21
Beniyaamotaaf Niitonni Argaman
Israaʼeloonni, “Nu keessaa namni tokko illee Beniyaamotatti intala isaa heerumsiisuu hin qabu” jedhanii Miisphaatti wal kakachiisanii turan.
Sabnis gara Beetʼeel dhaqanii hamma galgalaatti fuula Waaqaa dura taaʼuudhaan sagalee isaanii ol fuudhanii hiqqifatanii booʼan. Isaanis, “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, wanni kun maaliif Israaʼel irra gaʼe? Harʼa gosti tokko maaliif Israaʼel keessaa dhabamaa?” jedhanii iyyan.
Namoonnis guyyaa itti aanutti ganamaan iddoo aarsaa tolchanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessan.
Ergasiis Israaʼeloonni, “Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa gosti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhanii gaafatan. Namni fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin haa ajjeefamu jedhanii Miisphaatti walii kakatanii turaniitii.
Israaʼeloonni garuu obboloota isaanii Beniyaamotaaf garaa laafanii akkana jedhan; “Harʼa gosti tokko Israaʼel irraa citeera. Egaa warra hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya? Nu akka intallan keenya isaanitti hin heerumsiifne Waaqayyoon kakanneerraatii.” Ergasiis, “Gosti Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhan. Isaanis akka namni tokko iyyuu Yaabeesh Giliʼaadii gara qubataa wal gaʼiidhaaf hin dhufin beekan. Yeroo namoota lakkaaʼanittis akka namni Yaabeesh Giliʼaad tokko iyyuu achi hin jirre hubatan.
10 Kanaafuu waldaan sun loltoota kuma kudha lama gara Yaabeesh Giliʼaad ergee akka isaan warra achi jiraatan, dubartootaa fi daaʼimman dabalanii goraadeedhaan fixan ajaje. 11 Isaanis, “Wanni isin gochuu qabdan kanaa dha; dhiira hundaa fi dubartoota durbummaa hin qabne hunda ajjeesaa” jedhan. 12 Isaanis namoota Yaabeesh Giliʼaad keessa jiraatan keessaa dubarran takkumaa dhiirri bira hin gaʼin dhibba afur argatan; gara biyya Kanaʼaan kan qubata Shiilootti argamu sanaattis isaan fidan.
13 Ergasiis waldaan guutuun Beniyaamota kattaa Rimoon bira jiraatanitti waamicha nagaa ergan. 14 Beniyaamonnis yeroo sanatti ni dachaʼan; dubartoonni Yaabeesh Giliʼaad kanneen duʼa jalaa baraaraman akka niitota isaaniif taʼaniif kennamaniif; garuu hunda isaanii wal hin geenye.
15 Namoonnis sababii Waaqayyo gosoota Israaʼel gidduutti gargari baʼumsa uumeef Beniyaamiif gaddan. 16 Maanguddoonni waldaas akkana jedhan; “Dubartoonni Beniyaam dhumaniiru; egaa dhiirota hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya? 17 Akka gosti tokko Israaʼel keessaa hin badneef Beniyaamonni hafan dhaaltota argachuu qabu. 18 Nu Israaʼeloonni sababii, ‘Namni intala isaa Beniyaamotatti heerumsiisu haa abaaramu’ jennee kakanneef, intallan keenya niitummaadhaan isaanii kennuu hin dandeenyu. 19 Kunoo ayyaanni Waaqayyoo tokko wagguma waggaan Shiilootti ni ayyaaneffama; Shiiloon kunis Beetʼeel irraa gara kaabaatti, karaa Beetʼeelii baʼee Sheekemitti geessu irraa gara baʼaatti akkasumas Leboonaa irraa gara kibbaatti argamti.”
20 Kanaafuu isaan akkana jedhanii Beniyaamota gorsan; “Dhaqaa iddoo dhaabaa wayinii keessa riphaa eeggadhaa. 21 Ilaalaa; yommuu dubarri Shiiloo sirbaaf baʼanitti iddoo dhaabaa wayinii keessaa baʼaatii tokkoo tokkoo keessaniif niitii tokko tokko qabaadhaatii gara Beniyaamitti deebiʼaa. 22 Yommuu abbootiin isaanii yookaan obboloonni isaanii nutti himatanitti, ‘Sababii nu yeroo waraanaatti tokkoo tokkoo isaaniitiif niitii arguu hin dandaʼiniif isin isaan gargaaruudhaan dhiifama nuu godhaa; isinis sababii jaallattanii dubara keessan hin kenniniif balleessaa hin qabdan’ jennaan.”
23 Beniyaamonnis akkuma isaanitti himame sana godhan; utuma dubarran sirbaa jiranuus tokkoon tokkoon namaa tokko tokko butee akka niitii isaa taatuuf fudhatee qajeele. Ergasiis gara dhaala isaaniitti deebiʼanii magaalaa isaanii haaromfatanii achi jiraatan.
24 Yeroo sanattis ijoolleen Israaʼel iddoo sanaa kaʼanii gara mana isaanii, gara gosa isaanii, gara lammii isaaniitii fi gara dhaala isaaniitti deebiʼan.
25 Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.