23
Iyyoob
Iyyoob akkana jedhee deebise:
“Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha;
yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera.
Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee,
utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee!
Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee
afaan koo falmiin guuttadha ture.
Waan inni naa deebisu nan beekan ture;
waan inni naan jedhus nan hubadhan ture.
Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa?
Lakki, na dhaggeeffata malee.
Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata;
anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa.
 
“Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru;
ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu.
Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu;
yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis
ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu.
10 Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka;
yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha.
11 Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera;
ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera.
12 Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne;
nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.
 
13 “Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata;
kan isaan mormuu dandaʼu eenyu?
Inni waanuma jaallatu hojjeta.
14 Inni waan natti mure ni raawwata;
amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba.
15 Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma;
ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha.
16 Waaqni garaa koo ni raase;
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise.
17 Haa taʼu malee dukkanni,
dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine.