33
“Yaa Iyyoob amma garuu ati dubbii koo dhaggeeffadhu;
waan ani jedhu hundas dhagaʼi.
Kunoo ani afaan koo nan banadha;
dubbiin koos fiixee arraba kootii irra jira.
Dubbiin koo garaa qajeelaa keessaa baʼa;
hidhiin koos waan ani beeku ifatti baasee dubbata.
Hafuura Waaqaatu na uume;
hafuurri Waaqni Waan Hunda Dandaʼu baafatus jireenya naa kenna.
Egaa yoo dandeesse deebii naa kenni;
qophaaʼiitii fuula koo dura dhaabadhu.
Ani fuula Waaqaa duratti namuma akka keetii ti;
anis biyyoo irraan hojjetame.
Ati na sodaattee hin raafamin;
harki koos sitti hin ulfaatin.
 
“Dhugumaan ati utuma ani dhagaʼuu dubbatteerta;
anis dubbii kee dhagaʼeera.
Ati akkana jetta: ‘Ani qulqulluu dha; cubbuu illee hin qabu;
ani balleessaa hin qabu; yakka illee hin hojjenne.
10 Waaqni garuu balleessaa narratti argeera;
akka diina isaattis na ilaaleera.
11 Miilla koo gudeelcha gidduu galchee hidha;
karaa koo hundas ni eega.’
 
12 “Garuu ani sitti nan hima; kana irratti ati qajeelaa miti;
Waaqni nama caalaa guddaadhaatii.
13 Ati maaliif akka waan inni
dubbii namaatiif deebii hin kennineetti isatti guungumta?
14 Namni hubachuu baattu iyyuu,
Waaqni karaa tokkoonis, karaa biraatiinis ni dubbata.
15 Inni utuma isaan siree isaanii irra ciisanuu,
yeroo hirribni cimaan isaan qabutti,
abjuudhaan, mulʼata halkaniitiinis,
16 gurra isaaniitti ni dubbata;
of eeggachiisaanis isaan rifachiisa;
17 jalʼina irraa nama deebisuuf,
of jajuu irraas isa dhowwuuf,
18 lubbuu isaa boolla irraa,
jireenya isaas goraadeedhaan baduu irraa oolchuudhaaf.
 
19 “Namni tokko dhiphina lafee isaa keessaa
kan gargar hin cinneen, siree dhiphinaa irratti ni adabama taʼa;
20 kanaafuu jireenyi isaa nyaata jibba;
lubbuun isaas nyaata filatamaa balfiti.
21 Foon isaa nyaatamee dhuma;
lafeen isaa kan duraan dhokatee ture sun alatti yaaʼa.
22 Lubbuun isaa gara boollaatti,
jireenyi isaas ergamoota duʼaatti dhiʼaata.
23 Taʼus yoo kuma keessaa ergamaan Waaqayyoo tokko
akka itti qajeelaa taʼan isaanitti himuuf,
ergamaan Waaqaa isaanii dhaabatee jiraate,
24 yoo namichaaf garaa laafee ‘Boolla buʼuu irraa isa oolche;
ani furii isaaf argeen jira’ jedhe,
25 dhagni isaa akkuma dhagna daaʼimaatti haaromfama;
akka bara dargaggummaa isaattis ni deebiʼa.
26 Inni Waaqa ni kadhata; isa birattis fudhatama argata;
fuula Waaqaa ni arga; ni ililchas;
Waaqnis gara qajeelummaa isaa kan duriitti isa ni deebisa.
27 Ergasiis gara namootaa dhufee akkana jedha;
‘Ani cubbuu hojjedheera; waan qajeelaas jalʼiseera;
garuu waan naa malu hin arganne.
28 Inni akka isheen boolla hin buuneef lubbuu koo fureera;
anis jiraadhee ifa nan arga.’
 
29 “Waaqni waan kana hunda
yeroo lama, yeroo sadii iyyuu namaaf ni godha.
30 Kanas akka ifni jireenyaa isaaf ifuuf,
lubbuu isaas boolla irraa deebisuuf godha.
 
31 “Yaa Iyyoob qalbeeffadhuutii na dhaggeeffadhu;
ati calʼisi; ani nan dubbadhaa.
32 Yoo waan jettu tokko illee qabaatte deebii naa kenni;
dubbadhu, ani akka ati qajeelaa taate mirkaneessuu nan barbaadaatii.
33 Yoo akkas taʼuu baate garuu na dhaggeeffadhu;
calʼisi, anis ogummaa sin barsiisaa.”