14
“Nama dubartoota irraa dhalate,
barri isaa gabaabaa fi kan rakkinaan guutamee dha.
Inni akkuma daraaraa ni biqila; ni coollagas;
akkuma gaaddidduu ariifatee darba malee hin turu.
Iji kee nama akkasii xiyyeeffatee ilaalaa?
Ati murtiif fuula kee duratti isa fiddaa?
Eenyutu waan xuraaʼaa keessaa waan qulqullaaʼaa baasuu dandaʼa?
Namni tokko iyyuu hin dandaʼu!
Barri jireenya namaa murtaaʼaa dha;
baayʼinni jiʼoota isaas si bira jira;
daangaa inni darbuu hin dandeenye daangessiteefii jirta.
Hamma inni akka hojjetaa tokkootti bara isaa raawwatutti,
fuula kee isa irraa deebifadhu; isas dhiisi.
 
“Mukni illee abdii qaba:
Yoo murame deebiʼee ni lata;
dameen isaa haaraanis hin gogu.
Yoo gufuun isaa lafa keessatti dulloomee
gufuun isaa biyyoo keessatti tortore iyyuu,
foolii bishaaniitiin lata;
akka biqiltuuttis damee ni baafata.
10 Namni garuu duʼee awwaalama;
lubbuun isaa keessaa baati; innis hin jiraatu.
11 Akkuma bishaan galaanaa gogu
yookaan lagnis dhumee gogu sana,
12 namnis akkasuma ni ciisa; hin kaʼus;
hamma samiiwwan darbanittis hin dammaqu
yookaan hirribaa hin kaʼu.
 
13 “Maaloo utuu awwaala keessa na dhoksitee
hamma dheekkamsi kee darbutti na haguugdee!
Maaloo utuu beellama naa kennitee
ergasii immoo na yaadattee!
14 Namni tokko yoo duʼe deebiʼee ni jiraataa?
Ani hamma haaromfamni koo dhufutti,
bara rakkoo koo hunda obsaan nan eeggadha.
15 Ati na waamta; anis si jalaa nan owwaadha;
hojii harka keetiis ni hawwita.
16 Yeroo sana ati tarkaanfii koo ni lakkoofta;
cubbuu koo garuu hin toʼattu.
17 Yakki koo korojootti naqamee chaappeffama;
ati cubbuu koo ni haguugda.
 
18 “Garuu akkuma tulluun lolaadhaan dhiqamee jigu,
kattaanis iddoo isaatii buqqaʼu sana,
19 akkuma bishaan dhagaa nyaatee haphisu,
akkuma lolaan biyyoo dhiqu sana,
atis akkasuma abdii namaa ni balleessita.
20 Ati bara baraan isa ni moota; innis ni bada;
bifa isaa ni geeddarta; of irraas isa fageessita.
21 Yoo ilmaan isaa ulfina argatan inni hin beeku;
yoo isaan salphatanis hin argu.
22 Dhukkuba dhagna isaa qofatu isatti dhagaʼama;
inni mataa isaa qofaaf booʼa.”