46
Waaqota Baabilon
Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa;
waaqonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru;
fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha;
horii dadhabeef baʼaa dha.
Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu;
baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan;
isaan iyyuu ni boojiʼamu.
 
“Yaa mana Yaaqoob,
isin hambaan mana Israaʼel hundi,
warri ani gaafa isin gadameessa keessatti
uumamtanii jalqabee ol isin qabee
gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.
Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti,
ani isa; isuma isin jiraachisuu dha.
Ani isin uumeera; isinan baadhas;
ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
 
“Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu?
Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu?
Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii
madaalliidhaan meetii madaalu;
Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru;
isaanis gad jedhanii sagaduuf.
Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu;
iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata.
Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu.
Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu;
inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu.
 
“Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa;
qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa.
Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa;
ani Waaqa; kan biraa hin jiru;
ani Waaqa; kan akka koo hin jiru.
10 Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa;
waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera.
Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata;
waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.
11 Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu,
lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama.
Ani waanan dubbadhe nan guuta;
waanan karoorfadhes nan raawwadha.
12 Yaa mata jabeeyyii,
isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa.
13 Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa;
innis fagoo hin jiru;
fayyisuun koos hin barfatu.
Ani Xiyooniif fayyina,
Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna.