39
Iyyoob
“Yeroo itti qellejjeen dhaltu beektaa?
Yeroo itti borofni ilmoo ishee dhaltu argiteertaa?
Jiʼa isaan garaatti ilmaan baatan ni lakkooftaa?
Yeroo isaan itti dhalan ni beektaa?
Isaan jilbeenfatanii ilmaan isaanii dhalu;
foolachuu isaaniis ni hobbaafatu.
Ilmaan isaanii ni jabaatu; alattis ni guddatu;
baʼanii ni deemu; hin deebiʼanis.
 
“Eenyutu harree diidaa gad dhiise?
Funyoo isaas eenyutu hiike?
Ani gammoojjii mana isaa,
lafa soogiddaas iddoo jireenya isaa godheen kenneef.
Inni waca magaalaa keessaatti ni kolfa;
iyya konkolaachisaas hin dhagaʼu.
Waan dheedu argachuuf tulluuwwan irra laba;
waan lalisaa hundas ni barbaada.
 
“Gafarsi si tajaajiluuf siif ajajamaa?
Dallaa kee keessas ni bulaa?
10 Akka inni lafa siif qotuuf funyoodhaan isa hidhuu ni dandeessaa?
Yookaan inni si duubaan boʼoo ni baasaa?
11 Ati waan inni humna guddaa qabuuf isa ni amanattaa?
Hojii kee jabaa illee isatti ni dhiiftaa?
12 Akka inni midhaan kee walitti qabee
oobdii kee irratti siif tuuluuf isa ni abdattaa?
 
13 “Guchiin gammachuudhaan qoochoo ishee afarsiti;
garuu qoochoo fi baallee huummootiin wal bira hin qabamu.
14 Hanqaaquu ishee lafa irratti buufti;
akka itti hoʼuufis cirracha keessatti dhiifti;
15 garuu akka miilli wayii caccabsu,
akka bineensi irra ejjetu hin yaadattu.
16 Cuucii isheettis akka waan isaan kan ishee hin taʼiniitti garaa jabaatti;
yoo dadhabbiin ishee akkasumaan bade illee isheef homaa miti;
17 Waaqni ogummaadhaan ishee hin badhaafneetii;
yookaan hubannaa isheef hin qoodne.
18 Yeroo fiiguuf qoochoo ishee balʼifattutti,
isheen fardaa fi namicha gulufutti kofalti.
 
19 “Ati fardaaf jabina ni kennitaa?
Yookaan morma isaatti gama uffisuu dandeessaa?
20 Akka inni akkuma hawwaannisaatti utaalu ni gootaa?
Ulfinni korrisa isaas sodaachisaa dha.
21 Inni humna isaatti gammadee akka malee guulee lafa dhidhiita;
baʼees miʼa lolaatti qajeela.
22 Inni sodaatti ni kolfa; waan tokko illee hin sodaatu;
goraadee irraas duubatti hin deebiʼu.
23 Manʼeen xiyyaa, eeboo fi ankaaseen calaqqisus
cinaacha isaatti bubbuʼee kililcha.
24 Siʼaaʼee rommuudhaan lafa haadha;
yeroo malakanni afuufamutti illee obsee dhaabachuu hin dandaʼu.
25 Inni yommuu malakanni afuufamutti
‘Uffee’ jedhee imimsa; waca ajajjootaatii fi iyya waraanaa,
foolii waraanaa illee fagoottu suufa.
 
26 “Cululleen ogummaa keetiin barriftee
qoochoo ishees gara kibbaatti balʼiftii?
27 Risaan ajaja keetiin ol baʼee
ol fagootti mana isaa ijaarrataa?
28 Inni qarqara hallayyaa irra jiraata; halkanis achuma bula;
kattaan fofottoqaanis daʼoo isaa ti.
29 Achi taaʼees waan nyaatu adamsa;
iji isaas fagootti waan sana arga.
30 Cuucoliin isaa dhiiga dhugu;
innis lafa raqni jiruu hin dhabamu.”