa keetii
ijoollee isaaniitti ni odeessu.
 
20  Waaqayyo na baraara;
nus bara jireenya keenyaa guutuu,
mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti
miʼa ribuu irraa hojjetameen faarfanna.
21 Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaatii dhullaa isaa irra kaaʼaa; innis ni fayyaa” jedhee ture.
22 Hisqiyaasis, “Akka ani gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee gaafate.