50
Cubbuu Israaʼelii fi Ajajamuu Tajaajiltichaa
Waaqayyo akkana jedha:
“Waraqaan ragaa, kan ani ittiin haadha keessan hiikee
of irraa ittiin ishee geggeesse meerre?
Yookaan namni liqii narraa qabu
kan ani itti isin gurgure eenyu?
Isin sababii cubbuu keessaniif gurguramtaniirtu;
sababii yakka keessaniitiifis haati keessan ariʼamteerti.
Yeroo ani dhufetti namni maaliif achi hin jiraatin?
Yeroo ani waametti namni owwaatu maaliif achii dhabame?
Harki koo akka furuu hin dandeenyeef gabaabateeraa?
Ani isin baraaruuf humna dhabeeraa?
Ani dheekkamsa qofaan galaana nan gogsa;
lageenis gammoojjiitti nan geeddara;
qurxummiiwwan isaanii bishaan dhabanii ajaaʼu;
dheebuudhaanis ni dhumu.
Ani samiitti dukkana nan uffisa;
wayyaa gaddaas itti nan haguuga.”
 
Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf,
Waaqayyo Gooftaan arraba barate naa kenneera.
Inni ganama ganama na dammaqsa;
akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis
gurra koo dammaqsa.
Waaqayyo Gooftaan gurra koo naa baneera;
anis fincilaa hin turre;
ani dugda duubatti hin deebine.
Ani warra na rukutanitti dugda koo,
warra areeda narraa buqqisanitti immoo maddii koo nan kenne;
yeroo isaan natti qoosanii hancufa natti tufanitti,
ani fuula koo isaan hin dhokfanne.
Sababii Waaqayyo Gooftaan na gargaaruuf,
ani hin salphifamu.
Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera;
ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka.
Inni dhugaa naaf baasu dhiʼoo jira.
Yoos eenyutu na himata ree?
Mee walitti gad haa baanu!
Himataan koo eenyu?
Inni mee natti gad haa baʼu!
Waaqayyo Gooftaatu na gargaara.
Eenyutu natti mura?
Isaan hundi akkuma wayyaa moofaʼu;
dholdholeenis isaan nyaatti.
 
10 Isin keessaa kan Waaqayyoon sodaatee
dubbii garbicha isaatiif ajajamu eenyu?
Namni dukkana keessa deddeebiʼu,
kan ifa hin qabne,
maqaa Waaqayyoo amanatee
Waaqa isaatti haa irkatu.
11 Amma garuu isin warri ibidda bobeessitanii
guca bobaʼaa deemu qabattan hundinuu
ifa ibiddaa keessaniitii fi ifa guca
bobeessitanii keessa deemaa.
Wanni isin harka koo irraa argattan kanaa dha;
isin dhiphinaan ni ciciiftu.