21
Iyyoob
Iyyoob akkana jedhee deebise:
“Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa;
kun waan isin ittiin na jajjabeessitan haa taʼu.
Yeroo ani dubbadhu naa obsaa;
erga ani dubbadhee booddee isin natti qoosuu dandeessu.
 
“Dhugumaan kan ani komadhu namaa?
Ani maaliif obsa hin dhabne ree?
Na ilaalaatii dinqisiifadhaa; harka keessanis
afaan keessan irra kaaʼadhaa.
Ani yommuu waan kana yaadu nan sodaadha;
hollannaanis na qabata.
Hamoonni maaliif itti fufanii lubbuun jiraatu?
Maaliif dulloomanii humnas argachaa deemu?
Ijoolleen isaanii naannoo isaaniitti,
sanyiin isaaniis fuula isaanii duratti jabaatanii dhaabatu.
Manni isaanii nagaa dha; waan sodaatu illee hin qabu;
uleen Waaqaas isaan hin tuqxu.
10 Kormi isaanii dhalchuu hin dadhabu;
saawwan isaanii ni dhalu; hin gatatanis.
11 Isaan ijoollee isaanii akkuma bushaayeetti bobbaasu;
daaʼimman isaanii immoo ni burraaqu.
12 Dibbee fi kiraaraan sirbu;
sagalee ululleetiinis ni gammadu.
13 Isaan bara isaanii badhaadhummaadhaan fixatu;
nagaadhaanis ni awwaalamu.
14 Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi!
Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu.
15 Akka nu isa tajaajilluuf Waaqni waan Hunda Dandaʼu eenyu?
Nu isa kadhannee maal arganna?’
16 Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru;
kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
 
17 “Garuu ibsaan hamootaa yoom iyyuu ni dhaamaa?
Balaan yoom iyyuu isaanitti dhufaa?
Waaqnis dheekkamsa isaatiin badiisa isaanitti fidaa?
18 Isaan akkuma cidii fuula qilleensaa duraa ti;
akkuma habaqii bubbeen hamaan fudhatee deemuu ti.
19 Isin, ‘Waaqni balleessaa nama tokkoo ilmaan isaatiif kuusa’ jettu.
Akka inni waan kana beekuuf Waaqni namichuma mataa isaatiif
gatii isaa haa kennu!
20 Iji isaa badiisa isaa haa argu;
inni xoofoo dheekkamsa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu haa dhugu.
21 Inni yeroo jiʼi isaaf qoodame dhumutti,
waaʼee maatii isaa kan dhiisee biraa deemu sanaa
dhimma maalii qabaata?
 
22 “Namni tokko iyyuu Waaqa beekumsa barsiisuu dandaʼaa?
Waaqni ol aantotatti iyyuu ni muraatii.
23 Namni tokko utuma itti tolee nagaan jiraatuu,
utuma humna guutuu qabuu,
24 utuma dhagni isaa gabbatee jiruu, utuma lafeen isaa
dhukaan guutamee jiruu ni duʼa.
25 Namni biraa immoo utuu gammachuu tokko illee hin argin,
jireenya hadhaaʼaa jiraachaa duʼa.
26 Isaan biyyoo keessa wal bira ciciisu;
lachan isaaniittuu raammoon ni tuutaʼa.
 
27 “Ani yaada keessanii fi
mala isin ittiin na miidhuu barbaaddan nan beeka.
28 Isin, ‘Manni namicha guddaa,
dunkaanni namoonni hamoon keessa jiraatan amma eessa jira?’ jettu.
29 Isin namoota karaa deeman hin gaafannee?
Waan isaan jedhanis hin qalbeeffannee?
30 Akka namni hamaan guyyaa balaa oolfamu,
akka inni guyyaa dheekkamsaa illee baraaramu hin qalbeeffannee?
31 Namni fuuluma isaa dura dhaabatee hojii isaa itti himu eenyu?
Namni gatii waan inni hojjetee baasuuf eenyu?
32 Inni gara awwaalaatti geeffama;
awwaalli isaas ni eegama.
33 Biyyoon sulula keessaa isatti miʼaawa;
namoonni hundi isa duukaa buʼu;
namoonni akka malee baayʼeenis fuula isaa dura deemu.
 
34 “Yoos isin akkamiin waan faayidaa hin qabneen
na jajjabeessuu dandeessu ree?
Deebiin keessanis soba qofa!”