54
Ulfina Egeree Xiyoon
“Yaa dubartii dhabduu,
kan takkumaa hin daʼin, amma faarfadhu;
ati kan takkumaa ciniinsifattee hin beekin iyyii faarfadhu;
guddisiitii ililchi.
Ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa
ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu”
jedha Waaqayyo.
“Iddoo dunkaana keetii balʼifadhu;
golgaa dunkaana keetii balʼisii diriirsi;
walitti hin dachaasin;
funyoo kee dheereffadhu;
qofoo kees jabeeffadhu.
Ati gara mirgaattii fi gara bitaatti ni babalʼattaatii;
sanyiiwwan kee saboota ni dhaalu;
magaalaawwan isaanii kanneen duwwaa hafan keessas ni qubatu.
 
“Hin sodaatin; ati hin qaanoftuutii.
Hin yaaddaʼin; ati hin salphattuutii;
Qaanii ijoollummaa keetii ni dagatta;
tuffii dhirsi kee sirraa duunaan sirra gaʼes siʼachi hin yaadattu.
Uumaan kee dhirsa keeti;
maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha;
Qulqullichi Israaʼel Furii kee ti;
innis Waaqa guutummaa lafaa jedhama.
Waaqayyo akka waan ati
akkuma niitii gatamtee garaan ishee gaddee,
akka niitii dargaggeessaa kan jibbamteetti
deebisee ofitti si waama” jedha Waaqni kee.
“Ani yeroo muraasaafan si dhiise;
garuu gara laafina guddaadhaan deebisee sin fida.
Ani dheekkamsa guddaadhaan
yeroo muraasaaf fuula koo si dhokfadheen ture;
garuu jaalala bara baraatiin,
garaa siifin laafa”
jedha Waaqayyo Furiin kee.
 
“Wanni kun anaaf akkuma bara Nohi,
yeroo ani itti bishaan Nohi deebiʼee lafa irra hin garagalu jedhee
kakadhe sanaa ti.
Kanaafuu ani akkan sitti hin aarre,
gonkumaas lammata akkan si hin ifanne kakadheera.
10 Tulluuwwan raafamanii,
gaarran buqqifaman iyyuu,
jaalalli hin geeddaramne kan ani siif qabu garuu hin raafamu;
yookaan kakuun koo kan nagaa hin diigamu”
jedha Waaqayyo inni garaa siif laafu sun.
 
11 “Yaa magaalaa miidhamte kan dambaliidhaan garagalfamtee
nama si jajjabeessu dhabde,
ani dhagaa gatii guddaatiin si ijaaree
sanpeeriidhaanis si hundeessa.
12 Ani fiixee kee lula diimaadhaan,
karrawwan kee dooqa calaqqisuun,
dallaa kee hunda immoo dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan nan ijaara.
13  Waaqayyo ilmaan kee hunda ni barsiisa;
nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.
14 Ati qajeelummaadhaan hundeeffamta;
cunqurfamuun sirraa fagaata;
wanni si sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
Gooliin sirraa fageeffama;
sitti iyyuu hin dhiʼaatu.
15 Yoo namni tokko iyyuu lola sitti kaase ani keessaa hin qabu;
namni lola sitti kaasu kam iyyuu harka sitti kennata.
 
16 “Kunoo, kan tumtuu sibiilaa kan cilee buufee
ibidda bobeessee miʼa waraanaa tumee
hojii isaatiif mijeessu sana uume anuma.
Kan nama waa balleessu tokko akka inni balaa buusuuf uumes anuma;
17 meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu;
atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta.
Kun dhaala tajaajiltoota Waaqayyoo ti;
innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha”
jedha Waaqayyo.