65
Murtii fi Fayyina
“Ani warra na hin iyyaafatinitti nan mulʼadhe;
warri na hin barbaadinis na argatan.
Ani saba maqaa koo hin waammatiniin,
‘Ani asan jira; ani asan jira’ nan jedhe.
Ani guyyaa guutuu gara uummata didaa taʼeetti,
kan karaa gaarii hin taʼin irra deemu,
kan yaada ofii isaa duukaa buʼuuf
harka koo nan diriirfadhe;
Isaan saba iddoo biqiltuu keessatti aarsaa dhiʼeessuudhaan,
iddoo aarsaa kan xuubii irrattis ixaana aarsuudhaan,
utuu gargar hin kutin, utuma ani arguu
dheekkamsaaf na kakaasanii dha;
isaan warra awwaala gidduu tataaʼanii
lafa dhoksaa bulanii dha;
warra foon booyyee nyaatanii
okkoteen isaanii bishaan foon xuraaʼaa baatuu dha;
isaan warra, ‘Achi fagaadhu; natti hin dhiʼaatin;
ani si caalaa qulqulluudhaatii!’ jedhanii dha.
Sabni akkasii funyaan koo keessatti akkuma aaraa,
akkuma ibidda guyyaa guutuu bobaʼuu ti.
 
“Kunoo, wanni kun akkana jedhamee fuula koo duratti barreeffameera:
ani hin calʼisu; garuu gatii hojii isaanii guutuu nan kennaaf;
dhugumaanis qomatti isaan nan baachisa.
Kunis cubbuu keessanii fi cubbuu abbootii keessanii ti”
jedha Waaqayyo.
“Isaan tulluuwwan irratti aarsaa dhiʼeessanii,
gaarran irratti waan na arrabsaniif,
ani hojii isaanii kan duriitiif,
kaffaltii guutuu isaaniifin kenna.”
Waaqayyo akkana jedha:
“Akkuma yeroo hurbuu wayinii keessa cuunfaan jirutti,
namoonni, ‘Amma iyyuu eebbatu keessa jiraatii,
hin balleessinaa’ jedhan sana,
anis tajaajiltoota kootiif akkasuma nan godha;
isaan hundas hin balleessu.
Anis Yaaqoob keessaa sanyii tokko,
Yihuudaa keessaa immoo warra tulluuwwan koo dhaalan nan biqilcha;
sabni koo filatamaan tulluuwwan sana dhaala;
tajaajiltoonni koos achi ni jiraatu.
10 Saba koo kan na barbaaduuf
Shaaroon lafa bushaayeen itti bobbaʼan,
Sululli Aakoor immoo lafa loon boqotan ni taʼan.
 
11 “Garuu isin warra Waaqayyoon dhiiftanii
tulluu koo qulqulluu dagattan,
kanneen waaqa ‘Milkii’ jedhamuuf
maaddii qopheessitanii,
waaqa, ‘Hiree’ jedhamuuf immoo dhibaayyuu kubbaayyaatti guuttan,
12 ani irbaata goraadee isinan godha;
isin hundis qalamuuf gad jettu; ani isin waameen ture;
isin garuu na jalaa hin owwaanne;
ani dubbadheen ture; isin garuu na hin dhaggeeffanne.
Isin fuuluma koo duratti waan hamaa hojjettanii
waan na hin gammachiifne filattan.”
13 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
“Garboonni koo ni nyaatu;
isin garuu ni beeloftu;
garboonni koo ni dhugu;
isin garuu ni dheebottu;
garboonni koo ni gammadu;
isin garuu ni qaanoftu.
14 Garboonni koo
gammachuu garaa irraa maddeen ni faarfatu;
isin garuu,
waan garaan keessan miidhameef ni boossu;
waan hafuurri keessan gaddeef ni wawwaattu.
15 Filatamtoonni koo maqaa isin dabarfattan sana
abaarsaaf itti fayyadamu;
Waaqayyo Gooftaan isin fixa;
garboota isaatiif garuu maqaa biraa ni kenna.
16 Namni lafa irratti eebbifamu kam iyyuu,
Waaqa dhugaatiin eebbifama;
namni lafa irratti kakatus,
Waaqa dhugaatiin kakata.
Rakkinni durii ni irraanfatama;
ija koo duraas ni dhokataatii.
Samiiwwan Haaraa fi Lafa Haaraa
17 “Kunoo ani, samiiwwan haaraa fi
lafa haaraa nan uuma.
Wanni durii hin yaadatamu;
yookaan qalbii namaatti hin dhufu.
18 Isin garuu waan ani uumutti,
bara baraan gammadaa ililchaa;
ani Yerusaalemin gammachuuf,
saba ishee immoo ililleef nan uumaatii.
19 Ani Yerusaalemitti nan gammada;
saba koottis nan gammada;
siʼachi sagaleen booʼichaatii fi
iyyaa ishee keessatti hin dhagaʼamu.
 
20 “Siʼachi, daaʼimni guyyaa muraasa qofa jiraatu,
yookaan jaarsi umuriin isaa hanqatu tokko iyyuu
ishee keessatti hin argamu;
namni waggaa dhibbatti duʼu,
akka waan dargaggummaan duʼeetti yaadama;
namni waggaa dhibba hanqate tokko,
akka waan abaarameetti hedama.
21 Namoonni mana ni ijaarratu; achi keessas ni jiraatu;
wayinii dhaabbatu; ija isaas ni nyaatu.
22 Siʼachi isaan mana ijaaranii namoonni biraa keessa hin jiraatan;
yookaan isaan biqiltuu dhaabanii namoonni biraa hin nyaatan.
Umuriin saba koo,
akkuma umurii mukaa ni taʼa;
warri ani filadhe,
hojii harka isaaniitiin bara dheeraa ni gammadu.
23 Isaan akkasumaan hin dadhaban
yookaan ijoollee balaan eeggattu hin dhalchan;
isaan sanyii isaanii wajjin
saba Waaqayyo eebbisu ni taʼu.
24 Ani utuu isaan na hin waammatin nan deebisaaf;
utuu isaan dubbatanii hin fixinis nan dhagaʼa.
25 Yeeyyii fi xobbaallaan hoolaa walii wajjin nyaatu;
leenci akka sangaa okaa nyaata;
biyyoon garuu soora bofaa taʼa.
Isaan tulluu koo qulqulluu hunda irratti homaa hin miidhan
yookaan homaa hin balleessan”
jedha Waaqayyo.