2
Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana. Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti.
Amantoota Jaallachuu fi Jibbuu
Nu yoo ajaja isaa eegne, kanaan akka isa beekne ni beekna. Namni, “Ani isa nan beeka” jedhu kan garuu ajaja isaa hin eegne kam iyyuu sobduu dha; dhugaanis isa keessa hin jiru. Garuu yoo namni kam iyyuu dubbii isaatiif ajajame, jaalalli Waaqaa dhugumaan isa keessatti guutuu taʼa. Kanaanis nu akka isa keessa jirru ni beekna; namni ani isaanan jiraadha ofiin jedhu kam iyyuu akkuma Yesuus jiraate sanatti jiraachuu qaba.
Yaa obboloota, ani ajaja moofaa isuma jalqabaa kaasee isin bira ture sana malee ajaja haaraa isinii hin barreessu. Ajajni moofaan kunis ergaadhuma isin dhageessan sana. Taʼus ani ajaja haaraa tokko isiniif nan barreessa; sababiin isaas dukkanichi darbaa, ifni dhugaa immoo waan amma iyyuu ifaa jiruuf dhugaan isaa isa keessattii fi isin keessatti ni mulʼata.
Namni ani ifa keessa jira ofiin jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu amma illee dukkana keessa jira. 10 Namni obboleessa isaa jaallatu hundinuu ifa keessa jiraata; wanni isa gufachiisu tokko iyyuu isa keessa hin jiru. 11 Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa jira; dukkanuma keessa jiraatas; inni waan dukkanni sun isa jaamseef gara itti adeemu hin beeku.
Sababii Ergaan Kun Barreeffameef
12 Yaa ijoolle, cubbuun keessan sababii maqaa isaatiif
waan isinii dhiifameef ani isiniifin barreessa.
13 Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif
ani isiniifin barreessa.
Yaa dargaggoota, isin waan isa hamaa sana moʼattaniif,
ani isiniifin barreessa.
 
14 Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif,
ani isiniifin barreessa.
Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif,
ani isiniifin barreessa.
Yaa dargaggoota, isin waan jajjaboo taataniif,
waan dubbiin Waaqaa isin keessa jiraatuuf,
waan isa hamaa sanas moʼattaniif,
ani isiniifin barreessa.
Addunyaa Hin Jaallatinaa
15 Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru. 16 Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti. 17 Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata.
Ilma Ganuu Irraa Of Eeggachuu
18 Yaa ijoolle, saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa ti; akka farri Kiristoos sun dhufu akkuma dhageessan sana ammuma iyyuu farroonni Kiristoos baayʼeen dhufaniiru. Kanaanis nu akka saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa taʼe beekna. 19 Isaan nu keessaa baʼan malee dhugumaan kan keenya hin turre. Utuu kan keenya taʼanii silaa nu biratti hafu turan; nu biraa deemuun isaanii garuu akka tokkoon isaanii iyyuu keenya hin taʼin mulʼise.
20 Isin garuu Isa Qulqulluu sanaan dibamtaniirtu; isin hundis dhugaa ni beektu. 21 Sababiin ani isinii barreessuuf waan isin dhugaa beektanii fi akka sobni tokko iyyuu dhugaa keessa hin jirres beektaniif malee waan isin dhugaa hin beekneef miti. 22 Nama Yesuus kun Kiristoos miti jedhee ganu malee sobduun eenyu ree? Namni akkasii farra Kiristoos; inni Abbaa fi Ilma ni gana. 23 Namni Ilma ganu kam iyyuu Abbaa illee hin qabu; namni waaʼee Ilmaa dhugaa baʼu hundinuu Abbaas qaba.
24 Wanni isin jalqabaa kaaftanii dhageessan sun isin keessa haa jiraatu. Yoo wanni jalqabaa kaaftanii dhageessan isin keessa jiraate, isinis Ilmaa fi Abbaadhaan ni jiraattu. 25 Wanni inni waadaa nuu gale kanaa dha; kunis jireenya bara baraa ti.
26 Ani waaʼee warra karaa irraa isin jalʼisuu yaalan sanaatiif waan kana isiniifin barreessa. 27 Garuu dibanni isin isa irraa argattan sun waan isin keessa jiraatuuf namni tokko iyyuu isin barsiisuu hin barbaachisu; dibanni isaa sun garuu waan waaʼee hundumaa isin barsiisuuf, dibanni sun waan dhugaa malee soba hin taʼiniif akkuma inni isin barsiise sanatti isumaan jiraadhaa.
Ijoollee Waaqaatii fi Cubbuu
28 Ammas yaa ijoolle, akka yommuu inni mulʼatutti ija jabina qabaannuuf, akka nu guyyaa dhufaatii isaattis fuula isaa duratti hin qaanofneef isaan jiraadhaa.
29 Isin yoo akka inni qajeelaa taʼe beektan, akka namni waan qajeelaa hojjetu hundinuu isa irraa dhalate ni beektu.