30
“Amma garuu warri umuriidhaan naa gadii,
kanneen ani abbootii isaanii
saroota hoolota koo tiksitu wajjin iyyuu
madaaluu tuffadhe, kunoo natti qoosu.
Warra humna dhaban,
jabinni irree isaanii maal na fayyada?
Isaan rakkinaa fi beelaan laafan;
lafa gogaa keessa,
gammoojjii namni keessa hin jiraanne keessa halkaniin jooran.
Daggala keessaa biqiltuu soogiddaa funaannatan;
nyaanni isaaniis hidda mukaa kan hin miʼoofne ture.
Isaan namoota gidduudhaa ariʼaman;
namoonnis akkuma waan hattuutti iyyaniitti itti iyyan.
Isaan akka laga gogaa keessa,
kattaa gidduu fi boolla lafaa keessa jiraataniif dirqamaman.
Bosona keessatti ni halaaku;
daggala keessattis walitti tuutaʼu.
Isaan gowwoota maqaa hin qabne,
kanneen biyyaa ariʼaman turan.
 
“Amma ilmaan isaanii sirba natti baafatan;
ani isaan gidduutti waan kolfaa taʼeera.
10 Isaan xireeffatanii narraa fagaatan;
fuula kootti tufuu irraas duubatti hin deebiʼan.
11 Sababii Waaqni iddaa koo laafisee gad na deebiseef,
isaan fuula koo duratti luugama baafatan.
12 Karaa mirga kootiin addaggeewwan kaʼaniiru;
miilla kootiif kiyyoo kaaʼaniiru;
biyyoos akka dallaa natti naannessan.
13 Isaan karaa koo natti cufu;
na galaafachuufis ni milkaaʼu;
namni isaan dhowwu tokko iyyuu hin jiru.
14 Akkuma nama qaawwa balʼaan dhufuutti,
ona diigamaa keessa gangalachaa natti dhufu.
15 Sodaan na liqimseera; ulfinni koo akkuma waan
bubbeedhaan fudhatamuutti narraa fudhatameera;
badhaadhummaan koos akkuma duumessaa bada.
 
16 “Amma lubbuun koo na keessatti dhumteerti;
barri rakkinaas na qabateera.
17 Halkan keessa lafeen koo ni waraanama;
dhukkubbiin na nyaatus natti hin furu.
18 Waaqni humna jabaadhaan uffata koo qabeera;
akkuma morma wayyaa kootti hudhee na qabeera.
19 Inni darbatee dhoqqee keessa na buusa;
anis akkuma biyyoo fi daaraa taʼeera.
 
20 “Yaa Waaqi, ani sitti nan iyyadha; ati garuu deebii naa hin kennitu;
ani nan dhaabadha; ati garuu calʼistee na ilaalta.
21 Ati gara jabinaan natti garagalta;
irree kee jabaadhaanis na dhoofta.
22 Ol na buttee fuula bubbee dura na oofta;
bubbee hamaa keessas asii fi achi na aata.
23 Ani akka ati gara duʼaatti,
gara mana warra lubbuun jiraatan hundaaf ramadameetti
na geessitu nan beeka.
 
24 “Dhuguma iyyuu yeroo inni rakkatee gargaarsa barbaachaaf iyyutti,
namni harka isaa isa irra kaaʼu tokko iyyuu hin jiru.
25 Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee?
Lubbuun koos hiyyeeyyiif hin gaddinee?
26 Garuu utuu ani waan gaarii abdadhuu, wanni hamaan natti dhufe;
utuu ani ifa eeggadhuus, dukkanni natti dhufe.
27 Keessi koo jeeqamaa jira; gonkumaa hin qabbanoofne;
barri gidiraas natti dhufeera.
28 Ani jajjabina dhabee asii fi achi deemee nan booʼa;
waldaa keessa dhaabadhees gargaarsaaf nan iyya.
29 Ani obboleessa waangoo,
michuu urunguus taʼeera.
30 Gogaan koo gurraachaʼee qolli irraa kaʼeera;
dhagni koos hoʼaan bobaʼeera.
31 Baganaan koo booʼichaaf, ululleen koo immoo
sagalee iyyaatiif qopheeffameera.